Karaa Garaatti Hafte

Dur- duri akkas jedhani Sangoota sadi ta’anii Waliin manaa ba’anii Deemutti ka’anii Karaarra bu’anii Bifti isaanii addaddaadha Sangaan tokko adiidha Kan lammataa gurraacha Inni sadaffaan daalacha Isaanii deemaa jiruu Waraabuu beela’ee jooruu Guyyaan walitti fide Waraabuus gammadee Daba garaatti yaadee! Itti siiqee nagaa gaafatee Iddoo deeman qoratee Tokkummaa isaanii sodaatee Mala salphaa filatee Gargar baasuuf … Continue reading Karaa Garaatti Hafte

Gaaddidduu keen arge

Maaliif na sodaattee Narraa achi fagaatee! Maalan sitti yakke Himadhu quuqqakee Dhala kee hin ajjeefne amaanaa keehin nyaanne Iccitii garaakoo hunda sin dhoksine Jiidhas sirraa kutee qoonqoo sin gogsine Simaafan jiraadha amma dadeetti koo Maaliif na dhoksite maali ballessaankoo Kan, nattii si ammeessee garaa asi jabeessee Alaala nu dhabee wal nu kajeechise Siif jedhee miidhamee … Continue reading Gaaddidduu keen arge