Yaadaan bilshaachuufi beekumsa qabaachuun sochii hojii keenya guyyaa hundumaa keessatti baayi’ee barbaachisaadha.Dandeettii ogummaa erregaa( mathematics) qabaachuun ijoolleefi namoota gurguddaaf akkasumas hawaasa keessatti hojii hojjechuuf jireenya isaaniif barbaachisaadha.Dandeettii erregaa qabaachuuf carraaquun mana barnootaa keessatti milkaa’in fiduu danda’a.Ijoolleen utuu mana barnootaa hingalin beekumsa erregaa yoo qabaatan, yeroo mana barnootaa galan milkaa’ina isaanii argamsiisuu danda’a.
Dhaabbati Save the Children biyyoota Nepaliifi Maalaawii keessatti barumsa sadarkaa jalqabaa jabeessuuf qorannoo godherratti,daa’imaan umrii ijoollummaa isaaniirraa kaasee akka barumsa erregaafi barnoota adda addaatiin yoo deggeeran, mana barnootaa keessatti milkaa’an argatu.
Dandeettiin eregaa yoo jalqaba umrii K-2 irraa jalqabanii baratan, barumsa egeree isaaniif bu’uura ta’ee isaan gargaara.Ijoolleen bara ijoollummaa isaaniitti barumsa erregaa akka argatan gargaaruun gara fuula duraatti barnoota gara biraa irrattillee akka ciman isaan dandeessisa.
Kanaafiyyuu Save the Children barnoota jalqabaa irratti, erregaaf xiyyeeffannaan cimaan kennameefii ijoolleen akka barachuu jalqaban hojjechaa jira.Kaayyoon ka’umsa kanaas barumsi erregaa rakkoo adduunyaarratti muldhatu waan ta’eef xiyyeeffannaa itti kennee jajjabeesuudhaan hojjechaa jira.
Save the Childern sagantaa kana hojiidhaan muldhisuun kaayyoosaa keessaa tokko godhatee,fudhachuudhaan barumsa erregaaf xiyyeeffannaan kennameefii akka irratti hojjetamu imaamata baafatee lixa Showaa manneetii barnootaa aanota Amboo,Dandiifi Tokkee Kutaayee, 20 keessatti hojiirra oolcheera.Sochiisaa kanaanis warrii ijoolleefi hawaasi hundi ijoolleen isaanii barumsa erregaan akka jabaatan gochuun bu’aa inni qabu sirriitti hubatanii akka deggeersa godhan Seave the childern hojjechaa jira.
Kakka’umsi kun manneetii barnootaa jalqabaa keessatti errega barachuun babaldhachaa dhufuunsaa, dandeetti barumsa erregaafi hubannoo akkasumas manneetii barumsaa keessattifi alatti hojii isaanii akka gaariitti hojjechuuf akka gargaaru beekamaadha.
Mana barnootaa dhaquun qofaasaa barachuu danda’u miti.Ijoollee dandeetti erregaafi hubannoo gaarii qabdu ciccimoofi warra waa barachuuf hedduu carraaqan gidduu, adda addumaan jiru umrii wajjin gar gar fagaataa adeema.Ijoolleen hiyyummaa keessa jiran, Shamarraniifi warri kitaabota gahaa hinarganne ykn hinqabne,warri erregaan mana isaaniitti nama dandeettiifi beekumsa qabuu wajjin qayyabachuuf carraa hinqabne, gargaarsa dabalataafi ciminaan irratti hojjetamuu qaba.Beekumsa erregaa gahaa argachuuf suuraan kanaa gaditti muldhatu kun Shawaa lixaa naannoo xiyyeeffannaan itti kennamee irratti hojjetamaa jiru mana barnootaa tokko keessatti ijoolleen jalqaba barumsa isaaniitti, barumsa erregaa yeroo baratan agarsiisa.
Barumsa lakkoofsaafi erregaa cimsuun hundee hubannoofi dandeettii hojii dabalata waan sadii deggeera.Safaruufi ji’oomeetirii (Measurement and Geometry) lakkoofsa baruufi hojiin agarsiisuun,ijoollee lakkoofsa (numbers) barachuun karaa lakkoofsaan waa agarsiisan,wal-qabannaa lakkoofsa gidduu jiru,sirna (bifa) lakkoofsaafi hojii haalaan beekuufi akkaataa walitti hidhata isaanii (waliin adeemuu) danda’an beekuuf fayyada.Hubannoo waa safaruun,maal akka ta’e barachuufi dandeettii argachuun,maaltu akka safaramu yaada argatu.Waan safaramuf tilmaama gidduu adda addummaa jiru madaaluu, dheerina waan tokkoo safaruuf haala jiruuf meeshaa ittin safaramu,dandeettii ji’oomeetirii (Geometry) argachuun,ijoolleen akka waan tokko addaan baasanii ilaalanf bifa haaraa sammuu keessatti akka qalbeeffatan dandeessisa.
Beekumsa erregaa (mathematics) jalqabumaa kaasee cimsuuf tarkaanfiin Shawaa lixaa naannoo filataman keessatti fudhatame,barnoota filachuu,barsiisota leenjisuufi hawaasa qooda fudhachiisuu of keessatti ammatee, hojii hojjetamaa jirudha.Gama barattoota filachuu ilaalchisee namoonni hojii barnoota erregaa cimsanii barsiisuuf hojjetan,ijoollee dandeettiifi hubannoo gaarii qaban filanii baasuuf waan itti gargaaraman,kanumaaf jedhamee qorannoodhaan dursee kan qophaa’e mala akka qorannoo muraasa,gaaffii afaanii dabalatee tokkoofi tokkoon walitti dubbachuu,lakkoofsa addaan baasuu,lakkoofsa hirdhate ykn irra dabrame agarsiisuu,walitti eda’uufi walirraa hirdhisuu,waan dubbatameefi hiika laachuu,bifa safaraafii yeroo,barsiisota leenjisuun kan kennamu, barsiisotni hojii isaanii sagantaadhaan qajeelfama barsiisuu (kaariikulamii) guyyaa-guyyaatti qabaatan irratti dandeettii addaa akka argataniifidha.
Dandeettii barnoota bu’uura erregaa qindeessee qopheessuuf hojiirra oolchu, barsiisonni,barattootin isaanii errega irratti beekumsaa bu’uuraa cimaa argachuu isaanii mirkaneeffatu.
Yeroo yeroodhaan lakkoofsuma beekumsi barattootaa dabalaa deemu xiinxaluun hubannoo barsiisotaa dabala.Waan baayi’ee barbaachisaa ta’e tokkommoo hojii hawaasarraa eegamudha.Barsiisni dansaafi haalli mijaawaan naannoo mana barnootaa keessaattifi alatti dandeettii barattootaa errega ol-guddisa.
Sagantaa beekumsa erregaa cimsuuniifi ittidabalati, sochii hawaasaa erreegaa akka taphaatti qayyabachuun bu’a qabeessadha.Kana malees gareedhaan taa’anii yeroo haasa’an haasaa keessa wal-qoruufi gaaffii wal gaafachuufi deebii keennuun, beekumsa erregaa dabala.Beekumsa erregaa (maths) cimsuuf sagantaan jalqabame kun bu’aan inni waggaa tokko keessatti fide gaafa xiinxalamu ijoolleen mana barnootaa sagantaan kun keessatti jalqabame keessatti baratan hundi, dandeettiifi beekumsi erregasaanii baayi’ee dabale.
Shawaa lixaa mana barnootaa naannoolee filatamanii hojiin beekumsaafi dandeettii erregaa ol-guddisuu keessatti hojjetame yeroo xiinxalamu kan muldhate, barattoonni bu’aa guddaa barbaachisaa ta’an sadii argataniiru:Beekumsa bu’uuraa dandeettii erregaa (lakkoofsaa,ji’ometriifi safaruu) Keessumaa mana barnootaa 14 bakka caalaatti errega irratti xiyyeefatametti ( lakkoofsa 2 utaalanii lakkaawuu,5 utaalanii lakkaawuu,toora sirreessuu, gaaffii gaafataman deebisuu,Zeeroon(0) maal akka ta’e hubachuu danda’uu,kurneeniifi (10) fi 1 addaan baasanii beekuu,lakkoofsa tarreessuu,addaan baasuu,Lakkoosa gidduudhaa hafte beekuu,eda’uu, hirdhisuu,baayi’isuufi hiruu,qodaa tokko safaruu,bifa ykn boca addaan baasanii beekuu,kkf.)Kanarraa kan ka’e hawaasni,warri ijoolleefi mootummaan hojii kana deggeeruudhaan irratti qooda fudhannaan isaan agarsiisan kan nama jajjabeessuufi nama gammachiisudha.
Dhaabbata Save the Children tiin Balcha kan ta’e!