Dhibeen dhiibbaa dhiigaa akka waan rakkoo warra biyyota guddatan qofa ta’etti ilaalamaa ture. Haata’u malee, barootan[ waggoota] 20 -30 dabran asitti, haalli kun jijjiramuudhaan biyyota Awuurooppaafi Amaarikaa caalaa biyyoota Afriikaa keessatti daabalaa dhufeera.Baayi’inni isaas hawaasa hiyeeyyii keessatti daabalaa dhufuusaa qorannoon ni ibsaa.

Gosa dhiibbaa

dhiigaa

Lakkofsa kan

irraa (Systolic)

Lakkofsa kan

gadii (diastolic)

Kan mudaa hinqabnee

ykn fayyaa

120 gadi

80 gadi

Dhiibbaa dhiigaa jalqabaa

120-139

80-89

Sadarkaa 1ffaa  Dhiibbaa

dhiigaa

140-159

90-99

Sadarkaa 2ffaa Dhiibbaa

dhiigaa

160 ykn isaa ol

100 ykn isaa ol

Dhiibbbaa dhiigaa rakkisaa

(Balaarra ga’e. Kan  kunuunsa

ariifachiisaa barbaadu)

180 ol

110 ol

120/80 – kun isa sirriidha. 121 olitti systolic fi 81 ol diastolic sadarkaa gara dhiibbaa dhiigaatti ramadama yeroo kana keessa garuu salphaatti sirreessuun ni danda’ama!

Dhibee dhiibbaa dhiigaa olaanaa (High Blood Pressure/Hypertension )

Haala Addunyaa : Olkaa’insii dhiibbaa dhiigaa sadarkaa addunyaa irratti rakkoo dhibee onneefi hidda dhiigaa, akkasumas du’aaf saxilaan keessaa isaa guddaadha. Akkaataa qorannoon sadarkaa addunyaa mul’isutti, rakkoo dhibeen kun fidu(geessisu) dabalaa kan deemu yoo ta’u; A.L.A. bara 2000 hanga 2025tti bayyinni namoota milliyoona 560tti lakkawwaman, dhibee dhiibbaa dhiigaan dabalataan ni midhaamu( qabaamu)Biyyoota Sahaaraa gadii keessatti, dhibeen dhiibbaa dhiigaa, rakkolee kan akka dhibee sammuu tasaa[ stroke], dadhabbii rukkuttaa onnee [ Heart Failure], dhibee kalee sadarkaa guddaarra ga’e [ Chronic Kidney Disease] fi dhibee ujummoo dhiigaa onneef[ Coronary Artery Disease] saaxila.

Hedduminni rakkoo dhibeen kun addunyaa irratti geessisu yeroorraa gara yerootti dabaluun bara 2000 A.L.A tti dhibeentaa 4.5 [ ga’eessota billiyoona tokko] kan ture, bara 2010tti immoo dhibeentaa 7tti guddate. Kunis kan mul’isuu sababa du’aatiifi dhukkuba addunyaa waan ta’eef tarkaanfiin ariitii kan barbaachisuu ta’uusaa ibsa.

Dhukkuba dhiibbaa dhiigaa biyyoota galii gad-aanaafi giddu-galeessaa qaban keessatti hanga yeroo dhi’hoo asitti , baayyinan kan muldhatu dureessota addunyaa irratti ture. Haata’u malee, ardii kana irratti haalli muldhachuu dhukkubichaa dabalaa dhufeera. Biyyoota dinagdeen isaanii gad-aanaafi giddu-galeessaa, bara 2025tti, namoota afur keessaa 3 dhibee dhiibbaa dhiigaa waliin kan jiraatan ta’u.

Dhibeen kun akka aadaatti, Afriikaa keessatti, ba’aa gurguddoo dhukkubaafi du’aaf saaxilan dhukkubota daddarboo, haadhoolii, da’uumsa duraafi nyaataati. Rakkoon kuniis ariitiidhan gara dhibeewwan daddarboo hintaane waliin wal geeddare. Hiika adda kan ta’e dabalataa“Dhibee balaa dachaa” [ “ double burden of disease”] jeedhamu fidaa. Bara 2000 biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadii, ga’eessota tilmaamman milliyoona 80 yoo ta’u, karoora bara 2025 lakkofsi kun gara milliyoona 150tti guddata. Haalawwan kun kan walqabatu, jijjirama haala jireenyaa dhunfaafi hawaasaa kkf. Tiinboo xuxxuu, dhugaatii Alkoollii dhuguu, hanqina sochii qaaamaa, aadaa nyaataa biyyoota dhihaa, Shuukkaara, soogidda, coomaa fi Zaayita baay’ee ofkeessaa qabaan fudhachuu [ Adoption of “Western” diets].

Dhibeen dhiibbaa dhiigaa kan to’atamuufi geeddaramu ta’ullee, balaa dhukkuba onneefi ujummoo dhiigaa,hanga yoonnatti biyyoota guddina irratti argamaan baayyee keessatti ittisniifi too’annoon dhibee dhiibbaa dhiigaa xiyyeeffannaa hinarganne. Itoophiyaan biyyoota dinaagdeen isaanii baay’ee gad-aanaa ta’an keessaafi miidhaa dachaa dhibee dhiibbaa dhiigaa qabaan keessaa ishee tokkodha. Akkaataa gabaasni dhaabbata fayyaa adduynaa mul’isutti, du’a dhukkubota daddarboo hin taane( Non-Communicable Diseases, NCDs) dhibbeentaa 34[ 34%] keessaa dhibeen onneefi hidda dhiigaa( Cardio vascular Disease, CVD) dhibbeentaa 15 [ 15%] gumaacha. Ragaa dhibee dhiibbaa dhiigaa ilaalchisee Itiyoophiyaa keessatti gama qorannootiin hanqinni jira.Haala fooya’aafi baldhinaan itti hindeemamne. Qorannoowwan sadarkaa naannoleee adda addaa keessatti gaggeeffamanii ala, akka biyyoleessaatti qorannoon baay’ina ykn haala facca’insa dhibee kanaa irratti hojjetame hanga ammaatti hin jiru.

Qorannoo Dhibee Dhiibbaa Dhiigaa

Dhibeen kun “dhukkuba callisaa” [“silent disease”] jeedhamuun beekama. Mallattoo mul’ ataa waan hinqabneef, dhiibbaa dhiigaa yeroo yeroon to’achuun baay’ee barbaachisaadha.

Qorannoo qaamaa[ Physical Examination]- Osoo dhiibbaa dhiigaa hin safarin dhibamaan kun haala timboo xuxuu[ tobacco exposure], sochii qaamaa[ recent exercise] , ykn daqiiqaa 30 dura wantoota ho’aa nama kakaasan kan hinfudhanne ta’uu [recently consumed caffeinated beverages] mirkaneefachuu.

Dhiibbaa Dhiigaa safaruu

Seenaa fayyaa qorachuun[ Medical History]- Hakimiin yoo dhibee dhiibbaa dhiigaa shakkee , ragaalee argachuu qaba: seenaa fayyaa maatiifi dhunfaa keessatti deddebi’ee ta’uu; fakkeenyaaf olkaa’insa dhiibbaa dhiigaa , dhibee tasaa saammuu, rakkoo onnee, dhibee kalee, ykn shukkaaraa, Wantoota dhibee onneefi dhibee tasaa saammuuf saaxilan; -Tiimboo [ tobacco use], soogidda [ salt intake], furdina qaamaa[ obsesity], sochii qaamaa gochuu dhiisuu[ physical inactivity], cooma dhiigaa [ unhealthy cholesterol levels]

Dawwaalee/Qorichawwan kamiyyu fudhatamaan:

Mallattowwan kamiyyu dhibee dhiibbaa dhiigaa rakkoo dhukkuboota biroon dhufaan [Secondary Hypertension- fakkeenyaaf dhibeee kalee hidda jabeefatee, rakkoolee xannacha Adreenaliin, dhangala’aa humnaa olii paraataayrodiisim, rakkoo dhiibbaa dhiigaa ulfa waliin dhufu, Qorichawwan, dhippina hidda ijoo dhigaa gara kaleetti dabarsu ( Renal artery stenosis) ] .

Qorannoo Labooratooriifi kan Biroo – fak. qorannoo gosa dhiigaa adda addaafi fincaanii

Ka’umsa Dhibee dhiibbaa dhiigaa

Qabata xinlubbuu[ Genetic factors] , haala qabatamaa nannoo[ environmental factors] fakkeenyaaf kanneen muddama fidan kamiyyu, waantotni baay’een dhiibbaa dhiigaa miidhan- hamma fayyadama soogiddaa, haala kalee, hujummoo dhiigaa ,ykn sirna ribee sammuu[ Nervous system], sadarkaa dhangala’aa xaanachaa [ Hormone levels] irratti hundaa’udhani. Yeroo umuriin dabalu dhiibbaan dhiigaa baayyee olka’aa deema; Sababiinisaas ujummoon dhiigaa jabaataa waan deemuuf.

Ol kaa’insa dhiibbaa dhiigaan kanneen miidhaman ykn saaxilaman –

Lammii Afriikaa-Amaarikaan; Yoo furdatan, yoo yeroo baay’ee muddama sammuu qabatee ykn kan sodaattu taate, dhugaatii Alkoolii baay’ee kan dhugdu yoo taate, soogidda baay’ee kan fayyadamtu yoo taate, maatii kee keessaa dhibee dhiibbaa dhiigaan namni qaabame yoo jiraate, yoo dhibee shukkaaraa qabaatte, yoo timboo xuxxa taate. Yeroo hedduu maddi ka’umsa olka’insa dhiibbaa dhiigaa hin beekamuu. Kunis dhibee dhiibbaa dhiigaa jalqabaa ykn bu’uuraa [Essential or primary hypertension] jedhaama.

Walxaxiinsa Dhibee dhiibbaa dhiigaa geesssisu:-

Heddumina olkaa’insa dhiibbaa dhiigaan, hidda ijoo dhiiga keenyaa irra ga’uu miidhaa ujummoo dhiigaa akkasumaas kutaa qaamaa fidaa. Olkaa’insi Dhiibbaan dhiiga kee kan hintoo’atamine yoo ta’e; miidhaa inni geessisus akkasuma guddadha. Olkaa’insi dhiibbaa dhiigaa hin to’atamu taanaan rakkoo inni fiduu:

Miidhaa onnee ykn dhibee tasaa sammuu- furdinaafi jaabachuu hidda ijoo dhiigaan[ Atherosclerosis] kan umamudha .

Dabaluun dhiibbaa dhiigaa dadhabinaafi dhiitoo ujummoo dhiigaa [Aneurysm] fidudhan akka tarsa’u taasisuun yaaddoo jireenyaa geesisa.

Dadhaabina onnee- wayitti facaasuu dhiigaa, karaa biraatiin olkaa’insi dhiibbaa ujummoo keessatti ta’u, foon onnee ni furdata. Kanaafuu, foon onnee yeroo furdatu feedhii qaamaa gutuuf dhiigaa dabarsuun yeroo waan itti fudhatuuf onneen ni dadhaba.

Dadhabinaafi dhiphina ujummoo dhiigaa kaalee.

Furddina, dhiphina,ykn tarsa’uu ujummoo dhiiga Ija keessaa [jaamuu agartuu, jaamuu qaroo ].

Dhukkuba nyaata keemikaala xixiqaatti kan jijjiiru[ Metabolic Syndrome]- Rakkoo tu’uta qaamaa nyaata keemikaala xixiqaatiin dhufu. [Fakk. Olka’insa Cooma dhiigaa( High Cholesterol levels), Olka’insa Insuulinii (High insulin levels)].

Goolama sammuu qaabachuu/ yaadachuu ykn qayyabachuu dadhabuu

Mallattowwan Dhibee Dhiibbaa Dhiigaa:

Dhibeen kun yeroo baay’ee mallattoo hinqabu.Sababa kanaafis dhukkuba sagalee dhokfatee nama ajjeesu ykn ajjeessaa sagaalee hinqabnee [ “Silent killer”] jeedhama. Haata’u maleee, dhibeen kun jirachuunsaa kan beekamuu yeroo dhukkubsattonni ogeessa fayyaan ilaalamaniifi mana waldhaansa fayyaa deemanii qoratamanidha. Namni kamiyyu umuriin waggaa 18 fi isaa ol ta’an,keessumaayyuu kanneen dhibee kanaaf saaxilaman dhiibbaa dhiiga isaanii utuu walirraa hinkutin yeroo yeroon safaramuu ykn ilaalamuu qabu. Mallattowwan dhibee dhiibbaa dhiigaa kamiyyu rakkoo dhukkuboota biroon dhufaan [Secondary Hypertension] – fakkeenyaaf dhukkubii mataa, onneen ariitiin rukutuu , baayi’ee dafquu, dadhabbiifi waraansa irree, dafanii dafanii fincaa’uu. Mallattowwan bala’amaa dhibee dhiibbaa dhigaa[Malignant or Accelerated Hypertension] – mataa dhukkubbii hamaa, garaa hammeessuufi hooqqisiisuu of -waalalluu, jijjirama ilaalcha ijaa, funuuna fikkf dha

To’annoo/ of-eeggannoofi ittisa olka’insa dhiibbaa dhiigaa.

Nyaata fayyummaa onneef gargaaran nyaachuu- Kuduraafi muduraa, ija miidhanii waliigalaa, foon, midhaan baaqelaa fakkaatan]

Bishaan gaa’aa guyyaa- guyyaan dhuguu

Yoo xiqqaate guyya guyyaatti utuu walirraa hinkutin daqiiqaa 30f sochii qaamaa gochuu (Aerobic Exercise a day)

Tiimboo xuxuu dhiisuu

Dhugaatii Alkoolii hir’isuu ykn daangessuu.

Hamma nyaata soogiddaa daangessuu[ guyyatti 1500gm gadi]

Muddama sammuu hir’isuu – gadifageenyaan yaaduu ykn yoogaa[ try meditation or Yoga to de-stress]

Ulfina qaamaa hir’isuu (akka garmalee hinfurdanne of to’achuu)

Yaadaachisa: Namooti hedduun ol-kaa’insi dhiibbaa dhiigaa akka hin umaamine ykn hin mul’anne kan ittisan haala jireenyaafi nyaataa isaanii irratti jijjirama goochudhani.

Dhugaawwan hawwachisaa waa’ee dhibee dhiibbaa dhiigaa:

1. Dhibeen dhiibbaa dhiigaa miidhaa onneefi rakkoo tasaa saammuu[ stroke] dabala

2. Baay’inni dhibee dhiibbaa dhiigaa kan baay’atu kanneen dhibee shukkaaraa, dhibee kaleefi riihii qaban irratti

3. Dhibeen dhiibbaa dhiigaa mallattoo hinqabuu [Symptomless]

4. Dhibeen kun kan inni itti baay’atuu namoota maatii keessaa dhibee dhiibbaa dhiigaa qaban irratti.

5. Dhibeen kun ijoolleefi dargaggoota umurii 13-19[ teenager] gidduutti argamaan ni miidhaa

6. Dhibeen kun dubartoota qoricha ulfa ittisu fudhatan irraatti baay’ata

7. Dhibeen kun kan baay’atu namoota hedduu furdaa[ obese] fi dhugaatii Alkoolii cimaa dhugan irrattidha.

8. Qorichoowwan ulfina qaamaa hir’isan dhibee onnee itti caalchisu

9. Dhiibbaan dhiigaaa yeroo umuriin dabalaa deemuu waan dabaluuf of-eegannaa gochuun barbaachisaadha

10. Dhiibbaan dhiigaa yeroo rafan gadi bu’a, yeroo ol- ka’an immoo ni dabala.

Dhimma Suuraa armaan olii wajjin kan wal qabate: akka Ogeessa fayyaatti, Ogeessa Fayyaafi dizaayineera, Beekaa/Darasuu Abdiisaa, akka dhukkubsataatti Hundasaa Iddoosaa.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s