Meeqatu guuttatee hawwii jireenya isaa ?

Gammachuu argatee kan ciise garaan isaa.

Nama meeqaa laataa kan harkaan gahate?

Fedhii garaasaatii hawwii kan dhuunfatee.

Meeqa duraa haftee hawwiin hawwii taatee?

Hinaaffaan guutamtee hammeenyaan hudhamtee.

Nama meeqaa laataa hawwee kan argate?

Fedhii garaasaatii soonaan kan guuttate.

Eenyutu natti himaa eenyutu beeka laataa?

Eessa daangaan hawwii eessatti dhaabbataa?

Eessaan ba’ee deemee eessatti jallataa?

Eessatti qajeelee eessatti gufataa?

Dhugaa ta’uu baannaan hawwiin hawwiidhuma

Kan qoricha hinqabne dhukkuba hundumaa.

Dhugaa ta’uu baannaan hawwiin hawwiidhuma

Kan deebii hinqabne gaaffii ilmaan namaa.

(Asoosama Isaayyaas Hordofaa “Hawwii”  jedhamtu

keessaa kan fudhatame )

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s