Abdii

Abdii eegaa teenyee amma abdiin jiraannuu Dhaloota abdatame nuti maaf hintaanuu? Kan kaleessa ture dhaloonni nuduraa Abdiisaa bor nyaata har'a alala guuraa Nuufis sooratasaa abdii nuukudhaame Abdiin bara taru jabeessee nu dhaane Nuti hoo maal yoo goone wayya? Madaan bara hedduu akkamiin nufayyaa? Moo nutis abdii waliin dhalannee? Abdiin bara baanee abdiidhaanis duunaa? Dhaloota nuboodaas … Continue reading Abdii

Haala Namootaa

Akkaataa qo’annoofi qorannoo ogeessota  xin-sammuutti, haala (amala) namootaa bakka  lammatti qoodu.Inni tokkofaa, Abdii Qabeessota [“Optimist”] jedhaama.  Kana  jechuunis, waan hundumaa  ija gaariin [positives] kan ilaalaniifi fudhatanidha. Fakkeenyaf  ani kitaaba sirraa  ergifadhee, sababa rakkoo yaadaa, hubannoo dhabuufi  xin-sammuu qabu irraa kan ka’een  kitaaba  kana  yerootti siif  hindeebisne. Ati garuu deebii gaarii anaaf qabdu akkam akka ture  … Continue reading Haala Namootaa