Dhaabni baayoo gaazii oksijinii malee faltii horii (loowwanii)akkasumas biqiloota humna (energy) maddisiisuu danda’an irraa baayoogaazii oomishu.Biqiltooti humna maddisan kunniin biqiloota rakasa,nyaataaf osoo hintaane boba’aa (biofule) oomishuuf biqilfamanidha. Boba’aan uumama adda addaarraa argamu kun bifa gaazii ,jabaataa ykn dhangala’aa si’a ta’u, uumama dhiyoo hurraadhaan uumaman keemikaala of keessaa hinqabnerraa burqa.
Baayoo gaaziin boba’aa bifa okisiijiinii hinqabneen uumama keemikaala ofkeessaa hinqabnerraa Baakteeriyaadhaan uumamudha.Dhaabni Baayoo gaazii qaama bukeessu(bulleessu)fi qaama gaazii ofkeessatti qabatu qaba.
Qaamni bukeessu qodaa qilleensa hinseensisne yoo ta’u, kosii(balfaa)fi hambaawwan garaa garaa akkasumas faltiin loowwanii itti guutamee kan keessatti bukaa’u ta’ee, inni gaazii qabatummoo gaanii siicoo (bulbulame) keessaa burqu qabata.
Baakteeriyaan qodaa bukoo keessatti waan naqaman hunda daakee yommuu tortorsu,gaaziin kan akka kaarboon monoksaayidii,miiteen(methan) Hayidiroojiinii (Hydrogen) fi Naayitroginii (nitrogen) keessaa bahuu (burqu) jalqabu.Haala ukkamsaafii dhiibbaa irra gahuun qodaan gaazii qabate kun gaaziin gara oliitti dhiibamee boolla barmeelaatti seensisa.Qaawwaan kun akkaataa gaaziin rakkoo tokko malee yaa’ee qodaa gaazii qabatutti akka seenu yeroo godhu,gaaziin tokkollee hulluuqee ba’ee deebi’ee gaanii bukootti akka hindeebinetti ta’ee hojjetame.Haala to’annoo cimaa jalatti,gaaziileen booda gubamee(combusted) ykn oksiigiinii wajjin walitti dhufee akka inni humna (energy) burqisiisee ho’aafi mootora sochoosu godhama.
Dhaaba Baayoo gaazii ijaaruun gaazii hammam barbaachisu,meeshaa,faltii, biqiltuu, kosii,kosii gaazii oomishuuf itti gargaaramnu hammam of harkaa akka qabnuufi, qodaan keessatti wal nyaachifnu (keessatti bukeessinu) kan qophaaye waan murtaayee ykn osoo walirraa hinkutin oomishuu danda’u isatu murteessa.
Kukkutanii qodaa bukeessutti naquudhaan hojiin hojjetamu waan jajjabaa (solid) ta’e yeroo-yeroodhaan addaan fuudhamee qodaa bukkeessutti naqu yoo ta’edha;akkasuma inni osoo walirraa hincitin itti dabalamummoo yeroo baayi’ee yoo dhangala’aa ta’edha.
Dhaabni Baayoogaazii lafarrattis,lafa keessattis (boolla keessasattis) qopheessamuu danda’amus lachannuu faayidaafi,rakkina mataa isaanii qabu.Inni lafa irratti hojjetamu suphuufi sirreessuu salphaatti kan danda’amu si’a ta’u, ho’a aduus argachuu danda’a.
Garuu ijaarsisaa dhiibbaa qodaa bukoo sana keessatti, uumama ukkaamsee qabuu akka danda’utti hubannoo cimaa itti kennamee ijaaramuu qaba.Qodaan bukoo inni lafa keessatti (boolla) keessatti hojjetamu gatii rakasaafi akka salphaatti ijaaraamuu yoo danda’ameyyuu suphuun rakkisaadha.
Dafee tortoree bukaa’uufi haala gaazii itti oomishuu mijeessuuf qodaan keessatti bullaa’ee bukaa’u kun, haala qilleensa ho’ina 0c 29 fi 0c 41 (0F 84.2_0F 105)gidduutti eegamuu qaba.Siicoo calalanii baasuu yeroo yaadan Asiidii of-keessaa kan qabu gaaziin gubate (Carbon dioxide) gaaziin barbaacisaa ta’e uumamuu danda’a.Siicoon gaanicha keessa jiru yeroo yerootti sochoosamuu qaba.Sababiinsaas siicoo sanarratti waan goggogaan akka hinuumamneefidha.Waan goggogaan yoo siicoorratti uumame gaazota siicoo keessaa ukkaamsee meeshaan akka gaazoota sassaabee walitti hinqabne uggura.
Baayoo gaaziin gaazota yeroo dheeraaf lafa jala turanii qotamanii baafaman (fosil fule) okisijiinii osoo hinargatin baroota dheeraa booda qotamanii argaman kan akka cilee dhagaa ykn Zayitii caalaa filatamaa ta’aniiru.Kaarboonii(Carbon) xinneessinee akka qilleensa keessatti argamu yoo itti gargaaramne, faayyaadhaaf barbaachisaadha.Garuu yoo hedduminaan akka inni qilleensa keessatti argamu taasifne rakina fida.Kaarbooniin boba’aa lafa keessaa qotamee ba’u keessatti argamu jabana dheeraaf lafa keesaatti awwaalamee waan tureef Karbooniin isaa qileensa keessa jiruu wajjin adda adda.Yeroo boba’aan gubatee aarri qilleensatti seenu walitti qabamu kaarboonii ol kaasa,nibaayi’isa.
Baayoo gaaziin garuu faltii horiifi tortoraa uumama garaa garaarraa kan uumame waan jireessa ykn waan dhiyeenya caccabanii qabiyyeen Kaarboonii qaama keessa jiru keessaa osoo hinbadin jiru waan ta’eef isaan kana bobeessuun Kaarboonii qilleensa naannoo jiru jijjiiru kan inni danda’u baayi’ee xiqqaata.
Itti dabaleemmoo waan Baayoo gaazii,boba’a akka zayitiifi cilee caalaa filatamaa wanti godhu, baasii kaarboonii qofaa osoo hinta’in, baasii xiqqaa burqaa humnaa (energy) yeroo barbaadametti haaromsuun danda’amu, akkasumas waan gatamerraa oomishamuu danda’u ta’uusaati.Baayoo gaaziin biyyoota guddachaa jiraniif burqaa humnaa bu’a-qabeessa si’a ta’u,bakkee dhiphoo keessatti oomishamuu danda’amuun isaas bu’aa gara biraadha.
Boba’aan Baayoo gaaziis garuu waan qeeqamu qaba.Namoonni muraasni,akka falmanitti biqiltuu humnaaf (energy) ta’u oomishuu irratti xiyyeeffachuun, midhaan nyaatamu qotuurraa nama dagachiisee hir’ina midhaan nyaata adduunyaa fiduu danda’a jedhu.Akkasumas,Baayoogaaziin badii bosonaa,Bishaan xureessuu,Biyyoo haxaawuufi biyyoota boba’aa (Zayitii)oomishan irratti miidhaa diinagdee fiduu danda’a kana jedhan jiru.
Dhaabbata ISD tiin balcha kabajaa kan ta’eedha.