Kuulaniin barcuma miila sadii qabu tokkorra teessee, harka isheen maddii ishee utubdee farda yaadaan takka dachaa bu’aa, takka immoo tabba bahaa imala dhuma hin qabne imalaa jirti. Kan kaleessaa duubatti deebitee yeroo yaaddu duwwummaan isheetti dhaga’ame. Keessumaa yaadni kaleessa Bashaatuun dhiyeessiteef immoo caalaatti mataa bowwuu isheetti ta’e. Gara itti gortu wallaalte. Fira mariyattu hin qabdu. Ofii ishee murteessuuf humna dhabde. Lamaan isaa keessaa tokko filachuun dirqama.Garuu isa kam? Yoo tole jette Marartuu of biraa dhabdi. Yoo didde immoo kan caalu Marartuu lubbuudhaan dhabuu dandeessi ta’a. Sanas ta’u kana tokko hin oolu.Yeroon garuu hin jiru. Marartuun manaatii taa’iifi dhaabii ishee dhorkatteetti. Erga taphattee kokkolfitee bubbulteetti. Hiriyyoonni ishee hundi qalamaafi dabtara (barruulee) bitatanii guyyaa manni barumsaa banamu hawwiin eeggachaa jiru.

Marartuun garuu barana barumsa itti fuufuu akka hin dandeenye erga bartee keessi ishee nagaa dhabeera. Kuulaniinis dhiphina Marartuu kana hin wallaalle. Garuu humna isheetii olta’e malee. Dameefi Lalisaan barumsaaf ga’anii irra darbaniiru. Manni isaanii dukkanaan liqimfameera.

Marartuun irbaata qopheessitee, Lalii ka’ii bishaan harkaa buusi jette. Mana Kuulaniitti seerri hangafaafi quxisuu ni kabajama. Hunduu waliif ajajama. Kan isaanitti hir’ate safuu, maal jedhuu osoo hin ta’iin qabeenya qofa. Lalisaan bishaan harkaa erga buusee booda, Marartuun nyaata fiddee gidduu isaanii keesse, Buddeen isheen dhiyeessite gabateerraa hin mul’atu. Raafuun irra tuulamee gaara cilaaloo fakkaata.

Marartuun garuu nyaachuuf fedhiin nyaataa ishee waan cufame fakkaata. Sababa isheen diddeef Kuulaniin hin wallaalle. Dameefi Lalisaan nyaachuu jalqabaniiru. Kuulaniin; Maree koo nyaata dhiisuun furmaata hin ta’uum! Dhukkubni kee dhukkuba kooti, rakkinni kee rakkina kooti, ani isin malee hin qabu, isinis na malee hin qabdan. Garuu homaa isinii gochuun dadhabe. Humnas nan dhabe. Abbaan keessan yeroo turetti hunduu nu jaallata ture. Amma garuu maal rakkattan nama nuun jedhu dhabne jettee waa’ee jireenyasaanii dukkana keessaan seenessiteef. Manni isaanii ibsaa hin qabu. Isaanoo silaa hiyyeessa ta’aniiti, warruma qabaniifuu ibsaan magaalaa Shaambuu dabareedha. Yeroo tokko tokko immoo achumaan badee daakuun manaa dhumee kan beela’u danuudha. Shaambuun hara Fincaa’aa, Amartiifi Nashee ollaa teessee yeroo dukkanaan weeraramtu kun salphinaa dha.

Manichi waan dukkanaa’eef fuula isaaniirraa hin mul’atu malee ijoolleen imimmaan hiyyummaa lolaasaa jiru. Harmee bara baranaa barumsa itti hin fufu taanaan…jettee imimmaan ishee hudhe jennaan waan dubbachuu barbaadde osoo hin xumuriin rarraastee hambiste. Osoo wal falmii jireenyaa dukkana keessaan gaggeessanii, bokkaan jandoon sagalee dhokfatee deemu gadi jignaan, manni isaanii dhimphisee haasaa isaanii addaan kute.

Waan isheen barbaaddu hunda nan guutaaf, barumsa ni baratti, nuyi lachuu ganama baanee galgala galla. Yeroo hundaa mana cufaatti galuurra jedheetan malee hojiin hamma kanaatti nu rakkisu hin jiru, as teessee qorra hiyyummaan hadooduurra, barattee boru nama ta’uu isheef wayya, siifis wabii taati jettee Bashaatuun Kuulaniitiin sossobde. Kuulaniin waan dubbattu dhabdee lafa ilaaltee calliste.

Calleensa xiqqoo booda ol jettee, Bashaatuu waan ati dubbatte kana wallaaleen miti, garuu… ijoolleen koo imaanaa dha, imaanaa abbaa isaanii, akka hin rakkaanne, akka hin beelofne, akka hin dheebonne kufii ka’ii naaf guddisi jedheera, ani garuu humna ittiin dhaamsa isaa galmaan ga’u nan dhabe. Egaa ani kanan siin jedhu waanan sitti himu kana yaadachaa dhala koo naa barsiisi. Imaanaa abbaashee dabarsee sitti kenneera jette imimmaan ishee sabbata bututtuu mudhiisheetiin haqachaa. Bashaatuun waan gaddite fakkaatti. Boquu cabsitee lafa ilaalti. Yeroon isaa haa fagaatu malee osoo akka har’aa hin ta’iin karfaffuun hiyyummaa ishee xuqeera. Har’a garuu barri sun akka lolaa lola’ee darbeera.

Homaa tokko hin yaadda’iin dhalli kee nabiratti hin miidhamtu jette Bashaatuun oljettee kuulanii ilaalaa. Waan walii galan fakkaatu. Boru ganama akka walargan walitti himanii nagaa walitti dhaamanii adda bahan. Lachuu hamma mana mana isaanii ga’anitti yaada mataa isaanii waliin haasa’aa galan.

Marartuuf guyyaa haaraan yaada haaraa qabatee dhufeera. Dubbii kana yeroo dhagessu keessi ishee nagaa dhabe. Ni jeeqamte , barnootaaf jettee maatii isheerraa adda bahuun, sanuu mana namaa galuun hammam akka ulfaatu gamanumatti tilmaamtee sodaatte. Dammeefi Lalisaan yeroo dhimmicha dhaga’an ni rifatan. Tokkittii obboleettii isaanii dhabuu hin barbaadan. Garuu hojii humnaa hojjetanii ishee barsiisuuf irree hin jabeeffanne. Waan godhan yeroo dhaban wal cinaa taa’anii boo’uu qofa filatan. Sanas ta’u kana Marartuun obsitee deemuuf murteessite. Guyyaan deemtu boru ta’ullee, eessa akka deemtu mana eenyuu akka deemtullee adda hin baafanne. Kuulaniin takka takka gaabbiin keessasheetti dhaga’ama.

Bashaatuun haala hunda mijeeffattee deemuuf qajeelteetti. Marartuunis qophooftee uffatashee peestaalii keelloo tokkotti naqattee harmeeshee cinaa dhaabbattee imimmaan lakkuu lakkuu dhangalasti. Obboleessi Bashaatuu shaanxaa dugdatti baatee isaan bira darbe, Bashaatuun boodasaa dhufte. Bashaatuun yeroo Kuulanii agartu “ni gaabbitee?” jette. Kuulaniin lakki jette sagalee gadi bu’een. Garaanshee mooga’eera. Bashaatuun qarshii dhibba sadii sabbata kuulanii isa qarshii digdamaa ol baatee hin beeknetti suuqxee koottu ni deemna bareedduu koo jette Marartuudhaan.

Marartuunis Dameefi Lalisaa maddii isaanii keessa dhudhungattee harmeesheetti maramtee nagaa itti dhaamtee osoo boossuu fuulashee gara fuulduraatti naanneffatte. Deemuu isheeti, isaanirraa adda bahuu isheeti, Dameefi Lalisaan bitaafi mirgaan wandaboo harmee isaanii qabatanii dhabbatanii ijaan ishee gaggeessan. Kuulaniin dhalashee waan gurguratte isheetti fakkaatee ofitti gaddite. Deebitee immoo qoraan laga boxoo guurtee ijoollee barsiisuuf haalli fayyaashee sodaachisaa ta’uusaa yaadattee of jajjabeessite.

Kuulaniin Magaalaa Shaambuu ganda 02 keessaa naannoo mana barumsaa Moodelii sadarkaa tokkoffaa jiraatti. Manni isheen keessa jirtu godoo laga boqqollootti ijaarratanirra waa malee hin jirtu. Qoraan laga boxoofi sakkeetii guuruun maatiishee bulchiti. Yeroon goonaan malee yeroo abbaan manaashee Dhugaasaan jiru akkuma hiriyyaashee naqxee obasteetti, tolchitee nyaachifteetti, beela nama oolchiteetti. Warri isheen yeroo san gargaarte har’a nagaa waaqayoollee ishee lagan. Silas “namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a” jedhu mitiiree jettee itti dhiisteetti.

Bashaatuun ganda baadiyyaa Bariisootti dhalattee guddatte. Barnoota sadarkaa 1ffaa mana barumsaa Moodeliitti osoo barattuu, maatiin ishee Tolasaatti heerumsiisan. Bashaatuun garuu Tolasaa waliin bultii gadhattee jiraachuun du’a isheetti ta’e.

Tolasaan qabeenya qaba malee umuriidhaan abbaashee gadi hin ta’u. kanaan booda Bashaatuun Tolasaa jalaa baddee magaalaa Naqamtee kan jirtu adaadaa ishee bira deemte. Barnootas itti fuftee achumaan abbaa warraa ishee isa ammaa Gammachuu waliinis wal barte. Erga guyyaa Tolasaa jalaa baddee deemtee Shaambuutti hin deebine. Kun yeroo jalqabaa isheeti. Kanallee akkoon ishee boqonnaan dhufte malee dhufuuf fedha godhattee miti.

Marartuun magaalaa Shaambuutii ba’uun yeroo jalqabaasheeti Konkolaataan saffisa isaa waan dabale fakkaata. Sirbi konkolaataa sana keessaa immoo Marartuu garaa booresse. Sirba Abitawu Kabbadaa; fageenya na dhowweef malee siyaaduu hin dhiisne haadha koo, maaliin godhaa garuu fageenyatti haa hammaatu nagaan taa’i, rakkattus rabbi jiraa beeloftus obsii taa’ii… imimmaan kee gaafasii yemmuu nagaggeessituu, deessee guddistee na dhabde haadha koo attam sii ta’uu… Kan jedhu dhaggeeffattee waan du’atti deemaa jirtu isheetti fakkaate malee kan jireenyatti deemtu itti hin fakkaanne. Addunyaa onteettu, kan namni irraa godaane, addunyaa simboo hin qabnetti waan deemtu isheetti fakkaate.

Ji’a sadii booda, Marartuun magaalaa Naqamtee ammallee keessashee hin beektu. Guyyaa hojii mana keessaa hojjechaa ooltee, galgala baratti. Iddoo barruuleen ishee jiru kan yaadattu yeroo barumsa deemtu qofa. Hojiin isheetti ulfaateera. Haalli hundumtuu akka isheen eegdetti hin taane. Bashaatuun iddoo dubbattetti hin argamne. Waadaashee eeguu dadhabde.

Marartuun haala nama gaddisiisu keessa jirti. Keessumaa erga guyyaa maatii isheerraa adda baatee afuurasaanii dhageessee hin beektu. Baay’ee isaan yaaddeetti. Maaliif hin yaadduree? Simboo qabeettiin intalaa yaaddoon fuulashee waan coologse fakkaata.

Ta’us miidhaginnishee uumamaa keessuma darbee ofitti nama hawwata. Dabbassaan ishee inni dibata tokko malee nuugii tumaa tole fakkaatee dugda isheerratti jigeeru sun qalbii nama hata. Dhaabbiin ishee kan namatti tolu shooxee mudhii ribuu taatee soolana guddachaa jirtu dha. Harmishee reefu guntutee akka gaafa jibichaa gamaaf gamanaan dhaabbatanii waan nama taajjaban fakkaatu. Hojiin hammam isheetti ulfaatullee haamileen keessashee cimaafi barumsasheef dammaqxuu ta’uu ibsa.

Dilbata ture guyyaansaa. Qe’een Bashaatuu calleensaan guutameera. Marartuun yeroo namni hin jirretti televizyinii ykn teeppii bantee hin taphachiiftu. Yoo yeroo argatte kitaabota adda addaa dubbisuu jaalatti. Keessumaa kitaabota asoosamaa Gammachuun yeroo barataa turetti bitee mana naqeeru sana tokko tokkoosaa dubbistee fixxeetti. Har’a garuu hojiitiin qaamnishee waan bututeef, callistee footee (soofaa) gubbaa akka ciisuu taateetti. Sagaleen balbala manaa yeroo xiix jedhu ofirra mil’attee Gammachuu ta’uu bartee iddoo teessuu kaatee gara golaatti dabarte.

Fuulli Gammachuu yeroo kaan caalaa waan ife fakkaata. Akkuma seeneen kootii isaa baafatee taa’ee “Marartuu mee bishaan dhugaatii naaf buusi” jedhe. Marartuun bishaan fiddee yeroo itti hiixattu harkaa fuudhuu dhiisee “har’a baay’ee sitti bareedeera’ jedhe ijashee keessa ilaalaa. Marartuun akka bishaan qabattee jirtutti gadi jettee jirti. Boquushee caalaatti dabsite malee homaa hin dubbanne. Harki isaa hiixatee burcuqqoo bishaanii bira darbee harkashee qabate. Isheenis rifattee burcuqqicha lafatti yeroo dhahamu altokkoon xamarmaree of jala ishee buuse. Maalinni waliinsaa? Gaashee! Maal taate? Jechaa gadhiifachuuf yaalii goote. Humnishee garuu kan irree Gammachuu jalaa ishee baasu miti. Walmorkii daqiiqaa yartuu booda Gammachuun fedha foon isaa isheerratti raawwate. Hamma daqiiqaa 30 tti Marartuun of hin barre. Hammasheen of bartutti qoqophaa’ee, yeroo isheen oljettu shugguxii baafatee addasheetti xiyyeeffate. Badiin isa ammaati. Dirqamaan gudeedamtee lubbuushees dabarsitee kennuuf jirti. Aarsaa gatii dhabeessa taate lubbuunshee. Marartuun akka allaadduu bishaan keessaa rom’ite. Dhimma kana Bashaatuutti dubbannaan reeffakeen gugguba jedhee doorsise. Ka’i amma na dhukkuba jedhii ciisi jedhee manaa bahe.

Gammachuun Bashaatuu erga fuudhee boqonnaa hin qabu. Keessumaa heerumtee kan baate ta’uushee erga dhaga’ee immoo argaashee jibbeera. Sababa kanarraa kan ka’e qarshii isaatiin dubartoota mana bunaa waliin yeroo hedduu deddeebi’ee ciiseera. Guyyaan sun darbe. Osoo Bashaatuun hin beekiin yeroo hedduu deddebi’ee Marartuu bira ga’eera. Marartuun dhimma kana himuuf lubbuusheef sodaatte. Dhiisuuf isa waliin waan akkasii raawwachuun du’a isheetti ta’e. Haaluma kanaan ji’oonni ja’a darban. Akka tasaa gaaf tokko osoo Marartuun dhaqna dhiqattuu Bashaatuun ergaa itti himtee deemuuf kutaa dhiqannaa yeroo bantu, Marartuun bakkuma dhaabbattetti gogdee hafte. Dhofkachuuf yaalii gootus ulfishee hin dhokanne. S ii namni baratu? Sii namni kaayyoo? Itti iyyite. Kashalabbee! Amma iddoo fiddetti narraa fudhuu deemi ija koo duraa! Saree! Jette Bashaatuun. Duruu baasa hin toltu. Marartuu dacheen gargar banamtee ishee hin liqimsitu. Samiin ol ishee hin fudhatu. Lafa hin beektu, nama hin beektu, qarshii hin qabdu. Keessumaa waa’ee maatiishee yeroo yaaddu imimmaanshee akka burqaa gannaa lola’a, harmeen koo anaaf jettee qoraan baatte, namaaf ergamte, har’a humnishee dadhabnaan as na ergite. Yeroo kana dhageessu immoo… Jettee yaadasheetti dhiphachaa guyyaa tokko bulte. Bashaatuun Gammachuutti yeroo himtu callise malee homaa hin dubbanne.

Silas waan godhe beeka Bashaatuutu hin beektu malee.Marartuu ani nama taata jedheen si fide. Ati garuu mul’anni nama ta’uullee si keessa hin jiru. Sobdee afaaniin dubbii kuulta malee. keessaa baatee dhala hiyyeessaa! Anaan maqaa koo xureessuuf natti dhufte! Jettee Bashaatuun Marartuu cephaate. Bashaatuun sobdee akkana jetti malee Marartuuf hin yaaddu.Maatiisheellee dubbisiistee hin beektu. Marartuun jiruu warrashee quba hin qabdu. Harmeenshees boossee dadhabdeetti. Har’a garuu dogoggorri uumamnaan Bashaatuun Kuulaniitti bilbilte. Kuulaniin yeroo bilbilli akka ishee barbaadu dhageessu, tibirbirtee, mucaa koo lubbuutiin jirtaa garuu? Hammanuma garaa jabaattaa? Jettee imimmaanshee qabachuu dadhabde. Harmee har’a lubbuun jira. Boru garuu hin beeku,haala badaa keessan jira, waa’ee koo lamuu hin yaadiin…jettee bilbila cufte. Heloo! heloo! Marii koo! Jennaan sagaleen homtuu hin jiru. Kuulaniin achumatti gaggabde. Bashaatuunis lamuu hin bilbille. Obboleessi ishees odeeffannoo Kuulaniif akka hin kennine akeekkachiifte.

Marartuun akka manaa baatu murtaa’eera. Gammachuun akka carraa mana hin turre. Kan qabdu sassaabbattee manaa bahuuf qajeelte Marartuun.

Yeroo manaa bahuuf jettu waraqaa tokko minjaalarra keessee baate. Bashaatuun golaa gadi baanaan Marartuun balbalarra geesseetti. Waa hattee baati jettee peestaaliishee sakattaate. Garuu homaa dhabdee of duuba deebite..

Marartuun amala akkasii namaafuu ni jibbiti. Iji Bashaatuu waraqaa minjaalarra bu’ee jirurra qubate. Daftee fuutee bantee dubbisuu eegalte;

Aadde Bashaatuuf, Bashaatuu ani dhala hiyyeessati. kan sibira nafides hiyyuma kooti. Abbaakoo du’atu narraa fudhate, harmee koo hiyyuumaatu mogoleeshee buuse malee isaan ana jaalatu, anaaf gaddu ture. Maal godharee “Akka garaa ta’aaree marqaan galaa ta’aaree” jedhe geeraraan. Akka garaa koo ta’uu didee akka carraa koo naaf ta’e. Carraa badaa! Ati garuu arraba dhadhaa godhattee harmee koo sossobdee anaan fudhatte. Isheenis osoo imimmaanshee cobsituu akka imaanatti sitti na kennite. Anattis dhugaa fakkate. Ati garuu mana kee geessee waadaa kee dagatte. Dheebuu barumsaatu maatii koorraa adda na baase. Sibira dhufnaan ba’aan garbiraa natti fe’ame. Haata’u carraa kooti! Badii ati narratti raawwatte irratti dabalee abbaan warraa kee inni ofittoon, inni of malee siin hin jaalanne sun immoo caalatti keessa onnee koo na madeesse. Fedha foon isaa narratti raawwatee akka nama nagaatti afaansaa qabatee taa’e. Hojii keessan barri isiniif haa baasu malee! Ani gara carraan na geessite deemeen dararaafi cunqursaa ilmaan hiyyeessaarra jiru irrattin qabsaa’a malee lubbuu koos hin balleesu. Atis jireenya keetti fayyaa buli.

Bashaatuun barreeffama kana erga dubbistee booda, Marartuu! Jettee sagalee guddaan waamtee balbala banattee baate. Marartuun miilla fageeffatteetti. Ijashee duraas dahatteetti. Bashaatuun manatti ol deebitee aalbee qara lama qabu tokko fudhattee dhaabbattee yaadde, Gammachuun mana hin jiru. Osoo jiraatee silaa…aalbicha minjaala jala dhoksitee dhufaatii Gammachuu eegde. Marartuun naannoo Calalaqiitii baatee gara bakkee Jamaatti osoo deemtuu aadde Ganamee harka buute. Ganameen taliila garaa qulqulluu nama rakkate waliin rakkachaa ooltudha. Maal godha silaa gaariif hin toluutii Ganameen dhala hin qabdu (dhabduu ) Marartuu argitee garaan ishee mooga’ee jennaan fudhattee galte.

Har’a Marartuun deessee haadha ilma tokkooti. Fafa kana baattee callistee hin rafne booree isheetti ta’e. Balbala aadde Ganamee fuulduratti godoo buufattee; guyyaa bunaafi shayee daldalti, galgala immoo barumsa baratti. Maamiloonnishee hunduu yaada jajjabinaa isheef kennu. Maddi galiishees dabalaa waan dhufeef, harmeesheef bilbiltee qarshii ergiteettiif. Jireenyishees fooyya’eera. Marartuun abdii kutattee, hamileen jireenyaa osoo keessasheetti hin laafiin rakkina hunda dandeessee barnoota itti fufte. Dogoggorri uumame dogoggorashee akka hin ta’iin waan beekteef, rakkoo kana keessaa bahuuf mudhii hidhatte. “Abbaatu of mara jedhe bofni” jedhu mitiiree kunoo har’a barnoota saayinsii komputeraan Yuunvarsiitii Haroomayaa irraa eebbifamtee, waajjira olaanaa ta’e kan finfinnee keessatti argamu tokko keessatti miindeffamtee hojjechaa jirti. Harmeesheefi obbolaashee ifa jireenyaatti baaste. Aadde Ganameefis oolmaashee dachaan deebisaa jirti. Marartuun xiiqii akkasiin imimmaan imaanaa Gammachuun haxoofte.

Barreessaan: Turaa Amanuu 0910 53 30 93

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s