Yeroo baayi’ee murtii kennuu qabna yoo ta’e waan tokko tokko dhiisuu qabna.Yeroo ani karaa walqaxaamuru irra ga’u murteessuutu narra jira.Gara mirgaatti yoon deeme, karaa isa karaa isa gara bitaatti nageessun dhiisa. Gara bitaatti yoon gores karaa isa mirgatti nageessu dhiisuun qaba.

Namoonni baayi’een waan qaban gadi dhiisuu hinjaallatani,Kanaafuu waan tokko murteessuuf baayi’ee rakkatu.Yeroo baayi’ee waa murteessuuf duubatti harkifatu. Sababiin kanaas waan lama keessaa tokko dhiisanii,isa kaan filachuu waan dadhabaniifidha.

Fakkeenyaaf mee qonnaan bulaa haa ilaallu:Jalqaba ji’oota bonaarratti loowwansaa fayya-buleessota,akkasumas nyaata gahaa qabu.Qonnaan bulaan kun ji’oota bonaa dhufan hundumaa keessa loowwansaaf nyaata gahaa akka hinqabne beeka.Kanaaf maal haagodhuree?

Loowwansaaf nyaata bituu qaba.Nyaata biituuf horii (qarshii) isa barbaachisa Kanaaf loon muraasa gurguruu qaba.Garuu tarkaanfii kana fudhachuufis murteessuu dadhaba.Loowwansaa baayi’ee jaallata.

Dhimma kana irratti murteessuu qaba.Lama keessaa tokko dhiisuu qaba.Lamaanuu qabachuu hindanda’u.Namoonni baayi’een murteessuu dadhabu.Murteessuurraa gara boodaatti harkifatu.Loon muraasa gurguranii loon baayi’eef nyaata bituu hinbarbaadani.

Akkuma ji’ooti bonaa dheerachaa adeeman, nyaati loowwaniis,xiqqaachaa deemee dhumarratti waan nyaatan dhabanii sadarkaa beela’urra ga’u.Yeroo kanatti qonnaan-bulaan kun waan tokko gochuutu irraa eegama;yoo kana ta’e malee loowwansaa hongeedhaan nidhumu.Amma garuu nyaati loowwanii baayi’ee qaalaweera(mi’aayeera).Loowwansaa Sababii nyaata gahaa hinarganneef waan huuqqataniif gurguruu yoo barbaadellee gatii gaarii hinargatu.Silaa osoo loowwansaaf nyaata biteera ta’ee hardha loowwan fayyaalessa muraasa nyaachisuun isa hinrakkisu ture.Erga ji’ooti bonaa darbanii booda maallaqa hafeen loowwan gara biraa bitachuu nidanda’a ture.

Karaan lamaanuu nama dhiphisuu danda’a,maaliifi? lama keessaa tokko dhiisuu barbaachisa.Kana murteessuu dadhabuunimmoo caalaatti rakkisaa ta’a.

Namoonni baayi’een murteessuun isaan rakkisa.Sababiinsaa waa’ee sanaa waan gaarii itti hindhaga’amu.Garuummoo murteessuu dhiisuun isaani mataansaa murtiidha.Kunimmoo murtii badaadha.

Namooti kaayyoo isaanii fiixaan baafachuu danda’an dursanii yaadu.Murteessuun rakkisaa ta’uusaa beeku.Garuu sammuu isaaniitiin malee miira itti dhaga’amuun hindurfaman.

Yoo milkaa’ina barbaadan, miira isinitti dhaga’amuun osoo hintaane, sammuu isaaniitiin qajeelfamuu qabu.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s