Aadaan maal akka ta’e jecha gabaabaadhaan ibsuun rakkisaadha.Ta’us garuu aadaa jechuun amala yookaan akkaataa sabni tokko ittin walii wajjin jiraatudha.Haala jiruuf jireenya saba tokkoo jennee ka’us ni dandeenya.Akkasumaas eenyummaan saba tokko kan ittiin beekamu afaaniifi aadaa isaatiinidha.Akkaataa uffannaa,nyaata,dhugaatii,gaddaafi gammachuu,fuudhaafi heerumaa,Waaqeffannaafi akkaataa ittiin bulmaata isaanii hundinuu qabiyyee aadaati jechuun ni danda’ama.
Sabni Oromoos, Akkuma saba biraa, saba aadaa,afaaniifi eenyummaa mataa isaa qabudha. Waa’ee aadaa Oromoo yeroo kaasnu kam waamee kam dhiisu nama jechisiisa.Baayyachuufi gargar fagaatee jiraachuun saba kanaa akka inni Aadaa garaagaraa qabaatu godheera.Aadaa bal’aa Oromoon qabu keessa tokko Siiqqeedha.Ga’ee Siiqqeen uummata Oromoo biratti qabduufi siiqqeen maal akka taate mee waliin haa ilaallu;Siiqqeen ulee qal’oo dheertuu,si’ooftuu kan dubartiin Oromoo qabattudha.
Siiqqee durbii hin qabattu;kan heerumtee abba warraa qabdu, yookaan kan bultii dhaabbattetu qabata.(dubatii herumtetu qabata).Sabaabiin isaas siiqqeen eegduufi kabachiiftuu mirga dubartii akkasumaas mallattoo nageenyaa waan taateefidha. Durbii herumtee yeroo mana warratii baatu haati ishee akka kenaatti keennitif.Siiqqeen muka harooressa jedhamu’rra tolfamti. Mukti kun kan filatameef akka muka biraa layyotti hin cabu,hin baqaqus.Muka jabaadha. Kana malees yeroo biqilu wal qixxatee qajeelee (solooloo) ta’ee biqilaa malee akka muka bira hundeen isaa furdatee,fiixeen isaa qal’atee, ijoo godhatee, hin biqiluu.
Siiqqeen yeroo muramtee tolfamtu, dheerina dubartii ishee qabatutti safaramee murama malee dheerina barbaadamee miti. Kana ta’uu bannaan yeroo qabattu itti hin tolu.Siiqqeen erga muramtee bodaa qaqaa aara kessa turtee, bifa dhalootaan qabdu’rra jijjiiramtee, bayi’ee osoo hin guracha’in, diimattee, midhagduu ta’uu qabdi.Murtii Oromoo keessatti, hayyun yeroo halagee muru,abbaan bokkuu yeroo bokkun muru, dubartiin’mmo siiqqee murti.Siiqqee yeroo hundaa hin qabatani. Yoo rakkon jirateefi sirnoota aayyana qofa irratti qabatu.
Rakkooleen dubartii siiqqee qabachisan keessa murasi; waraana ,dhibee,caama,rooba hammate, rakkoo dubartii mudatuufi k.k.f dha. Yoo waranni ka’ee, nagaa busuuf, nama seera dabseetti seera muruuf, nama mirgaa dubartii sarbee adaba itti kenuuf,yoo bokkaan badu akka roobu Waqaa kadhachuuf akkasumas, yeroo ayyaana irrechaafi yeroo atettee facaafataan, coqoorsaa laliisa ykn irressa waliin harkaa mirgaatti qabatu.Siiqqee akka ulee biraa horii itti hin tikfatani. Sareettis itti hin darbatani,haarrees itti hin ofani,dugdas itti hin hoqaatani. Kanaaf dubartiin siiqqee qabatte kabajaa qabatte jedhama.Ni kabajamtii.Dubartiin siiqqee qabattee demtu yoo karaatti namatti dhufte karaa ishee dura hin qaxxamuraan.Malkaas ishee dura hin ce’aani .
Walumma galatti siiqqeen, nama wal dhabe kan itti araarsitu,waraana kan dhaabduu,beelaafi balaa kan dhorkituu,dubartiin Oromoos kan ittin mirga ishee kabachiifattu, akkasumaas mallaattoo nageenyati.Kanaaf siiqqeen dubarti Oromootiif gaachana dha.
Yuuniveritii Wallaggaa irraa