Seenaa Abdii fi Caalaa

Abbaa!” jedhe Ifaa xinnichi.Itti fufees “Maaliif boolla kana qottaa?Guyyoota baayi’ee dabraniif kanuma qotaa turte,Akkan si argutti baayi’ee kan dadhabde natti fakkaata”

Abbaan Ifaa akaafaasaa lafa kaa’ee,bishaan ilmisaa qaruuraadhaan fideef irraa habbuuqqatee gadi taa’e.”Ilmakoo! mee oduu durii tokkon sitti hima”Jedhee jalqabe.

Bara durii qonnaan bultooti lama biyya hirdhinni bishaanii keessa jiru keessa jiraataa turan;Tokko maqaan isaa Abdii jedhama, inni kaanimmoo Caalaa jedhama.Gaaf tokko mootiin biyya sanaa biyya isaan jiran dhufee ‘jireenya keessan keessatti waan hawwitan sadi-sadii natti himadhaa’jedhee isaan gaafate. Isaanis deebii walfakkaatu deebisaniif.’Yaa gooftaa beeyiledoota keenyaaf bishaan barbaadna. Midhaan facaasnees,oomishannee, galfannee, kaan immoo gurgurannee, yaaddoo malee jiraachuu barbaadna.Kana malees mootii keenya duratti ulfinans argachuu feena.’ Ittiin jedhan. Mootichis ‘lamaan keessaniyyuu gaaffii gaarii gaafattan ‘jedhe. Ammas mootichi deebisee;’Gaaffiifi hawwiin keessan isiniif guutama.Gruu yoom deebi’ee dhufee gaaffii keessaniif deebii akkan kennu hinbeeku.’ Jedhee waadaa galeefii deeme.

Abdiin baayi’ee gammadee gara mana isaatti galee, boqote.Sana booda waadaa mootichi seeneef yeroo gabaabduu keessatti akka ga’u utuu waa waan tokko hinhojjetin abdiidhaan eeguu jalqabe.

Caalaan garuu akka Abdii hinteenye.Yaaduu jalqabe.’Abjuunkoo inni guddaan kana ta’a jedhee hinbeeku.Akka dhugaa yoo ta’e,hawwiinkoo inni duraa, mootichi deebi’ee dhufee, waadaa nuugale sana hamma nuu dhugoomsutti, taa’ee eeguun narra hinjiru .Boolla bishaanii mataakoo qotachuun qaba.Mootichi yoom akka dhufu hinbeeku.’Jedhe.

Haala kanaan boolla bishaanii qotuu itti fufe.Hojii dadhabsiisaa kana utuu gidduutti hindhaabin hamilee cimaadhaan itti fufe.Namooti ganda sanaafi Abdiin utuu hinhafin itti qoosu turan.’Maali hojii bu’aa tokko hinqabne kun?Mootichi dhufee waan hunda siif gochuuf waadaa sii galeera.Maarree ati maaliif ofumaa of dadhabsiistaa? Maaliif boqonnaa fudhattee abdiidhaan isa hineegduu?’ittiin jedhu.

Caalaan garuu utuu deebii hinkenniniif ‘hamma ani bishaan argadhutte, boolla qotuukoo ittin fufa’ jedhee boolla bishaanii sana akka barbaadamutti gadi qotee bishaan erga argatee booda ijaarsaaf meeshaa barbaachisu bituuf jedhee re’ee gurguree beeyiledaan akka keessa hinseenneef itti naannessee dallaa ijaare.

Kunoo amma maatiinsaafi beeyiledootisaa bishaan gahaa argatani.Kana booda maatiifi beeyiledootisaa bishaan barbaacha karaa fagoo hindeemani.Amma inniifi maatiinsaa maasii qonnaa isaaf bishaan barbaacha biyya fagoo deemuudhaan yeroo hinballeessani.Masii qonnaa isaanii irratti hojiidhaaf yeroo gahaa argatanii jiru.Yoo roobni yeroosaa eegee roobuu dide,qonnaa isaaniif bishaan boollaatiin fayyadamu.Amma maatiin,beeyiledootiisaafi maasiin qonnaasaa bishaan hamma isaan barbaachisu argataniiru. Sababii kanaan omishi isaa gaarii ta’eef. Hamma mana keessaaf isa barbaachisu itti fayyadamee kan isarraa hafemmoo gabaatti baasee gurguruudhaan bu’a qabeessa ta’e.

Abdiin garuu akka Caalaa hinhojjenne.Roobis roobuu dide.Mootichis deebi’ee hindhufne.Calluma jedhee, harka maratee, taa’ee mooticha eega ture.Booda garuu maatiin Abdii waan nyaatan dhaban.Kanaaf beeyiledoota isaa gurgruun dirqama itti ta’e.Horiisaa gurguree fixee booda irratti ganda sana dhiisee, ba’ee, magaalaatti galee, Lootorii naanessee gurguruutti ka’e.

Waggaa tokko booda Mootichi qonnaan bultoota kunniin lamaan daawwachuuf ganda isaanii dhufe.Caalaa qofa argate.Abdii hinargine.

Yeroo kana mootichi,’hiriyaankee eessa dhaqee? maal ta’ee? ‘jedhee Caalaa gaafate.Innis sababii Abdiin biyyaa bade itti hime.Mootichi hojii Caalaa argee gammade.Akkasis ittiin jedhe.’Ati deggeersakoo malee hawwiikee isaan lamaa fiixaan baafatteetta. Ati dhuguma kabajamuu qabda.’Ittiin jedhe.Kanumaan mootichi Caalaa bulchaa ganda sanaa godhee isa muude.Kana booda lafa qonnaa kana dura qaburratti dabalee lafa baldhaa kenneef.Kana malees boolla bishaanii isaas haala gaariin cimse ijaarsiseef.’

Abbaan isaa oduu durii kana isatti himee yeroo xummuuru, Ifaan fuullisaa ni’ife.Akkas jedhe.”Abbaa kun oduu durii lafumaa kaasanii odeessamudha malee waan dhugaa miti.Maaliif yoo jette amma mootiin hinjiru.”jedhe.Abbaan isaas “dhuguma jette ilmakoo.Gruu oduun kun ammayyuu dhugaadha.Namooti akka Abdiifi Caalaa ammayyuu jiru” ittiin jedhe.

Hardhas namoonni baayi’een akka Caalaa hojiitti jaboo ta’aniifi akka Abdii hojiitti dadhaboo ta’an jiru.Namoonni akka Abdii haala rakkina isaanirra ga’utti gumgumaa deggeersa nama garabiraa eeggatan jiru.Dhuguma namooti akka Abdii utuu hincarraaqiin harka maratanii jireenya isaanii fooyyeffachuuf gargaarsa mootummaa ykn dhaabbata miti mootummaa eeggatan jiru. Utuu hin hojjetin, mootummaan ykn dhaabbati miti mootummaa ykn Waaqi dhufee jirreenya isaanii akka jijjiiru eegu.Garuu deggeersa nama garabiraa eeguurra utuu jabaatanii hojjetanii of geeddaruu danda’u.

Warri akka Caalaafaammoo dhuguma waan hundumaa ofii isaaniitiin jijjiirama fiduu akka hindandeenye beeku.Garuu waan ofiin hojjechuu danda’an dhibaa’ina tokko malee hojjetanii of jijjiiruuf utuu abdii hinkutatin carraaqii godhu.Kanumaan milkaa’ina argatu.

Hojiin hojjetan dadhabsiisaa haata’u malee garuu, bu’aa argachuuf yeroo dheeraa itti hinfudhatu.

Ilaali yaa ilmakoo!” jedhe abbaan Ifaa “boolla bishaanii mataa keenyaa qotachuu akkan danda’u baradheera.Dhuguma boolla bishaanii ammaayyaa akka dhaabbati gargaarsaa qotee qopheessu ta’uu yoo baatellee, boolla bishaanii qabaachuun keenya warra hinqabne akka caallu nu dandeessiseera.Ifaanis dubbii abbaasnsaa dubbate isaaf gallaan mataa raase.Gammachuudhaan ol-utaalaa quruphise(burraaqe).Akkas jedhe; “Abbaa! akaafaa kana natti kenni hojiin sigargaara”ittiin jedhe.

Mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa biyya Itoophiyaa keessa jiran boolla bishaanii haaraa qotanii,kan duraan qotamanis fooyyessanii, uummati akka itti tajaajilamu gochaa jiru.Haata’ullee malee uummati tajaajila bishaanii dhihootti akka argatuuf karoora baasuudhaan galmaan ga’uuf waggoota dheeraa fudhachuu danda’a.

Yeroo kana keessatti garuu qonnaan bultooti boolla bishaanii mataa isaanii haaraa qotachuufis ta’e,kan kana dura qotan akkaataa itti fooyyessuu danda’an karaa baayi’eetu jira.

Jildii barruu kanaa itti aanu keesatti qonnaan bultooti haala boolla bishaanii haaraa itti qotuu danda’aniifi kan kana dura qotame haala itti fooyyeffachuu danda’an agarsiifna.

Yoo akka Caalaa taatan hanga barruun 12ffaa ba’utti hineeginaa! Ammuma waajjira bishaanii aanaa keessanii quunnamaa.Dhaabbati miti mootummaa aanaa keessan keessatti bishaaniifi haayijinii (qulqullina naannoo) irratti hojjetan,dhaabbiilee CRS waliin ta’anii hojjetan kan akka Maqii Kaatoliik Sekiteriyaat,Harargee Kaatolik Sekiteriyaat,Hope 2020 fi kkf gorsaafi barumsa kennuudhaan isin gargaaruu danda’u.Isin ofii keessaniin waan baayi’ee hojjechuu dandeessu.

Advertisements