Madaa qonyonyaa hin qabne kan namni namaa hin beekne; kulkula jaarraa hedduu dawwaas kan hin arganne. Madaan malaa hin qabne abidda cidii keessaati.  Qoreen gaafa sanaa isheen laga ce’umsaas nu keessatti hafte. Kan nuuf tolu dhabnee doobbii fi gurgubbeen nutti maratte.

Bara dhufaa darbaa jirma jiidhaa fi ulfaataa baannee halkanii fi guyyaa; bonaa fi ganna dafqa xuruurfanne. Kan nurraa boqochiisu dhabne. Ciniinis nurratti hortee bishaanuma bulluqaa ittiin ofirraa miiccinu dhabne. Dhaloonnis itti wal jijjiiree lafee cinii argachuu dadhabe. Baay’een osoo deemuu afaan butaa bu’e; kaan osoo hojjetuu fajaje, kaan osoo daldaluu kisaare, kaan osoo baratuu wareegame, kaan osoo qotuu rirmaan wal dhabe, kan osoo alagaaf ergamtuu ta’ee akka saree olla irra jooruu abaaramee awwaalli isaa dhokate; kafanni isaa illee irraa fudhatame; karaa ba’uu fi galu wal’aalee godaane; maraatuu guyyaa keessaa ta’ee bujunjure; hunduu dhibamee dhibeee isaaf qoricha ga’aa argachuu dhabee halkanii fi guyyaa garaa dhukkubbiidhaan dhiphata. Addunyaa buburree; tokkoof toltee tokkoof summii; kan miidhus kan miidhamus waluma keessa baattee geejjiba walabaan fuutee joorti.

Guyyaa saafaa osoo deemnuu akka rafuu taana; yeroo isaatti gaafa rafnummoo yaadaan akka baduu taana; yoo ni hojjenna jennemmoo summii fi maltuuf jennee karaa achi bunnu wal’aalla; kuni maali laata? abaarsamoo? Sammuukoo jeequum,,,,ani garuu furmaatan dhabe,,,,,obboleessi obboleettiinis faayyaadhumatti raata’an,,,,,,dadhabaa, dadhabduu akka hin jenneef sammuu  xaa’oo kana baatanii deeemu; kan isaanii qofa miti kan addunyaa kanaafu furmaata ta’u; garuu maaltu qoricha itti hojjetee laata? Anattis maaltu qoricha godhee laata? Maaliif nuti hojjennee milkaa’uu dadhabnaa? Maaliif lollee mo’uu dadhabnaa? Mee isiniif dhiiseera deebii isaa.

Rakkina qabna akka hin jenneef marga lalisaa fi leensaa gidduu teenya; lageenii fi bosona gidduu jiraanna; albuudaa fi qabeenya uumamaa kan biroollee biyya keenyaa hantuutatu lafa jala gurgura; isheenis rimmaa wajjin waliigaltee lafa jala karaa baafattee daldala lafa jalaa eegalte; kanuma nuuf hirphu dhabneem. Bineensis nuun dhimmu; ilbiisis nuun dhimmitu; kan namaammoo dhiisuudha; safuudha! Uumaatu nu abaare akka hin jenneef oromoon garraamiidha; waaqa qulqulluu isaa amana; akka warraa saraxee fi sarxee taa’ee wal teessissee shira hidhaa hin oolu.

Ana kan na ajaa’ibe gadheen maaliif na biraa hin haftuu? Jala deemee gaafan lafa koo bal’ifadhu na duukaa yoon karaa biraa imalus na duukaaanoo harkumakootu eebbifamaadha;  kanaf waanti hunduu naaf tola, maaliif inaaftii gadheen, hojiitti hin jirtu afaaniin immoo akka faaggaati; oromoonis jedheera “Gadhee fi guuboo afaan dadhabu’’; kana bakakkaan barichaa fi calaqqeen samii dhufee yoo itti bu’e malee lafeen ishee hin badu; ribuu ishee yoo gargar diddiige malee badiisi ishee shakkii qaba; da’icha tolchuu qaba malee akka kanaan duraa ofirraa baasa rukunnaan hin baddu; kana xaaxaadhuma ishee dhiisanii osoo qoricha farra haramaa itti firfirsanii ilaalanii maal ta’aa? Maltuudhaam, daftee bishaan dacheekoo sana irratti dhugdee fayyiti, silaa namni bishaanicha dhuge mana qorichaa dhaquuu hin barbaadu; nyaatas  maaltu barbaada osoo hin  dhugin dheebuu nama baasa; safuu yaa magariisa biyya abbaakoo; kan dhagaa irra jiraachuu baree gaafa achi ga’u akkuma utaaluu ta’a; ana malee namni hin jiru jedha; nan qabinaa jedha; laftis kankooti jedha; bulee bubbuleee udaan isaa bulbulee maxinee dacheen kun kan qomookooti jedha.

Abbaa manaa fi haadha manaa; abbaa fi ilma; haadhaa fi intala; maatii hundaa afaan faajjessuun immoo amala isheeti. Maaliif garuu? Nuufis galeera’’ si afuufuun si liqimsuufi yaa marqa’’ jedhe oromoon. Isheedhaafi kaayyoo dha; teessee tilmaatee karaa ittiin milkoooftu baafatte. Ol haatee gadi haatee bitaa fi mirgatti haatee gidduu galuu filatte. seexanumu Hewaanii fi Addaamiin jannataa baase nutti taate. Qullaa nu buusisuuf yaaliii isheen hin goone hin jiru; garuu hin milkoofne. Dhahataa fi darbannaa hedduu gooteetti; addunyaa irra fiigdee lammii harka nagaas yakkamaa gochuuf yaalteetti.

Miidiyaa afaan saba bal’aas cufuuf qabeenya hedduu qisaasessiteetti; kan nama dhibummoo qabeenyuma keenyatu deebi’ee diina nutti ta’eem; eessaa dhufe jettanii yaaddu kan nurratti waa meeqa bitaa jiru, dhagaa keessaa yaa’e jettanii yaadduu? Dhagaan midhaan magarsee beekaa? Dhagaan albuuda jiidhaa kennnee beekaa? Dhagaan buna magarsee beekaa? Mee calla dhagaa irraa makaramee gabaa addunyaaf dhiyaatu natti himtuu?

Albuuduma keenya qottee sooressootaaf hirtee…..meeshaa jabanaa ittiin bittee ol adeemaa keenya karaatti hambisti…….hudhaa midhaan keenyaatu karaatti hafaa jira; ilbiisa farra midhaanii ta’aniin dhumaa jirra; biqilaan keenya osoo deemuu baala harcaafachaa jira; coollagaa jira; wayyoo yaa lammiikoo harkuma keenyaan of qalaa jirraam kana hundaaf kan karaa baase sareedha. Kan sareen mana keenya goote hin dubbadhu mataa dhukkubbii natti kaasa.

Saree guddisnee osoo itti hin fayyadamin harka duwwaatti hafne. Ishee abdannee midhaan keenya jaldeessaa fi qamaleen fixan; bira teessee haa eegdu jennee achitti hiinaan qamalee waamtee ofirraa hiiksistee midhaan keenya xaphii dhoofte. kan nyaattee fixxe qofa osoo ta’e nama hin aarsu kan isheen lafa midhaanii sanarra gangalattee lammata akka midhaan hin magarsine gootetu nama maraacha. Fiincaanii fi udaan ishee irratti haddee munyuuqaa lafa keessa jiru ajjeeste; egaa akkamiin lafti deebi’ee haa coomuree? Kana qofaaree hongeef lafa keenya saaxilte; saawwan warra ormaa halkaniifi guyyaa irraa dheechistee; lafa keenya qoqorsiiste. Guyyaa keessa lafti keenya malaaxaa ta’ee midhaan magarsuu dide; safuudha! Lafiti ni malaaxa’aa kun hojii saree keenyaati.

Nuti haalkan mana itti abdannee rafnaan waraabeessaan waliigaltee hoolaa fi saawwan keenya ficcisiiste. Horiin keenya dallaatti dhumte; kanneen dallaa cabasnii baqatan immoo osoo deemanii karaatti dhuman. Kaan immoo garaa galaanaa keessatti hafan; kaan butaa karaa irraatiif saaxilaman; kaan kale isaanii gammoojjii keessatti gurguran; kan harka garbummaa jala galanii jireenyi isaanii dhufaa darbaa rakkachaa jira sareen keenya kana nu goote; yeelloo nutti uffiste, lafti abdatan sanyii nyaata akkuma jedhan ta’e.

Barreessaa:
Yooseef Hambaa Tolaa
Kaadhimamaa digirii lammaffaa damee “Molecular Biology and Biotechnology”
‘PAUISTI_JKUAT’, Naayiroobii/Keeniyaa
Bilbila: +254705073580
E-mail: yosefhmb88@gmail.com /johato1989@gmail.com$
Facebook, Twitter: Yosef Hamba
Skype: yosef.hamba

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s