Seenaa dhaalota ilma namaa keessatti, dhibeen sombaa, dhibeewwan biroo caalaa yeroo gababaa keessatti namoota kan ajjeessaa ture yoo ta’u,kunis; weerara du’a gurrachaa ( The epidemics of the Black Death) jeedhamuun beekama ture. Dhibeen sombaa waggaa 4000 dhaalota kiristoos dura biyoota akka Missiraa, Girriik, Roomifi Hinddii keessa jira ture. Jaarraa 17faa keessa biyaa Loondoonitti namoota shan keessaa nama tokko ajjeessaa ture. Jaarraa 20ffaa keessa uummatni biyya Amaarikaa dhibeentaan 80n sadarkaa umurii 20 gadii dhibee kanaan qabamaa kan turaan yoo ta’uu; dhibeen sombaa kun dhukkuba balaahamaa lubuu namaa gaalafataa turedha..

Ka’umsi dhibee sombaa, namaa jaarmii baakteeriyaa “maayikoo baaktri’aam Tuuborkulosis koompleeks” ( “ Mycobacterium tuberculosis, Mycobactrium Bovis or Mycobacterium africanum“)qaburraa gara nama fayyaatti dabra. Dhibeen kun qaama hunduumaa kan midhu yoo ta’eelee bal’inaan/heeduminaan/ kan mul’atu garuu, dhibee sombaa ujumoo qilleensa itti baafatan irratti. Dhibee sombaa ujummoo qilleensa hintaneef ( Non-respiratory forms of TB) baayinaan kan saaxilamaan dargaaggota bakka ummatni baayi’inaan keessa jiraataniifi qaamni dhibee of-irraa ittisuu isaanii gad –bu’aa ta’e irratti.

A.l.A Bara 1882, mikroo byoologistii Roobert Kooch namni jeedhamu jaarmii dhukkuba sombaa ( tubercle bacillus) kan argatee yoo ta’uu, tibbi isaas tibba dhukkubni sombaa biyya Awuroopaa keessatti nama torbaa keessaa nama tokko itti ajjeessaa turedha. Roobert Kooch (Heinrich Hermann Robert Koch) kan dhalatee a.l.A.muddee11, 1843 Clausthal, Germany yoo ta’uu; kan du’ees a.l.A.caamsaa 27,1910 tti. Haakmiin kun walumaa galatti qorannoon kan argatees jaarmii dhukkuba beeyladaan dhufuu ( Bacillus anthracis), dhukkuba sombaa( Tuberculosis Bacillus)fi dhukkuba kooleeraa ( Cholera Vibrio).si’a ta’u hojii isaa kanaafis a.l.A bara 1905 badhaassa Noobllii fiisiyooloojiifi wal’aansaa argateera.

Dhibeen Daaranyoo sombaa kun, rakkoo guddaa fayyaa Itiyoopiyaafi guutummaa biyyoota addunyaadha. Itiyoopiyaan dhibeen sombaa biyyoota baay’inaan keessatti argamaan biyyoota adduunyaa 22 keessaa ishee tokkodha.Akkasumas biyyoota 27 rakkoon dhibee sombaa qoricha waliin wal baree [ MDR] keessatti argamaan keessaas ishee tokkodha.A.l.A bara 2012 qofa, tilmaamaman uummati milliyoona 8.6 dhibee sombaan kan qabamaan yoo ta’uu; milliyooniin 1.3 immoo lubuun isaanii kan darbeedha.Kunniin du’an keessaas 320,000 namoota dhibee eedsiin qabamaniidha.

Daaranyoon sombaa dhibee daddarbaa, yeroo qufa’an qileensaa keessa nama dhukkuba kan qaburraa nama fayyaatti dabruudhaan faffacca’uufi babal’atuudha. Namni dhukkuba kanaan qabame, yoo waldhaansa fayyaa hin arganne, giddu-galeessaan waggatti namoota 10 hanga 15 faalluu ykn itti dabarsuu ni danda’aa.Dhukkubi kun too’annoo jala ooleera erga jeedhameellee tilmaamaan waggatti lubbuu namoota milliyoona 1.5 kan gaalafataa jiruu yoo ta’uu, lakkofsi kun suuta suutaan waggaa waggaan dabalaa deemaa jira. ( Madda: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa). Dhukkubni daaranyoo sombaa, qaama hawaasaa kamiyyuu ni midhaa. Haata’u malee, dhibeen kun yoo sirriitti waldhaansa fayyaa argatan kan fayyuu danda’uudha.

  • Sadarkaalee Daaranyoo Sombaa

Daaranyoon Sombaa sadarkaa lama qaba.

1. Jalqabamee kan hinguddatiin( Latent Stage)

2.Sadarkaa dhukkubaa ykn dhibee ( Active stage)

1. Jalqabamee kan hinguddatin- sadarkaan kun haalli ittin ibsamu :

  • .Jaarmiin dhukkuba sombaa qaama keessa jiraachuusaa;

  • .Mallattoo dhukkubaa hinqabuu;

  • .Sadarkaa kanatti gara nama birotti hin daddarbuu;

  • .Sadarkaan daaranyoo sombaa kun gara dhibeetti akka hinceene yeroo tokko tokko qoricha ni fayyaadamuu.

Maallatoolee Dhibee daaranyoo sombaa

Yeroo dhibee, sadarkaa maallattowwan dhibee sombaa itti mul’aatan:

Qaakkee,(qufa’uu), Hirdhina qaammaa, Hirdhina feedhii nyaataa, Naaf-gubaa( layidaa), Warransa laphee.

Dhibbeen sombaa nama irraa namatti kan dabruufi karaan( tooftan) ittin tamsa’uus yeroo qufa’aan, haxxifatan, kolfan, weellisaniifi odeessanidha.

  • Qorannoo dhibee Sombaaa

Raajjii laphee,(X-ray), gorora maayikroskooppiin qorachuu ykn baakteeriyaa kana laaboraatorii keessatti guddisuudhan[ sputum culture], qorannoon dhugaa ( definitive Diagnosis) baakteeriyaa kanaa gorora, malaafi fakkii xiqqoo gurmuu lubbiyyoo qaamaa [ tissue biopsy] addaan baasuun nidanda’ama.

Haalawwan Dhiibbee daaranyoo sombaaf nama saaxilan – M. Tuberculosis

  • Waantota balaa kanaaf nama saaxilan

  • Namoota dhibee Eedsiin qabamaniifi kanneen vaayireesii Eedsiin faalamaan garuu mallattoon dhibee Eedsii irratti hinmul’attiin

  • Araaraa dhugaatii Alkooliifi kanneen qoricha saammuu nama adoochu, hidda dhiigaan fudhatan.

  • Tamboo xuxxuu ,dhukkuba shukkaraa, hanqina nyaataa

  • Haala diinagdeefi jireenyaa haawasummaa- guutumaan guututti dhibbee kana lafa irraa dhaabamsisuuf dhugaan nama dandeessisu hinjiru

  • jireenya gadaadoo( hiyyummaa) warra jiraataniifi uummata baay’inaan bakka tokkotti walitti qabamanii jiraataan (Over crowding fak. Mana hidhaafi mana kan hinqabine ) .

Waa’ee dhibee daaranyoo sombaa hamam beektuu?

  1. Daaaranyoo sombaa jeechuun maali? Dhibeen daaranyoo sombaa, irraa caalaa somba miidhun beekma. Rifeensaafi qeensarraa kan hafee qaama keenyaa hunduummaa miidhuu danda’a.Ka’umsi dhibichaas baakteeriyaa Maayikiroo baakteeram Tuuber kiloosis jeedhama.

  2. Tooftaa dhibeen kun ittiin dabruu

Namni dhibee kanaan qaabame yeroo qufa’uu,haxxifatuufi dubatu,nama fayyaatti darbarsuu danda’a. Baakiteeryan Kun sa’atii heedduuf qileensarra turuu kan danada’u waan ta’eef namooti dhukkuba kana qaban, yeroo hafuura baafatan ,baakteeriyan isaan keessa jiru gara namoota fayyaatti dabruu danda’a.

  1. Maallattowwan dhibee daaranyoo sombaa maal fa’ii?

Qufaa torbaan2- 3fi sana ol yeroo namarra turu, Goroorri ykn yeroo qufa’anii akkifatan dabre dabree dhiigan kan walmaake yoo ta’e, waraansa laphee yoo qaban, naafi namaa ni guba yoo ta’eefi halkaan, yoo baayi’ee daafiqu ta’e

Hir’ina feedhii nyaataa, hir’ina ulfinaafi raakkoo hafuura baafachuu yoo qabbatan

  1. Wal’aansi isaa maalii?

  • Namni tokko dhibee daaranyoo sombaan qabamuunsaa haakiman( qoorannoon ) erga mirkanaa’e; dawaa ajjajame seeraan fudhaachuu qaba. Qoricha kana fixuuf ji’a 6 hanga ji’a 8 fudhata. Giddutil miirri foyya’insaa yoo jiraatelleee qoricha hakiimiin ajeje sana guutumaan guututti fiixuun dirqaama. Qoricha kana addaan kuutuun dhibeen akka hammatuufi deebi’ee akka mul’atuu godha.

  1. Dhibee kanarraa fayyuun ni danada’amaa?

Eeyeen! Dhibee daaranyoo sombaarraa sirriitti fayyuun nidanda’ama. Kuniis kan ta’uu danda’u dhukkubsataan dursee maallattoo dhibee kanaa beekudhaan gara buufata fayyaa ykn hoospitaala dhiyootti argaamu deemuudhaan wal’aansa argaachuu yoo danda’eedha. Qoricha ajajameefiis fiixuudhaan dhibee kanarraa fayyuun ni danda’ama. Qoricha addaan kutuuniifi sa’atii eganii fudhaachuu dhiisuun, daaranyoon sombaa qoricha waliin akka wal baru godha.Kana malees dhibee daaranyoo sombaa kun akka saalphaan hin fayyine godha.Kanaafuu; dhibee kanarraa fayyuuf, qoricha hakiimiin ajeje, siirriifi sirnaan, sa’atii fudhatamutti fudhachuu barbachiisa.

  1. Tooftaleen dhibee kana ofirraa ittisan maali?

Yaa’insi qilleensaa mana jireenyaa gaa’aafi ifaa kan galchu ta’uu akka qabuufi fooddaa konkoolataafi manaa banuu barbaachisa.Haala kanas aadaa godhachuu barbaachisa.Namni dhibee kanaan shaakamuufi dhibee kanaan qabamee yeroo qufaa’u caarqqii qulqulluu ykn maaarabaan afaan isaa/ishee qabachuu, Yerooi konkoolataa geejibaan deeman fooddaa bannuun dhibee kana ittisuuf karaa siiriidha.

  1. Qoricha addaan kutuun rakkoo maalii fidaa?

Dhukkubsattoonni baayi’ee ji’oota lamaaf erga fudhtan booda kan fayyaan waan itti fakkaatuuf qoricha kana addaan kutu.Haalli kun baakteeriyaan qaama isaanii keessaa jiru akka lammata wal-hooru godha. Kanaafuu, dhibeen kun turee bifa haaraatiin akka itti hammatu godha.Qorichawwan kanaan duraa fudhachaa turan dhibee kanarraa fayyisuuf humna dhabuu. Sababiinsaas baakteeriyaan kun qoricha waliin wal barreera. Kanaafuu; qoricha daaranyoo sombaa addaan kuutuun baalaa hammaa fida.Kana malees qorichi dhibee sombaa salphaan akka hin fayyisne godha.

Dhibee Daranyoo sombaa Qoricha Waliin wal-bare

Kaa’umsi dhibee sombaa, qoricha walin wal-bare “Multi drug Resistant Tuberculosis” (MDR) jedhama.Baakteeriyaan dhibee daaranyoo sombaa fiduu- Mycobactrium Tuberculosis: yeroo qoricha wal’aansaaf kennamu daandamachuu danda’uudha. Qorichawwaan Asiinoyziid (TB-Isoniazed) fi Riifampsiin (rifampcin) olaantummaan dhibee daaranyoo sombaa waldhaanuun ittisuuf kan keennamanidha. Haata’u malee, Qorichawwaan asiin olitti ibsaman, dhibee daaranyoo sombaa yeroo ittisuu ykn yeroo fayyisuu dadhaaban, dhibee qoricha waliin wal baruudhaan uumame jeedhama.Sababiin isaas annisan fayyisuu qorichawwanii waan laafeefidha.(mancca’eefidha.) Dhibamtoonni daaranyoo sombaa waldhaansa fayyaa isaanii sirriitti hordofuu qabu. Qoricha isaaniif ajjajamee sa’atii eganiifi seeran fudhaachuu qabu. Yeroo baayi’ee dhibamtoonni daaranyoo sombaa, qoricha isaniif ajjajame osoo fudhachaa jiranii utuu hinfixin itti foyya’uu ni danda’a.Yeroo kana natti foyya’eera jeechuudhaan qoricha isaaniif ajjajame addaan kutu.Addaan kutuunisaanii immoo dhibee daranyoo sombaa qoricha waliin wal bareef isaan saaxila.

Kanaan dura dhibee isaaniif qorichi fudhachaa turan, dhukkubicha waliin waan walbaruuf humna fayyisuu dhabamsiisa. Qorichis tasumaa dhibicha hinfayyisuu.

Ka’umsi dhibichaa gara biroon immoo, nama dhibee kanaan dhukkubsate waliin turuun/ wajjin jiraachuudhaan,darbuu danda’a. Ammaan dura qoricha daaranyoo sombaa fudhatanii namoota dhibee kanaan deebi’anii qabamaan yoo ta’e, dhibeen kun isaanirratti mul’ata.

Dawwaa

Walumaa galatti dhibamaan tokko qoricha ji’oota 24iif fudhaachuu qaba. Dhibee kanarraa fayyuuf yeroo dheeraa itti fudhataa. Dhibamtoonni waldhaansa hinjalqabin, dhibee kana dabarsuu ni danda’u. Namni dhibee kanaan qabame hanga lubbuun turutti tilmaamaan namoota 20tti dhibee daaranyoo sombaa qoricha waliin wal-baree dabarsuu danada’a.Daaranyoon sombaa qoricha waliin wal baree yoo HIV/Eedsiin itti dabalame, aniisaa dhibee ofrraa ittisan baayi’ee dadhabsiisa. Namoota Hiv/Eedsiin qama isaanii keessatti argamu, umuriin isaanii akka gabaabbatu godha. Haata’u malee, HIV/Eedsiin mataa isaan dhibee daaranyoo sombaa qoricha dandaamatuuf nama hin saaxiluu. Waldhaansi dhibee kanaa hospitaalota dhukkuba kana waldhaanuuf qophaa’aan keessatti tolaan (kaffaltii malee)ni keennama.

Dursanii dhibee kana ofirraa ittisuu

Dhukkubsattoonni erga qoricha jalqabanii booda goonkuma addaan kutuu hinqabaan.Qoricha isaanii akkaataa haakimiin ajejeefitti fudhaachuu qabu. Qoricha sa’aatiifi sirnaan yoo fudhatan nifayyama. Kanaafuu; qoricha seeraan fudhaachun dhukkuba kana akka ofirraa ittisutti lakkawwama.Waa’ee dhibee daaranyoo sombaafi dhibee qoricha waliin wal-baree haawasa barsiisuun barbaachisaadha. Hedduun isaanii hubannoo ga’aa hinqaban. Dhibee kana ilaalchisee barumsi hubannoo kennuun tooftaa tokkodha. Dhukkubsattoonni dhibee sombaa qoricha waliin wal-bareen qabaman namoota fayyaatti akka hindabarsineef yeroo murta’eef uummatatti makamuu hinqabaan.

Yaadachisaa!

Akkaataa bu’uura ragaa dhaabbata fayyaa addunyaatti biyyoota 27 dhibben kun bayi’inaan muldhatu keessaa Itiyoopyaan sadarkaa 5ffaarratti kan argaamtu yoo taatu; Waggaa waggaan namoota baayyinni isaanii 2,000 ol ta’an dhibee sombaa qoricha waliin wal-bareen qabaamu.

Haayiluu Dhugumaatiin ( MPH ) 0924111572

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s