Horsiisee Bulaaf horiin isaanii qabeennaa isaaniiti. Jiruu fi jireenni Horsiisee Bulaa horii isaanii irratti waan hundaa’uuf, horiin isaanii kun bu’ura jiruu fi jireenna isaaniiti, jechuun ni danda’ama. Karaa biraatiin horiin isaanii kan isaan jiruu fi jireenyaaf irratti hirkatan kun immoo jireenni isaanii nyaata isaanii (marraa fi bishaan) irratti kan hundaa’u yoo ta’u, nyaanniihorittiis uumamaa fi jijjiirama haala qilleensaatiin waan murtaa’uuf, Horsiisee Bulaa haalli bonaa ykn hongee hedduu isaan yaachisa jechuudha. kana yoo jennu dhugaa jirtu tuquun dirqama ta’a, dhugichis aannan horii qabiyyee dhangaa hedduu kan of keessatti qabateefi, keessumattuu kan pirootiinii qulqulluudhaan badhaadhe ta’uun isaa eessattuu beekamaadha. Kanaatiifi horiin teenna immoo nyaata ga’aa hin argatan yoo ta’e ni hubamu, aannan ga’aatti argachuunis hin danda’amu, tunis horiiwwan teenna callaa osoo hin taanee, daa’imman teennattis miidhaa guddaa fida jechuudha.
Kanaafuu, yeroo hongeen dhufee marrii baduu horiin nyaata ga’aa akka hin dhabne yeroo gannaa kan marrii ga’aan jiru walitti qabuun tuuluu ykn mansuudhaan horii laafaa (dadhabe), horii aannaniitii fi jabbii qa’eetti hafte nyaachisuun ykn hoka’uun lubbuu isaanii hambisuu fi aannan ga’aa ta’e argachuudhaan daa’imman hanqina nyaataa irraa baraarsuu ni danda’ama.
Akka qorannoo ogeessotaatti horiif nyaata ga’aa guyyaa guyyaan kennuun, yeroo bonaa ykn hongeen bu’ee nyaatni ga’aan yoo qophaa’eef, akkasumas talaalliin barbaachisaan yeroo barbaachisutti yoo kennameefii fayyaan isaaniis sirriitti eeggame:
A. Maatiin horsiisee bulaa aannan ga’aa ta’e argachuu ni danda’a.
B. Daa’imman aannan ga’aa ta’e argatanii itti fayyadamuu ni danda’u.
C. Akkuma walii galaatti yeroo bonni ykn hongeen dhufu haalaa fi sadarkaan soorata/aannan daa’imman argatanii gahaa ta’uu ni danda’a. Kanaafuu, yoo akka ijoolleen/daa’imman keessan fayya-qabeeyyii ta’an feetan, horii keessaniif dursaatii nyaata (marraa) ga’aa ta’e qopheessaa.
Mee Kanarratti Xiyyeeffadhaa!!
1. Akka ijoolleen/daa’imman keessan waqtii bonaa ykn hongee hir’ina/hanqina nyaataatiin hin miidhamneef yeroo gannaa horii keessaniif nyaata(marraa) walitti qabaafii!
2. Daran/caalaatti waa’ee nyaata horii walitti qabuu yoo beekuu feetan ogeessota horii mariisisaa/mari’achiisaa!
3. Yeroo gannaa marraa tuuluun turfadhaa, akka yeroo bonaa ykn hongee horii keessan kan aannanii nyaachifattaniif!
Yaadachiisa: Daa’imni ji’aa 6 (ja’aa) gadii yoo rakkoo isaanii kallattiin ogeessa fayyaatiin ilaalamee gorfamerraa (ajajamerraa) kan hafe aannan muchaa/harma haadhaatiin ala nyaatni biraa (dhibiin) hin barbaachisuuf!!
Tarkaanfiis har’uma fudhadhaa ilmaan keessan hanqina nyaataa irraa hambisuuf!!
Ergaan kun kan dhiyyaate dhaabbata Mersii Koorpis, Komishinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa fi Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa irraati.