Abdii eegaa teenyee amma abdiin jiraannuu
Dhaloota abdatame nuti maaf hintaanuu?
Kan kaleessa ture dhaloonni nuduraa
Abdiisaa bor nyaata har’a alala guuraa
Nuufis sooratasaa abdii nuukudhaame
Abdiin bara taru jabeessee nu dhaane
Nuti hoo maal yoo goone wayya?
Madaan bara hedduu akkamiin nufayyaa?
Moo nutis abdii waliin dhalannee?
Abdiin bara baanee abdiidhaanis duunaa?
Dhaloota nuboodaas gabroota abdii goonaa?
Abdiima facaafannee abdiima haammannaa?
Silaa firiin abdii injifannoo turee
Abdiin keenya garuu abdiima nu hoore
Gaaffii Qofa!
Baay’een barataadha kaanis qotee bulaa
Gariin daldalaadha kaan horsiisee bulaa
Kaan hafuura yaasa akka huuruu gaaguraa
Kaan didichaa oola akka dhagaa baaburaa
Fedhiin kan rarra’e yaada maraattummaa
Kan qalbiin raata’e umurii dullumaa
Baay’een hadoodaadha utuu arguu jaamaa
Abshaala fakkaata hinqabu gamnummaa
Hojiidhaan lallaafaa hawwiin gama sana
Utuu namni hintuqiin ofumaan dallana
Hojjetee harkaa hinqabu kan namaaf maassana
Akka abbaa hojii hafuuraa hargana
Yaadni hammeenyaa kun akka sum’ii bofaa
Kan hojii hinjaallanne oduunsaa tokkoffaa
Ofiifoo hindhibaayaa maaf warra kaan balfa?
Waan namaaf ife kun anaaf gaaffii qofa!
Daraartuu
Amboo