Kana beektu laata?

Biyya US Ameerikaa keessatti barruun waggaa waggaadhaan ji’a bitootessaa maxxanfamtee baatu kan “Business Forbes” (bizinesii Foorbes) jedhamu adduunyaa irratti namoota qarshii guddaa qaban ni beeksisa.Garuu akka kaayyoo barruu kanaatti yoo ta’e keessumaa sababii idaafi taayitaadhaan gar-malee fayyadamuutiin namoota qabeenya horatan keessa hingalshu. Kallattiidhuma kanaan garuu burqaan galii isaanii kan beekamuufi beekumsaafi carraaqii hojii isaaniitiin namoota qabeenya horatan ifa baasa. Kanaa olitti akka ibsuu yaalametti barruun kun waggaa waggaadhaan dureessota adduunyaa beeksisuu kan jalqabe A.L.A. bara 1987dha.Akka gabaasa barruu Foorbesitti A.L.A.bara 2015 biliyeeneroota adduunyaa 1826 galmeesseera. Isaan kunniin keessaa dureessoti 87 biyya Chaayinaa,57 biyya Us.Ameerikaa,23 biyya Hindii,23 immoo biyya Jarmaniiti. Kaan garuu dureessota biyyoota garaa garaa dha. Barruun Foorbes A.L.A.2015 akka gabaasetti, Biliyeenerooti adduunyaa kanaa olitti ibsaman qabeenyi isaanii waliigalaa Doolaara Us. Ameerikaa tiriliyoonii 7.05 ga’a. Ulaagaan baayi’ina qabeenya itti beekan keessaa gamoowwan, konkolaattota, qarshii callaa,kaampaaniwwan dhuunfaa, qooda aksiyoon isaaniifi kkf. dha. Erreega walii galaa kana irratti idaan namticharra jiru erga hirdhisame booda kan hafe qofaatu ibsama. Baayi’inni qabeenyaa kunis kan ibsamu doolaara Us.Ameerikaadhaani. Waa’ee barruu Foorbes hamma kana yoo jenne, mee adduunyaarratti biliyeeneroota 11 isinitti haa agarsiifnu.

 

Lakk.

Maqaa

Dola. bil

Umrii

Burqaa qabeenyaa

Biyya

Ibsa

1

Biil Geetis

75

60

Maayikiroo sooft

USA.

1. Yeroo 15niif 1ffaa

2

Amaanchiioo Orteegaa

67

80

wayyaa faashinii

Ispeen

Zaaraa kaampaanii

3

Waara Buufeet

60.8

83

daldala adda addaa

USA

4

Kaarloos Seliimoo

50

76

Saamsang telekom

Meksikoo

5

Jefirii Beezoos

45

52

hojii adda addaa

USA.

Amaazoon kaampaanii

6

Maark Zeberberg

44.6

31

Fees buuk

USA

hundeessaa fees buukii

7

Laarii Elisne

43.6

71

Interneetii

USA

Oracle internate interprize

8

Mikaa’el Kelumberg

40

74

Mikaa’el Kelumberg

USA.

9

Charles Kochi

39.6

80

hojii adda addaa

USA.

Industirii keemikaalaa

10

Deevid  Kochi

39.6

75

hojii adda addaa

USA

Industirii keemikaalaa

11

Liliiane Bethen covert

36.1

93

Kosmootikii

Faransaayii

Dubartii dha

Akka gabaasa barruu Foorbes A.L.A. bara 2016tti akkuma biliyeenaroota warra dhiiraa biliyeenerooti dubartoota adduunyaas baayi’inaan jiru. Keessumaa burqaan qabeenyaa dubartootaa harka caalu abbootii ykn dhirsoota (abbaa manaa) isaaniirraa dhaala argatanidha. Akka gabaasa barruu kanaatti yoo ta’e A.L.A.bara 2015 qorannoo godhameen adduunyaarratti dubartooti biliyeenerooti 187 ta’an galmaa’aniiru.Garuu A.L.A. bara 2016 barruun kun gabaasa baaserratti baay’inni dubartoota biliyeeneroota addunyaa baranaa kan bara dabrerraa diigdamaan hirdhateera. Kanaa gaditti maqaa dubartoota biliyeeneroota adduunyaa 1-10 jiran barruun Foorbes A.L.A bara 2016 gabaasedha.

Lak

Maqaa

Dola. bil

Umrii

Burqaa qabeenyaa

Biyya

Ibsa

1

Liilaane Betenkort

36.1

93

Kosmootikii

Faransaayii

2

Alice Waalton

34.4

66

Walt mart

USA

3

Mria Franc Fissolo

23.1

98

abbaa qabeenyaa Ferrero SpA

Itlian

4

Jacqueline  Mars

  23.6

76

Karameellaa chokkoleetii 

USA

Cady factory

5

Susanne Klatten

18.5 

54

BMW

Jarmanii

dhaala abbaa

6

Laurene Powell jobs

18.7 

52

Apple campany

USA

7

Abigail Johnson

13.7

54

Dhaabbilee maallaqaa

USA

8

Chrlene de Carvalho Heineken

13.4

61

0ct.2015 Forbes

Netherlands

9

Massimiliana Landini Aleotti 

11.6

74

hojii adda addaa

Italian

10

Blair Parry-Okeden

9.8

66

abbaa qabeenyaa Cox Enterprises

Australia

Akka gabaasa Foorbis A.L.A. bara 2015tti yoo ta’e biliyeeneroota adduunyaarratti galmaa’an 1826 kan turan si’a ta’u bara kana gara 1810tti gadi bu’eera jedha barruun kun.Isaan kunniin keessaa 24 Afiriikaa keessaa sia ta’an burqaan qabeenya isaanii sochii hojii adda addaarraa akka ta’e yoo ibsamellee, hiyyummaa Afriikaan keessa jirtuu wajjin walbira qabmee yeroo ilaalamu bifa tokkoon ykn bifa kaaniin malaan maltummaa wajjin kan walqabatedha jedhanii namooti dubbatan jiru.Sababiin isaas biyya hiyyummaan irratti dagaage keessatti salphaadhumaan qarshiin biliyoonaan lakkaa’amu hammi kun haa hafuu miliyoona horachuun rakkisaadha. Fakkeenyaaf biliyeeneroota kurnan Afirikaa keessaa tokko kan taate intalli Pirezidaantii Angoolaa Josee Ediwaardoo Do Saantoos kan maqaan ishee Isaabaaeel Do Saantoos jedhamtu qabeenya kana hundumaa kan horatte Pirezidaantummaa abbaashee dahoo godhattee dhiibbaa uumuudhaan ta’uusaa namooti baayi’ee ni dubbatu.Akka gabaasa maxxansaa barruu Forbisitti, A.L.A. bara 2016tti Isibaaeel Do Saantoos baayi’inni qabeenyashee doolaara USA biliyoonii 3.1 si’a ta’u biliyeeneroota Afriikaa keessaa sadarkaa 8ffaarra jirti.Egaa bifuma kanaan tujaarota Afiriikaa kaanis burqaan qabeenya isaanii malaan maltummaadhaan kan horatanidha namooti jedhan baayi’eedha.Kanas ta’e sana, mee barruun Foorbes bara 2016 (A.L.A) maxxansee baaserratti biliyeeneroota Afiriikaa 1-10 baase haa ilaallu.

Lakk.

Maqaa

Dola. bil

Umrii

Burqaa qabeenyaa

Biyya

1

Aliikoo Daangotee

16.7

58

warshaa simintoo,daakuu

Naayijeeriyaa

2

Niikii Openhemerifi maatiisaa

6.6

70

albuudaa Diyaamondi

Afiriikaa kibbaa

3

Christoffel Wiese

6.5

74

daldala qanxabaa

Afiriikaa kibbaa

4

King Mohammed VI

5.7

52

abbaa qabeenyaa baankii guddaa biyyattii

Morokoo

5

Johaan Ruuprtiifi maatiisaa

5.3

65

daldala

Afiriikaa kibbaa

6

Naaseef Saawiinsi

4.1 

55

Konestirakshinii keemikaalaa

Gibtsii

7

Mikii Adininya    

  3.5   

62

Bobaa’aafi telekom

Naayijeeriyaa

8

Isaabeel DoSaantoos

3.1

42

investimentii garaa garaa     

Angoolaa

9

Isaad  krakifi maatiisaa

3.1

71   

Ddalalaa shaqxa nyaataa

Aljeeriyaa

10

Naajuub Saawiiris 

3

61

Telekom 

Gibtsii

Isaan kunniin malee bara Awurooppaanotaa dabre (2015) biliyeenerooti gara biraa 12 galmaa’aniiru.Diigdamii lamman isaanii waliigalaa doolaari USA.biliyoona 74.5 yoo ta’u kan hundumasaanii walitti eda’amee haamma Biil Geetis hin ga’u.

Afiriikaa walumaa galatti yeroo ilaallu, qabeenyi biliyeeneroti Afiriikaa kibbaa waliigalatti doolaara biliyoonii 20.1dha. Akka gabaasa barruu Foorbes baraanaatti biyyoota Afiriikaa 54 keessaa biyyoota 7 qofaatu biliyeeneroota qabu.Biliyeeneroota Afiriikaa 22 keessaa dubartooti sadii qofadha.Hardhaaf kanan gudunfadhe kanuma.Jildii 12 keessattimmoo mataduree garabiraan isin dubbisiisa.

Abebaayee Ijjiguu tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s