Utuu!

Utuuf eegeen dugda duuba deemti Jechuun mammaakamti Utuun kun  maalumaa waanuma akkamiitii? Haata’u iyyuu malee maali faayidaansaa? Maaluma fakkaataa akkami bifnisaa? Diimaa gurraachamoo adii magariisaa? Waan akka Aannanii dhugamee nama qabbaneessu? Moo waan alanfatamu? Yookaan midhaan ta’ee beelaaf kan nyaatamu Utuun uffatamoo kan uffatanii ittiin miidhagani Moo akka muka odaa jala taa’anii kan itti boqotani … Continue reading Utuu!

Taati laata Dhugaa?

Farda kee fe’attee Yaada koo geejjibdee Kaafattee  guluftee Fuutee biyyaa baatee Naan joortee jaawwartee Ana naan jaakartee Dammaqee ol jennaan Abjuun abjuu taatee                                              Abjuun dhugaa taatee Dhugaan abjuu taatee Qalbiin koo rarraatee Mara  … Continue reading Taati laata Dhugaa?

Imaanaa

Kuulaniin barcuma miila sadii qabu tokkorra teessee, harka isheen maddii ishee utubdee farda yaadaan takka dachaa bu’aa, takka immoo tabba bahaa imala dhuma hin qabne imalaa jirti. Kan kaleessaa duubatti deebitee yeroo yaaddu duwwummaan isheetti dhaga’ame. Keessumaa yaadni kaleessa Bashaatuun dhiyeessiteef immoo caalaatti mataa bowwuu isheetti ta’e. Gara itti gortu wallaalte. Fira mariyattu hin qabdu. … Continue reading Imaanaa