Waaltina Afaanii!

Afaan Oromoo erga afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’ee waggoota 25 ta’eera. Afaan kanaan waajjiraalee garaa garaa keessatti ittiin hojjetama jira.Kitaaboleen barnootaa ittiin barreeffamanii afaan barnootaa ta’eera.Kitaaboleen asoosamaafi, seenaa,akkasuma hinbaayi’etin malee diraamaan,tiyaatirriifi fiilmiin Afaan Oromootiin hojjetamaa jiru. Afaan kun akka guddatee waaltinaa’uuf mootummaa naannoo Oromiyaa biiroo aadaafi turrizimii Oromiyaa giddu-gala aadaa Oromootti,gareen waaltina Afaan Oromoo … Continue reading Waaltina Afaanii!

Haala jijjiirama qilleensaa wajjiin deemuu fi Mala qonnaa Jahan(6)

Jijjiiramni qilleensaa hojii qonnaarratti dhiibbaa guddaa qaba.Fakkeenyaaf caamsaa,lolaa, rooba yeroo malee roobuu kunniin hundi hojii qonnaarratti miidhaa fiduu danda’u.Qonnaan bultooti haaluma jijjiirama qilleensaa hubachuun hojii qonnaa isaanii wajjin haala deemuu danda’uun tooftaan hojjechuu danda’u.Tooftaa hojii qonnaarratti nama gargaaran kanaa gaditti mee haa ilaallu. 1. Sanyii Midhaan hongee dandamachuu danda’aniifi dafanii ga’an(bishaatan). Sanyii midhanii adda addaa … Continue reading Haala jijjiirama qilleensaa wajjiin deemuu fi Mala qonnaa Jahan(6)

Hawwii

Meeqatu guuttatee hawwii jireenya isaa ? Gammachuu argatee kan ciise garaan isaa. Nama meeqaa laataa kan harkaan gahate? Fedhii garaasaatii hawwii kan dhuunfatee. Meeqa duraa haftee hawwiin hawwii taatee? Hinaaffaan guutamtee hammeenyaan hudhamtee. Nama meeqaa laataa hawwee kan argate? Fedhii garaasaatii soonaan kan guuttate. Eenyutu natti himaa eenyutu beeka laataa? Eessa daangaan hawwii eessatti dhaabbataa? … Continue reading Hawwii

Hariiroo maatiin kuushii uummata Oromoo wajjin qabu maal fakkaataa?

Oromoon damee kushii kessatti ramadama. Kush uummattoota bahaa Afrikaa kessaa, Afaan Kush kan dubatanidha.Kanaf Ormoon kushidha. Horoofi Oromon , hidda latiinsa Ormoo kessatti kan jalqabaati. Hiddi dhalootaa kun Horoo kaasee Raayyaa bira gaha. Ilmaan Rayyaa lamaan Maccafi Tuulamadha.Ragaalee hedduu hiddi Oromoo kush ta’u ibsan keessaa kittaabni qulqulluu isa tokko.Kitaabni qulqullun yeroo jalqabaatif Afaan Hiibruutiin bareefame.Sana … Continue reading Hariiroo maatiin kuushii uummata Oromoo wajjin qabu maal fakkaataa?

Baayoo gaazii uumama

Dhaabni baayoo gaazii oksijinii malee faltii horii (loowwanii)akkasumas biqiloota humna (energy) maddisiisuu danda’an irraa baayoogaazii oomishu.Biqiltooti humna maddisan kunniin biqiloota rakasa,nyaataaf osoo hintaane boba’aa (biofule) oomishuuf biqilfamanidha. Boba’aan uumama adda addaarraa argamu kun bifa gaazii ,jabaataa ykn dhangala’aa si’a ta’u, uumama dhiyoo hurraadhaan uumaman keemikaala of keessaa hinqabnerraa burqa. Baayoo gaaziin boba’aa bifa okisiijiinii hinqabneen … Continue reading Baayoo gaazii uumama

Yaa dargaggootaa Baradhaa!

Farra wallaalummaa; Balbala qaroominaa; Humna tokkummaa; Riqaa guddinaa. Hundee hayyuummaa; Ibsaa jireenyaa; Warqii hin ligidoofnee; Qabeenya hin badinee, hin cabinee. Kan golga dukkannaa ittiin tarsaasaan; Daawwittii iccittii addunyaa itti hubatan; Mala taaba dooffummaa itti diigaan; Tooftaa deegaa itti mancaasaan; Furtuu rakkoo ittiin hiikaan; Daandii jijjiirrama fidaa( Converter Reactor); Meeshaa waanjoo gabrummaa itti caabsan; Riiqicha bilisummaa … Continue reading Yaa dargaggootaa Baradhaa!

Dhibee dhiibbaadhiigaa!

Dhibeen dhiibbaa dhiigaa akka waan rakkoo warra biyyota guddatan qofa ta’etti ilaalamaa ture. Haata’u malee, barootan[ waggoota] 20 -30 dabran asitti, haalli kun jijjiramuudhaan biyyota Awuurooppaafi Amaarikaa caalaa biyyoota Afriikaa keessatti daabalaa dhufeera.Baayi’inni isaas hawaasa hiyeeyyii keessatti daabalaa dhufuusaa qorannoon ni ibsaa. Gosa dhiibbaa dhiigaa Lakkofsa kan irraa (Systolic) Lakkofsa kan gadii (diastolic) Kan mudaa … Continue reading Dhibee dhiibbaadhiigaa!