Utuuf eegeen dugda duuba deemti

Jechuun mammaakamti

Utuun kun  maalumaa waanuma akkamiitii?

Haata’u iyyuu malee maali faayidaansaa?

Maaluma fakkaataa akkami bifnisaa?

Diimaa gurraachamoo adii magariisaa?

Waan akka Aannanii dhugamee nama qabbaneessu?

Moo waan alanfatamu?

Yookaan midhaan ta’ee beelaaf kan nyaatamu

Utuun uffatamoo kan uffatanii ittiin miidhagani

Moo akka muka odaa jala taa’anii kan itti boqotani

Yookaan ija qabaatee beelaaf kan nyaatani?

Ergasii maaliree faayidaan utuudhaa?

Erga hin nyaatamne akka midhaaniidhaa

Erga hin dhugamne akka bishaaniidhaa

Ofumaa jiraatee yaada namaa keessa

Gaabbiidhaan dhiphisee yaada namaa raasa

Kanaafuu maaliree utuun faayidaansaa ?

Yeroo darbee badetti sirriitti gaabbuudhaa

Guyyaan har’aa kuni firiinsaa guutuudhaa

Itti fayyadamuu baannaan har’is bor- utuudha.

Dassaaleny Kabbadee Qananii

Mobile: +251 911 940 875

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s