Ummanni karrayyuu Naannoo Oromiyaaa, Godina shawaa bahaa Aanaa Fantallee keessatti argamu. Oromoon Karrayyuu Uummata Aadaaa isaa Jaalattuu fi Horsiisee Bulummaa baroota Gidiraa fi Cunqursaa hedduu dabarsuun hanga ammaa Aadaalee duudhaa fi Sirna Gadaan Walbulchaa jiraatuun isaanii ni beekama. Heerotaa, Aadaa Duudhaa Sirna Gadaa oromootiin hanga ammatti kan bulaa jiru yoo ta’u, naannoleen isaaan daangeessu, Gara bahaan:Harargee dhihaa,Gara lixaatti Arsii, Kaabaan Uumattota naannoo Afarii fi Lixaan Uummattota naannoo Amaaraa Xarafaan kan Argobbaa saba jedhamutti baay’atuu fi akkasumas giddu gala teesuma lafaan (Argaman ) Magaalaa Gudditti Naannoo Oromiyyarraa fageenya kilometirii 200 fi Magaalaa Adaamarraa immoo 100KM ta’utti argamti.

Ummaanni karrayyu baroota jiraatee ture keessatti ‘An’Bareentuma Angafa jedhee of yaamaa tureera. Garuu akka seenaan barreeffamaa fi iddoo tokko tokkotti kan beekamu Oromoon karryyuu Boorana jedhamtee beekamaa turte. kanaaf Duulli Abbaa qaba Abbaan duulaa biyya qaba jedhamaa mitiree? Haa ta’uu gaa garri inni itti caale karrayyuunis nuti Bareentuma jedhu, qorannooleen biraas gara Bareentumatti akka jalatte ibsaniiru.

Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalletti Oromoon karrayyuu ilmaan Bareentumaa taatee Baasoo fi Dullachatti qoodamti. Dhiittaan baroota Mootummaa Abbootii irree kan Minilk 2ffa bara 1889-1913 tti,akkasumas Mootummaan Abbaa irree Kan DERG,irraa hafuudhaan Aadaa boonsaa Orommon hundi ittiiin bulaa ture Sirna Gadaa isa Democracy, kan heeraa fi seeraa, kan fuudhaa Heerumaa, kan tumaa caffee odaa, irratti ciniinnatanii sadarkaa amma irra jiran kana ga’aniiru. Karrayyuu Aadaan Bulti, Aadaan kunis kan Gosa (tuutni ) ittiin wal to’attu, badiisa hamaa, Arraba hamaa, Hanna hamaa, Abbaa fi Haadhaaf yoo ajajamuu dide, Abbaan manaa dhibbaa guddaa yoo haadha manaa isaa irratti yoo geggeesse,S rna Gadaa keessatti yoo waan ajajame dide, warra soddaa isaa yoo arrabse, Safuu Aadaa yoo cabse, Gargaarsa nama rakkateef (tuuta) isaa yoo gargaaru dide, fi k.k.niif, Gosti hundinuu mataa mataa isaanitti Damiina (Hayyuu) Gosa isaaniitiin wal bulchuu fi Gadaa jaallatamtuu, Kabajamtuu fi beekamtuu Tuuta shananii kan akka Dirmajii, Meelbaa, Michillee, Halchiisa(Duuloo) fi Roobalee ta’anii hanga har’aan tanatti ittiin bulaa jiru.

Heeraa fi seera Oromoon karrayyuu Tuumattee uumamaan qabdu kuni haalawwaan addunyaan har’a irra jirtuun walqabsiisee yoo ilaallee iddoo baayyeetti walitti dhufa. Fakkeenyaf Adabbiin nama seera cabsee, seera mootummaan amma qabu wajjiin wal fakkaataadha. Dhaloota gara dhalootatti yeroo darbu wantoota nuti warra amma jirru kana nu boonsuudha. Sirni Gadaa akkuma oromoo hunda biratti beekamaa ta’een waggaa saddet saddeetiin wal harkaa fuudhu, Marsaan Gadaa tuuta tokkoo waggaa 40’n naannee’ee dhufa. Kunis Aadaa Oromoota akkaa Booranaa, Gujii fi Shawaa waliin wal fakkaata.

Kan namatti tolu keessaa waa’ee Aadaa yeroo jennu Dardarri karrayyuu kan ittin beekamu uffannaa Aadaa fi Dabbasaa Gunfura (Goofaree) dhaan beekamu. Akkasumaas Dubartiinis Uffannaa Aadaa dubraa fi kan dubartoota heerumanii qophaa isaaniitti beekamu. Kana qofa osoo hin taane Nyaanni Marqaa Aannaniinii fi Dhadhaa Marqaa Urgeeffameen nyaachuudhaan beekamu.

Baroota mootumma abbootii irree Menik 2ff fi Dergii keessa Bokkuun oromoo irraa yeroo fudhatuuf turanitti ummanni karrayyuu qabsoo guddaa gochuun keessattu bara mootummaa abbaa irree Dergiii, Aadaan isaanii hundi akka hafuuf, Daangaan isaanii gara naannoo amaaraatii akka citu ga’ee guddaan kan taphate mootummaa Dergiti. Ummani karrayyuu Karaa daangaa hundaan lolli itti jabaatullee, Aadaa ofii akka gadi hin dhiifne murteesuudhaan dhaamsa waliif dhaamanii irratti cininnatanii dhaloota amma jiru kanaan ga’aaniiru. Qabeenya uumamaa kan haroo Nogobaa kan jiraattonni naannoo sanaa maqaa abbaa biyyaa dhiisanii Basaqa ittiin jedhan, Paarkii Awaash fi Gaara Fantalle kan dheerinni isaa Kilometirii 2007 fagaatu akka alagaaf hin kennamne ga’ee ummanni karrayyuu godhe keessaa isa olaanaa fi gonfachiisaa tureera. Karrayyuun yeroo lafti qonna shukkara mataharaaf irraa fudhamee kaaftee jecha tokkoon xumurti kunis, Abaadir biyyoo shaankooraan, Gobbu Malkaa Nogobaan jedhanii gabaabatti xumuru.

Karrayyuun baroota dhiphuu sana keessa oromoon biraa ofuma isaanii waan itti fakkatuuf namni surree Uffatee gaafa dhufu kuni Sidaama jechuun Aadaa keenyaa miti, Oromoon Gunnuffee hin uffattu jechuudhaan baroota dheera miidhamaa turaniiru.

Sababiin kana jedhameefiis yeroo dhibbaan karaa daangaa irratti geggeeffamaa ture sana gargaarsi mootumaa abbaa irree yeroo sanaa Dergiin gootota fixuu, Fannisuu fi akka isaan waraana deemaan dirqisiisee ture. kanaaf saba biraa waan of biratti hin beekneef, kunis ta’uu kan danda’eef aadaan nyaataa, uffannaa, akkasumas marsaan gadaa isaanii tokko waan ta’eef, Kanuma keessa ta’uun tokkuummaan Ummata karrayyuu akka cimuuf dhageetti jaarsa , Hayyoota gosaa (Damiina ) fi Abbotii Gadaa warra gadaan harka jiru (Doorii ykn Gabalaa) dhaga’uun diinota isaanii ofirraa ittisaa turaniiru. Yeroo ebbifataan tokkummaadhaan wal harkaa fuudhuun eebbifatu

Kan ebbisu                              jalaa qabdoota.

Miinya Dahi, Goduu dahi                    ziiz

Huurubni Mirga ,dirreen dannaba     ziiz

Adaboon Gooba Goobni geerarsa       ziiz

Alaalaasi, Alaa Gali                                ziiz

Dando ta’i ,Sindanda’iin                     ziiz

Fantallee ta’i,mul’adhu                       ziiz

jechuudhaan Doobbi ta’i,Diina gubi itii fuufuun eebbifatu.

Dubbiftoota barruu kanaa Aadaan Eenyummaa saba tokkooti, irra darbee kunoo Oromoon Gadaan bula, Gadaa Democracy har’a American kan argatte jarraa fagoo dura Oromoo irra akka fuute ragaan baayyeen himeera. Ati ilmi olguddatu xiqaa fi guddaan mee eenyummaan ati keessatti guddatte fi jireenyi ati saba keessaa baatee har’a immoo Aadaa culuqqisaa kana wallaaltee burcuqoo fi birilleen baraa akka si hin gowwomsine of beeki. Waan tokko beekuutu sirra jiraata Aadaa dagaaguun irra jiraatu daagaagsuu, sababiin isaas Aadaan kee Si’i, ati immoo Aadaa keeti. Safuun Aadaa oromoo ilmaan isaaniif qabaan sammuu hambaan isaan dhaloota gara dhalootatti dabarsaan kun Addunyaa har’a irra jiraannu kana raajechaffachiiseera. Kunis Gadaa Oromoo qofatu qaba. kan nagaa lallabu kan heera tumu, kan seera tumu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s