Farra wallaalummaa;

Balbala qaroominaa;

Humna tokkummaa;

Riqaa guddinaa.

Hundee hayyuummaa;

Ibsaa jireenyaa;

Warqii hin ligidoofnee;

Qabeenya hin badinee, hin cabinee.

Kan golga dukkannaa ittiin tarsaasaan;

Daawwittii iccittii addunyaa itti hubatan;

Mala taaba dooffummaa itti diigaan;

Tooftaa deegaa itti mancaasaan;

Furtuu rakkoo ittiin hiikaan;

Daandii jijjiirrama fidaa( Converter Reactor);

Meeshaa waanjoo gabrummaa itti caabsan;

Riiqicha bilisummaa itti goonfatan;

Meeshaa haala yeroo itti xiinxxalan/qacceessaan;

Qabata irratti hunadaa’uun xumura kan nama geessisu (Illative);

Yaadaa gara hojjitti kan itti jijjiiran( Imaginary to action).

Beekumsa waan ta’eef yaa darggagootaa baradhaa;

Diinna wallaalummaa balleessuuf.

Guddinni, qaroominni bu’uura jireenyaa;

Diina boodat-afuummaa;wallaalummaa.

Hundaaf dawwaa ta’uusaa beektanii;

Yaa darggagootaa baradhaa har’a bor hin jedhiinaa;

Waan haaraa barachuuf warra kaan bira ga’uuf;

Barumsi riqaa iddoo yaadaniin  nama ga’u.

Haala naannoo kee beekuuf /qoraachuuf;

Kan darbee kan bor irraa beekanii wal siimsisuuf;

Barumsi ni barbaachisaa beekumsa argachuuf.

Kanaaf darggagonni martinuu jaabadhaa wal jajjabeessaa;

Bantii isaa baruuf gad fageessaa qotaa;

Kan isa dhokate ifatti mulisuu;

Mana hiidhaa wallaalummaa keessa ba’uuf;

Jabatannii barachuu ijjoolummaan beekuuf;

Akkuma seenessa abboottiin jeedhamee;

Waan gariin barumsa qabeenya guddaa jeechuun;

Kan hattuun hin fudhanee dhaalaa kan hin qabnee.

Har’a bor osoo hin jeedhin yaa darggagootaa jabaadhaa baradhaa;

Diina wallaalummaa balleessuuf.

Barnootaa, barnootaa;

Ammaas barnoota.

Liiban Haayiluu tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s