Hariiroo maatiin kuushii uummata Oromoo wajjin qabu maal fakkaataa?

Oromoon damee kushii kessatti ramadama. Kush uummattoota bahaa Afrikaa kessaa, Afaan Kush kan dubatanidha.Kanaf Ormoon kushidha. Horoofi Oromon , hidda latiinsa Ormoo kessatti kan jalqabaati. Hiddi dhalootaa kun Horoo kaasee Raayyaa bira gaha. Ilmaan Rayyaa lamaan Maccafi Tuulamadha.Ragaalee hedduu hiddi Oromoo kush ta’u ibsan keessaa kittaabni qulqulluu isa tokko.Kitaabni qulqullun yeroo jalqabaatif Afaan Hiibruutiin bareefame.Sana booda gara Afan lammataatti yeero jijjiiramu, jeechi kush jedhu iddoo heedduutti barreffamee ture.Ummatni kush Gibtsii (Misira) duriirraa gara kibbaan naanoo Sudaan ammaarra, uummata qubatedha.Uummata qaroominaan sadarkaa olaanaa qabu ture. Qaroominni uummata kush adunyarratti qaroomina adda dure ture.

Maqaan kush jedhamu kan Itiyoophummaatti jijjiirame, yeroo kitaabni qulqulluun Afaan Hibrurraa gara Afaan Giriikiitti jijjiiramedha.Kitaabni qulqulluun, yeroo lammataa Afaan Giriikiiraa gara Afaan Gi’iiziitti jijjiiramu, guutumaa guututti kush Itiyoophyumaatti jijjiirame. Itiyoophiyaan ammoo Afrikaa kaabaa bahatti biyya Seem,Kush,Niloo Saharaafi, Omotikootaa taatee argamte.

Soochii Afrikaa kaaba bahaa

Afrikaa kaaba bahaatti gaaga’ama heddutu ta’aa ture. Kunniin kessaa Pershiyaanoonni,Otomaan Turkii, Araboonni,Roomaanoti weerartoota adda dure turan. Itoophiyaa keessattis Giraanyi Mohaamadiinis dabalatee, falmiitu ture.Falmiin kunis Kiristaanummaa, Musliimummaafi sirna Gadaa jidduuti kan adeemsifamaa turedha.

Hiddi Oromoo Raayyaa Oromummaasaatin, isaan kunniinii wajjin wal falmee, of ta’ee jiraate. Falmii kanaan Oromoon bakka sadiitti qoodame.Tokko Muslima,tokkommoo Kirstaana garri kaan ammoo aadaa ofi qabatanii sirna Gadaatiin of bulchuu jalqaban.

Oromoon Rayyaa Oromoota yeroo kana kessa dabranii of ta’anii hanga ammaatti Afrikaa kaabaa bahaa jiraataa jiranidha.Hiddi Oromticha Haroorraa ka’ee,Oromoo – Booranaa,Walaabuu jedhee Raayyaatti gala.Raayyaan ammoo goosota gurguddoo lamaan Maccaafi Tulamaa qaba. Maccaafi Tuulamaan ilmaan Raayyaati.

Qubsumaafi Hidda latiinsa Oromoo kaaba bahaa Afrika.

Qubsumniifi hiddi latiinsa Oromoo kaaba bahaarraa yoo ka’uu Raayyaan dursaadha.Seenaa irratti maqaan Raayyaa akka deddeebi’ee ka’uutti, Rayyaan adda dureedha.Rayyaan saboota ollaa isarra qubatan wallin,haariiroo haawaasumaafi diinagdee ciimaa qaba.Goosota Oromoo Itiyoophiyaa kaaba bahaarra qubatan keessaa iddoo olaanaa kan qabu Raayyaadha. Rayyaa kessatti ammoo maqaan olkaafamee himamu; Doobbaa, Marawwaa,Igayyifi Oflaa jedhamanidha Kanarraa ka’udhaan Oromotaa Afrikaa kaabaa bahaarra qubatan, damee gurguddoo lamaan qodaman ilaalun ni danda’ama.

1ffa. Waajirati maqaa jedhamuun kan beekaman Diddaa, Marawwaa, Ijuujjifi Oflaalidha.

2ffa. Asaboofi Qobboo kan jedhaman goosa lamaan kan qoodaman Oroomoo Raayyaati.

Oromon Raayyaa idoo qubsuma amma jiru kana erga jiraachuu jalqabee baroota hedduu dabarseera. Ragaan kanaaf erramuu ammoo seenaa sanda Abbaa amantaa Gadla Marqooriwoosi baresseedha.“ The Azabo “Galla” Oromo used to celebrate a Gada ceremony in the 14th century” jedhee barreeseera.

Hiikni isaatis;“ Oromoon Azaboo jaraa 14ffaa keessa, sirna Gadaa kabajaa ture” jechuudha.

Inni lamataa, Oromoon Raayyaa bakka amma jiraatu kessatti bara heddu waan dabarseef, ollootasaa kan ta’an saboota, Agawoo,Tigiraayifi Amaaraa wallin haariiroo haawaasummaa hedduu qaba.

Waan kana ta’eef hambaa aadaa ofiifi kan olloota isaarraa fudhatee jechoota saba lamarraa fudhatameen kan moogafaman; Ambaa Alaage kan jedhamu isa tokko. Iddon kun kan argamu kibba Waajjiraatitti yemmuu ta’uu, Tigirooti, Indartaa akka mana adabaatti( hidhatti) kan itti fayadamanidha.

Kan biraa ka’umsi isaanii kan Afaan Oromoo ta’e, iddoowwan akka Addee Gudom, Waajjirat, Makkoonee, Kooromee (Korom), Ashangee,Qiliishaa (Alaamaaxaa),Booran Haarraabee,Carcar, Dayyuu,Warra-Abayyaa,Gadaraa,Kuyyuu,Xummuugaa,Coobii,Caffaa,Gaattiraa,Haraallee, Gololoochee,Jaroota-gamaa,Ja’an-Jarootaa,Arangamaa (Haramgam) Baabboo Kormaa, Amayyaa, Gandoo -Mayyuu, Araaduu, Gura- warqee, Machaaree, Kukkuftuu, Nugusaa Gaale, Waajjaa, Cooree,Qaajima ,Qobboo, Roobit, Haaraafi kkf idoo Ooromoon Raayyaa qubate kanatti kan mogaafamanidha.Jeehoota Afaan Oromoti (kittaba seena oromo Jara 16ffa fula 292.maxxansa 1996. Maxxansa 1998 ful.286)

Karaa garabiraatiin burqaansaanii aadaafi Afaan Oromoo ta’ee, naannoo saboota Amaaraafi Tigiraayitti baldhinaan kan dhaga’amu,sirbiifi weedduun akka geerarsaa gootaafi gootummaa Afaan Oromootiin yeroo faarsan akkas jedhu

“…Haayi ! haayi !haayi !

Korma gaafa lolaa!

Hayi! hayi ! korma gaafoo !

Korma gaafoo! korma gaafoo! Korma gaafa lolaa ! korma gaafa lolaa…”jedhu.Kun Afaan Oromoodha.

Kaaba Itoophiyaa kan qubataan Oromon Raayyaa, kibba kan qubate Oroomoota Arsiifi karaa bahaa Marawwaan Raayyaa wajjinis ta’ee Ituu wajjin kan walitti hidhata qabu ta’uusaa ragooleen tokko tokko ni muldhisu.Marawwaan Raayyaaf hangafadha kan jedhan akka ibsanitti, eebbarratti Raayyaa dursee dhiyeessa.Akkasumas angoon Raayyaa keessatti kennamu kamillee eebbaan kan xummuuru Marawwaadha.Jechuudhaan ragaa dhiheessu.(Kitaaba seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa fuula 288 maxxansa 1998)

Hidda latii Raayyaa

Oromoo

Boorana

Samatoo

Gurachaa

Nagawoo

Odaa

Walaabu

Rayyaa

Maccaa ______________ Tuulama

Oromoon ka’umsa maraatti Afaan kushi bahaatirraa burqee, uummata Afaan Kushii dubatudha” (Seen Oromoo hanga jara 16ffa fula 20.maxxansa 1996)

Kitaabni qulqulun bara 1962 maxxanfame galmee jechootaa irratti, jecha Itiyoophiya jedhu, Kush jedha.

Kanaaf Itiyoophiya jechun kush. Kush jechun Itiyoophiyaadha. Maqaan kun uummatis biyyis kan ittiin waamatudha ” ( kitaaba seenaa uumata Oromoo hanga jaraa 16ffafula 20.maxxansa1996)

uumati kush Afan gara garaa dubbachuu kan jalqabe wagooota 3500 – wagoota 2000 jidutti.

“ …Uumati Oromoo kan burqe kushi bahaa Afrikaarraa bara 8000 dura uumata jiraataa turedha. Kannaf Oromoon essaahuu kan hin dhufine, achuma jiraacha kan ture ta’u ibsa.”( Kitaaba S. u. O. h. jara 16ffa fulaa 23. maxxansa 1996)

Uumati kush durii, yeroo ammaa sababa afaan garaa garaa dubbatanif adda adda qoodameera. Itiyophiyaa kessatti qoofa Kushi duriirraa afaanoon burqan digdamii sadii dubbatamu.

Isaanis:

1. Oromoo

2. Sidaamaa

3. Burjjii

4. Affaar

5. Soomaalee

6. Kambaataa

7. Geede’oo

8. Saahoo

9. Koonsoo

10. Qimaant

11. Himtaang

12. Awung

13. Hadiyyaa

14. Baraareet

15. Busee

16. Erbooree

17. Daasanchi

18. Gawaadii

19. Garoobaz

20. Tsamayi

21. Waarazi

22. Baayisoo

23. Gidooloo

Afaanoonni maatii kush wan waliin qooddatan Aadaafi jeechoota kushi duriirraa dhaalan eerun bekkama.” Jedhu qorattonni seena( jara 16ffa .maxxansa 1996, ful.24,maxxansa 1998 ful.20)

F.K. Oromoon Afaan soomaalee waliin jechoota % 35–40 waliin qabu jedhamee tilmaamama.Koonsoon Afan Oromoo wallin %50 qooddatu.Egaa kun soochiin uummata kush essaa gara eessatti akka ture nu mirkaneessa.

Kabajamtoota dubbistoota keenyaa hardhaaf kanan dubbiserraa kan isinii qopheesse kanuma.Yeroo gara biraammoo mataduree gara biraan isin dubbisiisa.Waan dubbistaniif Galatooma.Dubbisuun beekumsa namaa dabala !

Masqaluu Baalchaa tiin!

Advertisements