Afaan hojii :- Afaan Jarmanii, Faransaayii, Xaaliyaaniifi Roomeenish

Bulchiinsi:- Sirna Federaalummaa Paartii baayi’ee

Dimookiraasii:-Kallattii (Direct Democracy)

Sirna caasaa Federaalummaan kan hunduufte:- A.L. A.Fulbaana 12 bara 1848

Baayi’inni uummataa:- A.L.A bara 2014 akka lakkaa’ametti 8,211,700

Galiin tokkoon tokkoon namaa:-Doolaara US Ameerikaa 58,731. Adduunyaarraa sadarkaa 9ffaadha.

Qrshiin biyyattii :-Farankaa Siwiiz.(Swiss franc)

Biyyi Siwiizer laand Awurooppaa dhihaafi giddu galeessa gidduutti kan argamtu si’a taatu karaa kibbaa Xaaliyaanii,Karaa dhiyaa Faransaayii,Karaa kaabaa Jarmanii,Karaa bahaa Ostiriyaafi Keleshiti wajjin waldaangessiti

Siwiizer laand karra galaanaa tokkolle kan hinqabne si’a taatu, Biyya sirna dimookiraasii dhugaa qabdudha.Magaaloti gurguddaa; Zuurikiifi Jeneev jedhaman sadarkaa adduunyaarratti faayidaa diinagidee isaaniitiin beekamu.Siwiizer laand hamma A.L.A bara 2002 tti adduunyaarratti gartuu biyyoota adduunyaa eenyullee hinturre.Garuu A.L.A bara 2002tti miseensa mootummoota gamtoomanii taate.

Fannoon diimaa (qaxaamurri diimaa) adduunyaalessaa yeroo jalqabaaf kan hundeeffame biyyattii kana keessattidha. Kan hundeesses Henerii Duunaadha.Teessoo dhaabbilee adduunyaa baayi’ee ta’uun isheemmoo,adda ishee godha.Isaan kunniin keessaa magaalaa New Yorkitti aansee teessoo mootummoota gamtoomaniifi waldaa gabaa bilisaa Awurooppaadha.Siwiizer laand keessa uummattooti jiraatan afaan afur dubbatu.Isaanis:Afaan Jarmanii,Xaaliyaanii,Faransaayiifi Roomaan dubbatu.

1.Afaan Jarmanii % 63.5

2.Afaan Faransaayii % 22.5

3.Afaan Xaaliyaanii %8.1

4.Afaan Roomaan %0.5

Amantii

1.Kaatolikii Roomaa % 38.21

2.Siwiss reform church % 26.93

3.Islaam % 4.95

4.Protestaantiin % 2.89

5.Ortodoksii % 2.14

6.Kan amantii hinqabne %21.42

Dhaabbileen adduunyaa Siwiizer laand keessatti argaman

Siwiizer Laand teessoo waajjira

1-Muummee mootummoota gamtoomanii durii (League of nation)

2-Mootummoota gamtoomanii lammaffaa(UN)

3-Waldaa fannoo diimaa adduunyaa

4-Waldaa ji’a diimaa adduunyaa

5-Waajjira dhaabbata fayyaa adduunyaa ( WHO)

6- Waajjira waldaa hojjettoota adduunyaa ( ITU)

7-Waajjira kooluu galtoota adduunyaa (UNHCR)

8-Waajjira daldala adduunyaa (WTO)

9-Waajjira qabeenya qilleensa adduunyaa

Kanneen kanaa oltti ibsaman malee teessolee dhaabbilee adduunyaa dhibba lamaa ol ta’an taatee tajaajilti.

Siiwizer laand biyyoota adduunyaarratti qabeenyaan badhaadhoman keessaa adda dureen kan beekamtu si’a taatu,sirna diimokiraasii gaarrii ta’e kan qabduufi mirgi namoomaa kan keessatti kabajame, uummattooti ishee sadarkaa jireenyaa gaariin keessa jiraatanidha.

Akka galmee dhaabbata maallaqa adduunyaatti (I.M.F) adduunyaa irratti biyyoota qabeenya guddaa (GDP) galmeessisan saddeetti keessaa tokkodha.Keessumaa magaalaan Zuuriik jedhamtu adduunyaa irratti biyya qabeenyaan sadarkaa lammaffarra jirtudha.

Siwiizer laand lola waraana adduunyaa tokkoffaafi lammaffaa keessatti biyya kamiinillee hinweeraramne.Hinweerarres.Keessumaa Tibba lola waraanaa adduunyaa tokkoffaatti (A.L.A. bara 1917) hogganaan warraaqsa Ruusiyaa Viilaadmiir Eliyaanichi Uuliyaanoov Leeniin biyya keessa turedha.Siwiizer laanda teessoo mootummoota adduunyaa (League of Nations) jalqabaa turte.Kana malees gartuu loltummaa biyya kamillee miti.

Mootummaan federaala Siwiizer laand Pirezidaantoti torba waggoota afuriif kan ishee bulchaan si’a ts’u, isaan kunniin keessaa tokko waggaa tokkoof bulchaa ta’ee tajaajila.Waggaa itti aanuummoo isaa kaantu waggaa tokkoof bulcha.Sana booda isa itti aanutu itti dabra.Haaluma kanaan dabaree dabareedhaan waggaa tokko tokkoof bulchu jechuudha.Adduunyaarratti bulchinsi diimokiraasii ammayyaa kan Siwiizer laandidha.Uummati yoo murtii paarlaamaan biyyattii murteesse isaanii ta’uu dide,baayi’inaan hiriira nagaa ba’ee murtiiwwan paarlaamaan dabarse sana galagalshuufi (jijjiirsisuuf) mirga qaba.Kun immoo adda ishee godha.

A.L.A. bara 1815tti gumii Viyeenaa (Congress of vienna) godhame irratti,mirgi gartuu ta’uu dhiisuu (neutrality policy)) fudhatama argatee murtii raggaasifamedha.Garuu A.L.A.bara 2002 murtii kana kaastee miseensa mootummoota gamtoomanii taateetti.Garabiraa kan nama dinqisiisu Siwiizer laand hamma ammaatti miseensa gamtaa Awurooppaa ta’uu dhiisuusheedha. Uummattooti Siwiizer laanda miseensa gamtaa Awurooppaa akka taatuuf gaaffii dhiyaate yeroo baayi’ee kuffisaniiru.

Alaabaa Suwiizer laand gidduu mallattoon fannoo jira.Kunis Siwizer laand biyya waldaan fannoo diimaa yeroo jalqabaaf keessatti hundeeffame ta’uu ishee yaadachuudhaafidha.

Humni waraanaa Siwiizer laand dhiira qofaan kan gurmaa’edha.Karra galaanaa waan hinqabneefis humna waraanaa galaanaa hinqabdu.Namni lammii Siwiizer laand ta’e kamillee,biyyaasaatii alatti biyyaa kamiifillee miseensa waraanaa ta’uun dhorkadha. Haata’ullee malee miseensa waardiyyummaa Vaatikaanii Siwiiziif garuu nihayyamama.

Qulqullinaafi jabina isaatiin adduunyaarratti sadarkaa sadaffaarratti kan argamu sa’atiin Siwiis beekamaadha.Omisha warshaa biyya alaatti ergitu keessaa meeshota keemikaalaafi elektirooniksiidhaanis adduunyaarratti beekamtuudha.Burqaan humnaa biyyattii % 56 elektiriikiirraa % 39 immoo nukileerraarra kan argamu waan ta’eef biyyoota burqaa humnaa kaarbooniirraa walaba ta’een fayyadaman keessaa akka fakkeenyaatti ilaalamti.

Namni Siwiizer laand dhiirri, hamma umrii waggaa 80 tti, dubartiin hamma waggaa 84.7 lubbuun jiraachuu danda’u. Kun immoo adduunyaa irratti 1ffaa ishee godha.Baasiin fayyaa tokkoon tokkoon namni Siwizerlaandii,biyyoota Awurooppaa kaanii wajjin walbira qabamee yeroo ilaalamu kan Siwiizer laand olaanadha.Uummatishee 2/3 ta’u magaalota keessa jiraatu.

Imaammati gartu-hinqabnee (Neutrality policy) beekamtii argachuun uummata isheef miira walabummaa waan isaanii uumeef, keessumaa Baankoti Zuurikiifi Jeneev iddoo hoggantooti malaan maltooti biyyoota adduunyaa tokko tokko horii biyyaa isaanii dhoksanii keessa kaa’atan taatee tajaajilaa turteetti.Baankoti Siwiis A.L.A.bara 1714 kan hundeeffaman adduunyaa irratti baankota uumrii dheeraa qabanidha.

Sababiin gara biraa hoggantooti biyyoota adduunyaa tokko tokko, horii uummatasaanii saamanii dhoksaadhaan baankota Siwiisii keessa akka kaa’atan kan isaan jajjabeesse, seera baankii Siwiis A.L.A. bara 1934 tumamedha.

Seerri bara sana tumame, iccitii nama horiisaa baanki Siwiis keessa kaa’ate qaamni saaxile seeraan gaafatama jedha.Baankoti Siwiis naamusa iccitii eeguudhaan,akkasumas karaa waldhaansa fayyaatiin iccitiifi eegummsa dhukkubsataafi Doktora gidduu jirus akkasuma eegamaadha.Garuu A.L.A. bara 2010 iccitiin baankii Siwiizer laandii kun itti fufuu akka hinqabne Paarlaamaan biyyattii murteesseera. Sababiin kanaas hoggantoota biyyoota adduunyaa tokko tokko qabeenya uummattoota hiyyeessa biyya isaanii saamanii kaa’atan,baankoti Siwiizer laand dhoksanii kaa’uu hinqabn ejjennoo jedhurra waan ga’aniifidha.

Fakkeenyaaf biyya Afiriikaa keessaa mootii biyya Liibiyaa kan turan, Mohaammad Gaadaafii,Pirezidaantii biyya Misiraa kan turan, Husinii Mubaarekiifi Pirezidaantiin biyya Tuuniisiyaa kan turan, Biin Alii qarshii bilyoonatti lakkaa’amu kaa’atan akka hinsochoone dhorkiteetti.Isaan kunniin keessaa Doolaariin miliyoonii 662 kan Mohaammad Gaadaafii, Doolaariin miliyoonii 410 kan Husinii Mubaarekfi Doolaariin miliyoonii 60 immoo kan Biin Alii, akka hinsochoone qobqobbii irratti gooteetti.Kana malees Pirezidaantii Ayiverikoost kan turan Looreen Gaabgoo,Pirezidaantii Haayitii Michael Martelly,Pirezidaantii Filippiins Ferdinaand Maarqoos,Doolaarii miliyoonii 684, Pirezidaantii Naayijeeriyaa kan turan Saanii Abaachaas kan kaa’atan Doolaariin miliyoonii 645nis A.L.A.bara 2003tti gara biyyoota isaaniitti akka deebi’u godhameera.

Akkasis ta’ee Ammallee hoggantooti abbaa irreefi kanneenis horii doolaarii tiriliyoonii 2tti shallagamu iccitiinsaa akka eegametti baankii Siwiis keessatti argama.Akka galmee odeeffannoo tokko tokko ibsanitti yoo ta’e hamma hardhaatti doolaarii tiriliyoonii 2 iccitiidhaan kaa’ame keessaa tiriliyooniin 1.5 biyyoota Afiriikaafi bahaa giddu galeessaa keessaa kan saamamanidha jedhamee tilmaamama.

Masaraa Mootummaa Siwiizeerlaand

Yaa dubbistootaa ! yoo waa dubbisan waa irraa hubatu.Hammuma dubbisanis beekumsa dabalatu. Hardhaaf kanan sinii qabadhee dhiyaadhe kanuma.Jildii 12ffaa irrattimmoo gara biraan qabadhee dhiyaadha.

Saamu’eel Hordofaa Miijianaa tiin!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s