Namni tokko sooressa yoo ta’e malee hamma fedhe bareedaa ta’aa yoo oole nama hinhawwatu. Namni miskiina ta’emmoo nama hojii ta’uutu irraa eegama.Ergamaa ta’uurra sooressa ta’uutu caala.Isaan kunniin haala qabatamaa jireenya keenya yeroo ammaa ta’uu isaanii Eriskiin tasa hubachuu hindanda’u. Huyi miskiinichi garuu sadarkaa yaadaan hamma kana beekamtii kan qabu hinturre.Jireenyasaa keessatti hojii nama dallansiisu hojjetee hinbeeku.Garuu bifasaa miidhagaa yeroo ilaalan, Huyi dhugumaan bareedaadha.Hawaasa keessattis dhiiraafi dubartootaa wajjin hariiroo gaarii qaba.Kun beekamaa yoo isa godhellee qabeenya horate garuu hinqabu.Yeroo abbaansaa du’an dhaalaan kan isaaf kennan, Shaamlaa isaaniifi kitaabota waa’ee lola waraana Peninsuulaarii (lola waraanaa garee humna waraanaa Ispeen,Poorchuugaalii, Ingiliziifi garee humna waraanaa Faransaayi gidduutti godhaman ) barreeffaman 15 qofadha.kana malees jaartiin adaadaansaa Paawundii 200 waggaatti isaa ramadaniin jiraata.
Huyi ijibaati inni hingoone hinjiru.Shaqaxoota jimlaa ji’oota ji’aaf biteera.Boodammoo deebisee gurgureera.Daldaltoota muuxannoo guddaa qaban wajjin waldorgomuu hindandeenye. Yeroo muraasaafis daldalaa baala shaayee ta’ee ture.Haata’ullee malee hojii kanarraa bu’aa dhabee itti dhiise.Itti aansees gara daldala dhugaatii irratti bobba’ee xinnoo yaalee ture.Isaas itti hinfufne.Sana boodaa harkaafi miilla maratee taa’uu jalqabe.
Jireenya kanaan akka itti hinfufneefimmoo jaalalaan qabame.Intalattiin jaalalaan isa kuffiste Loowuraa Matan jedhamti.I ntala irreessa waraanaa soorama ba’an tokkooti. Abbaanshee biyyaa Hindii bara turan dhibee fayyaa isaanirra ga’een humna waraanaa keessaa soorama ba’an.Loowuraanis Huyiin baayi’ee jaallatti. Huyis baayi’ee ishee jaallata. Lamaanuu magaalaa Lenden keessa wal ammatanii haa deeman malee horii hinqabani.Abbaan Loowuraa Huyiin yoo jaallatanillee,horii dhabuunsaa garaa isaan quuqa.Kanaaf intala isaanii itti heerumsiisuu hinbarbaadani.
“Yaa ilmakoo! Ati amma hiyyeessadha.Intalakoo fuutee jiraachisuu hindandeessu. Yeroo paawundii kuma kudhan horattu,fuuta.”Ittiin jedhu ture.Huyimmoo tibba sana humna kanaa hinqabu.Garuu of jajjabeessuuf darbee darbee jaalalleesaa Loowuraa bira dhufa ture.Gaaf tokko Huyi jaalalleesaa Loowuraa argachuuf ganda isheen abbaashee wajjin jiraattu gara Hoolaadi Pooki deemuurra utuu jiruu gara mana firasaa Alen Tiraavoo jedhamutti gore.Tiraavoor artiitstii suuraafi tiyaatiriidha.Artiistonnimmoo uummata isaan daawwatu biratti jaallatamoodha.
Tiraavoo haala addaa qaba.Godaanisi finniisaa fuula isaarratti nimuldhata.Areedisaa gadi dheeraadha. Yeroo Huyi manasaa ga’u Tiraavoon buruushii haalluu suraa itti sararu qabatee olii gadi jechaa ture.Suuraawwan inni hojjetu uummata biratti baayi’ee jaallatamoodha.Tiraavoofi Huyi hiriyummaan kan walitti isaan hidhe, bifa bareedaa Huyi ture.Huyi bifa fuulasaa qofa osoo hin taane dhaabbata qaamaa bareedaa adda ta’e qaba.
Tiraavoor, Huyi wajjin firummaasaa erga cimsatee booda yeroo yerootti dhufee akka isa daawwatu fedhasaati.Waan kana ta’eef yeroo amma Huyi Tiraavoo bira dhufu, Tiraavoor suuraa namticha deegaa tokko sararaa ture xummuuruu jala ga’ee ture.Namticha deegaa Tiraavoon suuraa isa kaasaa ture sun fullisaa dheeraa ta’ee miirri gaddaa irraa muldhata.Kaapportaan inni uffate gatiittii isaarraa tatarsa’aadha.Kopheen inni kaawwate moofaa tatarsa’anii kan iddoo baayi’eetti erbamanidha/hohdamanidha/.Harkasaa tokkon ulee qabatee, harkasaa kaaniin immoo kadhaaf gonfoo(kooffiyyaa) qabatee diriirsee dhaabbateera.
Huyi Tiraavoo harka qabaa; “Suuraa baayi’ee nama dinqisiisu sararteetta”. Jedhe ”Maarree moodeela dinqisiisaadha.” Jechuudhaan Tiraavoor deebiseef. ”Anis yaadikoo akkuma kanadha.Kadhattooti akka isaan kanaammoo yeroo hundumaa hinarginu.Nama dinqa.Artiistiin beekamaa adduunyaa Raambiraant kana utuu argee maal jedha laataa!”
“Jaarsa miskiinaa!” Jedhe Huyi “ Akkam nama gaddisiisuu?Haata’ullee malee akka natti fakkaatutti isin artiistotaaf haalli akkasii faayidaa qaba.”
“Dhuguma ! kadhattuu ati suuraasaa sararte, gammadaa ta’ee akka muldhatuuf hinfeetu mitii?”
“Utuu dubbannuu suuraan nama moodela ta’e tokko yeroo kaafamu maaltu kafalamaaf ?”Jechuudhaan Huyi gaafate.
“Sa’atiitti saantima 50 “
“Atihoo suuraa sanatti meeqa itti argatta?.”
“O! …fakkeenyaaf isa kanatti Paawundii kuma lama itti argachuun danda’a.”
“Paawundi”
“Ginis jechuu isaati.Walaleessitootiifi hakiimoti kafaltii kan fudhatan Giiniidhaani. (Giiniin tokko shilingii Ingilizii 21 dha.)
“Akkas erga ta’e moodelichi dhibeentaa kanaa fudhachuu qaba.”
”Isaanis hojii kanarratti akkuma keessan qooda fudhatu.”
“Gowwaa !…Ati gowwaadha ? Moodeelicha dura dhaabbatanii haalluu dibuun baayi’ee nama dadhabsiisa.Mee amma haasaakee narraa dhaabi.Ani amma hojiidhaan muddameen jira.Amma calluma jedhiitii tambookee qabsiifadhuutii aarsi.Tolee?”
Turtii xinnoo booda hojjetaan Tirivoor dhuftee namtichi fireemii suuraa hojjetu dhufee balbalarra akka jiru itti himte.
“Huyi ! akka hindeemne.Na eegi…daqiiqaa caalaa hinturu… deebi’een dhufa.” Ittiin jedhee Tirivoo ba’ee deeme. Jaarsichi akkuma Tirevooraan ba’een haara galfachuuf barcuma dalgee isaan dudda duubaan jiru tokkorra taa’an.Jaarsa kana jireenyi baayi’ee miidheera jechuudhaan Huyi baayi’ee isaaniif gadde.Saantima yoon qabaadhe jedhee boorsaa uffatasaa sakatta’e.Paawundii tokkoofi sharafa saantimoota muraasa qofa argate. Yaadaan.”Yaa jaarsa miskiina!Ana caalaa deegaadha.Anis horii torban tokko nabulchu yoo hinqabu ta’ellee isaanimmoo ana caalaa rakkatoo tu’uu hinoolani.”Jedhee gara jaarsichaatti qajeelee, horii sana harka isaaniirra kaa’eef.
Jaarsichis dinqisiifannaadhaan akka ol ka’uu ta’an.Fuulli isaanii inni dukkanaa’aa ture gara ifaatti geeddarame. ” Yaa gooftaakoo baayi’een sigalateeffadha.”ittiin jedhan.
Tirevooraa iddoo deemee deebi’ee dhufe.Huyi nagaatti jedhee yeroo biraa deemu gocha raawwatettis baayi’ee gammade.Guyyaa guutuu Loowuraa wajjin dabarse.Dhiha jala gara sa’atii irratti gara Kibabii Pooleet yeroo dhufu Tirevoor qofaasaa moggaa tokko taa’ee arge.”Suuricha sirriitti sarartee raawwattee?”Ittiin jedhe tamboosaa qabsiifataa.
“Eeyee raawwadheera.Fireemiidhaan godheen xummuure yaa ilmakoo!”jechuudhaan deebiseef. Jaarsi uffata ciccitaa uffatanii suuraa isaan kaase sunis sijaallataniiru.Anis waa’eekee haman beeku isaanitti himeera.Ati eenyu akka taate,Eessa akka jiraattu,horii hamamii akka qabdu,kennaankee maal akka ta’an kkf.hunda isaanittin hime.
“Yaa Alan Traavoor ! Ati nama jaallatamaadha.Asii gara manakootti yeroon deebi’u tarii jaarsicha balbala manakoo irratti isaan arga ta’a.Garuu ati qoosuutti jirta ta’a.”
“Anillee utuu naadanda’amee kan kana caalu utuun isaanii godhe baayi’een gammada ture.Egaa nama akka isaanii jireenyaan miidhame yeroon argu baayi’een gadda.Uffata moofaa baayi’een qaba.Yoon fideef naharkaa fudhatuu laataa? Kan isaan uffatan baayi’ee bututtuudha.
“Garuu yoo uffatan bareedanii muldhatu turan.” Jedhe Tirevooraan .”Uffata gaarii utuu ta’ee ani suuraa issanii hinhojjedhu.Sanas ta’e kana waa’ee arjummaakee isaanin haasofsiisa.”
“Yaa Alan koo ! Isin warri artiistoti suuraa kaastan gara jabeessota’adha”jedhe Huyi.
“Garaan artiistti tokkoo sammuu isaati.Kana malee hojiin keenya adduunyaa kana bifashee sirrii ta’een ilaaluudha malee adduunyaa hinjirre muldhisuu miti.”Jechuudhaan Tireevoor deebiseef. ”Isa dhiisiitii mee waa’ee bareedina Loowuraa natti odeessi.Jaarsi ani suuraa isaan kaase kunis waa’eeshee dhaga’uu barbaadu.’
“Dhuguma jette.Sirriittin sitti hima.Waa’ee gara jabummaa abbaasheefi bareedina Loowuraa akkasumas waa’ee abbaan ishee intala isaanii fuudhuuf paawundii kuma kudhan gabbara naa kenni siin jechuu isaanii ittihimeera.”
“Jaarsa kadhattuu sanaaf waa’ee seenaa dhuunfaakoo hundumaa itti himtee?”jedhe Huyi akka aaruu ta’uudhaan.Fuullisaa barbadaa abiddaa fakkaate.Tirevooraatti ija babbaase.
“Yaa Huyi !”jedhe Tirevoor kokkolfaa. Jaarsi uffata bututtuu(moofaa) uffatanii kadhattuu sitti fakkaatan sun Awurooppaa keessatti qabeenya isaaniitiin dorgomaa kan hinqabne sooressa miliyeeneriidha.Yoo barbaadan bor magaalaa London bituu kan isaan dandeessisu qabeenya guddaa qabu.Sooressa baacaadha.Magaalaa gurguddaa Awurooppaa keessaa manneetii jireenyaa baayi’ee qabu.Nyaati kan isaaniif dhufu sahaanii warqeedhaani. Garabiraan haahafu Ruusiyaanillee gara lola waraanaa akka hingalle dhorkuudhaaf nama humna qabanidha.”
“Raajiidha ! Maal naan jechaa jirta Tirevoor ? Kun waan baayi’ee nama dinqisiisudha.”Jedhe Huyi naasuufi qinqisiifannaadhaan.
“Ani kanan jedhu jaarsi ati hardha argite kun sooressa baacaa Haawus Berg dha.Suuraa ani kaasu kan narraa bitan maammilakooti.Ji’a tokko dura ture nabira dhufanii ‘mee kadhattuu fakkeessiitii suuraa nakaasi jedhanii kan nagaafatan.Argitee warri dureessoti kunniin akka kanaan qoosu.Namtichi sooressi sun, uffata bututtuu moofaa ciccittuu uffatan sanatti gammadoo turan.
“Miliyeenerichi Hawus Berg dhaa?” jedhee iyye Huyi oduun Tirevoor itti himu amanuu dadhabee.Tasa dhugaa itti fakkaachuu dide.Yeroo ani Paawudii tokko sana isaanii kennu gochakootti akka na’uu ta’ani.Baayi’ees dinqisiifamanii na ilaalan.”
“Paawundii tokko isaanii laattee!?”jechuudhaan Tirevoor ammas kolfaan gaggabe.”Sooressa miliyeenerii kana lammata akkas salphaadhaan isaan hinargitu.”
“Maali ati dursitee natti hinhimtu turtee? “Jedhe Huyi aariidhaan.”Silaa akkas hingowwomun ture.Garuu humaa naan hinjenne.Calluma jedhanii naharkaa fudhatanii dinqisiifannaadhaan xiyyeeffatanii na ilaalan.Nan eebbisne.Nangalateeffanes.Garuu calluma jedhanii dinqisiifannaadhaan na ilaalan. ”
“Ati jerjertee horii arjoomta hinseene.Ofiikeefuu hinqabdu niarjoomta jedhees hinyaadne.Ati shamarree bareedduu Loowuraa fuudhuu kan dadhabde paawundii kuma kudhan abbaan ishee sigaafataniyyuu nama kaffaluu dadhabde miskiinni sooressa abbaa qabeenya miliyoonii baayi’eef ni arjoomta jedhee hinyaadu.Garuu arjummaankee kun waaqa biratti siilakkaa’ama.Ati nama garaan qulqulluudha.Nama rakkate gargaaruun hafuurri waaqayyoo yoo nama keessa jiraate malee hindanda’amu.”Jedhe Tirevoor.
“Yoona kun nama ofjejjuu akkamiiti ? jedhanii nan taajjabin hinhafne”Jedhe Huyi
“Gonkumaa.Ati yeroo deemte baayi’ee gammadan.Fuullisaaniis akka aduu ife. Waa’eekee beekkuuf baayi’ee barbaadan. Sababiinsaanii kun immoo naaf hingalle.Garuu amma waan hundumaa kan hubadhe natti fakkaata.Horii ati isaaniif kennitetti itti fayyadamu.Ji’a ji’aanis kan itti fayyadamaniif sii kaffalu.Irbaata boodas arjoomakee yaaduudhaan yeroo boqonnaa gaarii dabarsu.” Huyis “Aboo! ana namnni gatii hinqabne.Amma gara mana ciisichakoo deemuun qaba.Maaloo oduu kana nama tokkottilee akka hinhime.Namoonni oduu kana yoo dhaga’e natti kolfu.’Of jejjuu naan jedha.Yeroo na argan elaa hiyyeessa ofjejjuu sooressa baacaaf kennaa kenne jechuudhaan natti kolfu.’Ani ijasaanii ol jedhee ilaaluu hindanda’u.”
Gowwaa hinta’in !.Arjummaan ati goote akka fakkeenya guddaatti kan ilaalamudha.Kennaan atti arjoomte kennaa hiyyeessota gargaaruuf namni sammuu garrii qabu godhudha.Gara laafessa ta’uukee kan agarsiisudha.Gochikee namoota dondha (sassattuu,waakkattuu) utuu horii qabanii nama rakkate gargaaruu hinfeeneef barumsa gaarii kenna.Mee amma waa’ee kanaa dhiphachuu dhiisiitii waa’ee jaalalleekee Loowuraa nahaasofsiisi. “Huyi miiraa gaddaafi abdii kutannaadhaan “Yaa hiriyaakoo! Jaalalleekoo Loowuraa wajjin bultii dhaabbannee wajjin jiraachuuf murteessinee turre.Garuu abbaan ishee ‘paawundii kuma kudhan mana kaa’aa(gabbara) fiddu malee intalakoo sitti hinheerumsiisu naan jedhani. Ani hiyyeessa nama jireenyi itti dukkanaa’edha.”jechuudhaan gaddaan gara manasaatti qajeele.
Huyi utuu haala kanaan jiruu gaaf tokko ganama utuu faxara nyaatuu miliyeenericha Haawus Barg irraa namni ergame tokko garasaa dhufe.Namtichi jaarsa manatsarii ijaa godhatan rifeensi mataa isaanii harrii ta’e tokko dhufanii; “Mesiyyee Erekseniin haasoofsiisuuf naa hayyamaa”jedhan. Huyis iddoo taa’uu olka’ee “Anadha maaloo nooraa! “jechuudhaan akka taa’aniif kursii itti agarsiisuudhaan isaan affeere.Jaarsichi sunis dubbii isaanii itti fufuun.
“Ani ergamee kan dhufe miliyeenericha Awurooppaa kabajamoo Hawus Berg irrati.” Jedhan.Battala kana Huyi “maaloo dhiifama guddaa naa gaafadhaa.Yeroo as hiriyaakoo bira dhufanii turan, ani utuu isaan hinbeekin kadhattuu isaa se’ee, baayi’ee gaddeen, Paawundii tokkittii of harkaa qabu isaa kenne.”jedhe. Jaarsichi ergamanii dhufan sunis;”Miliyeenerichi Hawus Berg poostaa kana isinitti akkan kennu na ergan.”Jechuudhaan Poostaa tokko itti kennan.Poostaa sanarratti
“Ereksen Huyifi shamarree Lowuraaf,
“Jaarsa kadhattuu mana Tirevoor keessummummaa dhufee ture irraa kennaa cidha gaa’ela keessaniif ergame.”Jedhu irratti barreeffame itti hiixatan.
Huyi Yeroo poostaa sana banee ilaalu cheekkii horii cidha gaa’elasaanii ittiin raawwatanii jireenyasaanii egeree ittiin fooyyessuu danda’an arge.Amanuu hindandeenye. Cheekkicha ammas ammas deddeebisee ilaale. Sirriidha.Paawundii kuma dhibba baayi’eetti lakkaa’amudha.Huyi carraasaatti baayi’ee gammade.Paawundii tokko arjoomee Paawundii kuma dhibba baayi’ee argate.Huyi borsaa kootiisaa keessa paawundii tokkittii qabu utuu hinwaakkatin miliyeenera hiyyeessaa itti fakkaataniif arjoomuunsaa badhaasa naaf argamsiisa jedhee utuu hinta’in gaarii hojjechuun biyya lafaarrattis ta’e waaqa birattis gaariidha ilaalcha jedhu waan qabuufidha. Yeroo baayi’ees kanuma nama gorsa ture.Namni waan facaase haama.