Fakkeenyaaf: Nyaata beeyiledaa akkaataa itti eegan (qopheessan)

Milkaa’ina akka hinarganne kan nama danqu keessaa sababiin guddaan tilmaama daguungoradha.Tilmaamni utuu hinmirkaneeffatin nuti ta’uu mala, dhugaadha jennee yaadnu,garuu kan nuti hojiidhaan yaallee hindhugeeffatinidha.

Wanti tokko ni ta’a,dhugaadha jennee amannee irra deebinee waa’eesaa hingaafannu.Akka dhugaatti yoo ta’e garuu wanti nuti dhugaadha jennee amanne baayi’een isaanii dhugaa miti.Kanaafuu yeroo baayi’ee carraa jireenya keenya ittiin fooyyessannu hedduutu nudabra.

Fakkeenya tokko haafudhannu:Namoonni baayi’een agadaan midhaanii ykn nyaati beeyiledootaa,akkuma makarri sassaabameen hoowu’aasaatti faayidaa guddaa qaba jedhanii amanu. Yeroo dheeraa utuu horiif hinkennin kaa’anii yoo tursan garuu albuudan of keessaa qaban keessaa bada.Hantuutis nyaatanii balleessu. Tortoraniis baduu danda’u,jedhanii yaadu.

Kun egaa rakkoo tilmaama daguungorati.Kun waan yeroo hunda hojjennu otuu ta’ee dhugaadha. Garuu kan dhugaa ta’an hamma ati haala addaatiin waan sana hojjettuttidha.

Nyaati beeyiladootaa yeroo dheeraa iddoo keessa kaa’amuu qabu keessa yoo hin kaa’amane, manca’uu danda’a.Garuu malli yeroo dheeraaf utuu hinmanca’in itti kaa’an jira.Yoo mala kanaan fayyadamtan beeyiledoota keessaniif nyaata yeroo dheeraa utuu hin manca’in kaa’uufii dandeessu.

Tilmaamni kaanimmoo qarshii baayi’eefi meeshaa guddaa yoo qabaatan, ykn immoo ogeessa yoo ta’an qofa waan baayi’ee fooyyeffachuu akka danda’anitti yaaduudha.

Dhugaa dubbachuuf garuu, milkaa’uun kanjalqabu jijjiirama xixiqqaa irrattidha.Jijjiiramni xixiqqaa kunniin immoo kan dhufuu danda’an tilmaama daguungoraa tilmaamuu yoo dhiisanidha.

Dhuguma maallaqni,meeshaafi ogummaan caalaatti milkaa’ina fiduu danda’u.Garuu jalqaba milkaa’inaaf hamma kana murteessoo miti.

Mee keessa deebinee nyaata beeyiledootaa akka fakkeenyaatti haafudhannu.Qonnaan bultooti baayi’een nyaata beeyiledootaa qopheessuuf tiraakteroota gurguddaa, meeshota gurguddaa akka isaan barbaachisu tilmaamu. Garuu dhugaa dubbachuuf nyaata beeyiledootaa karaa salphaa ta’een qopheessuun nidanda’ama.Jalqabarratti boolla qotanii keessa isaa laastikii afu.Kana booda margaafi biqiloota magariisa jiidhaa haamanii utuu hingogin keessa kaa’anii laastikii itti uwwisanii qadaadu.

Bona yeroo kaloon dheedaa dhumu, kan boolla keessatti haala kanaan kaa’ame qusannaan baasanii beeyiledootaaf kennuun hojii meeshaa guddaa nama barbaachisu miti.Garuu rakkoon guddaa tilmaama daguungoradha.

Namooti baayi’een hindanda’amu jedhanii waan yaadaniifi rakkina irra ga’uufis furmaata barbaachuu hin yaalani.

Gufuu milkaai’na keenya danqu of duraa kaasuu yoo barbaadne, halaalatti yaadaan sodaannee tilmaama daguungoraa tilmaamuu dhiisuu nu- barbaachisa.

Dhaabbata Meersii koorps tiin balcha kan ta’e!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s