1.Piraamiidii guddicha biyya Misiraa (Gibtsii)

Piiraamiidiin kun dhaabbata barumsa,aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii adduunyaatti (UNESCO)tti kan galmaa’e hambaawwan dinqisiisoo adduunyaa torban keessaa isa guddichadha. Akka barreessitooti seenaa biyya Misiraa ibsanitti, Piraamiidii kana ijaaranii fixuuf waggaa 10-20 isaanitti fudhate.

Piiraamidiin kun kan ijaarame dhaloota Kiristoos dura,waggaa 2560 (2560 B.C) si’a ta’u,ol dheerinni isaa meetirii 146.5dha.Hunda caalaa kan nama dinqisiisummoo, haalli Piiramidichaa hingeeddaramne.Akkuma duriitti jira. Akka seenaa odeessamutti,Piiraamiidiin guddichi kun awwaala Fari’oonii (mooticha) Misiraa afraffaa Kufu jedhamuudha jedhama.

Garabiraan kan nama dinqisiisu immoo,ji’arraa ta’anii yeroo gadi ilaalan, Piiraamidiin kun akka hurjii kan ifu ta’uusaati. Ulfinni walii galaa Piiraamiidii kanaa,kiiloo giraamii miliyoona 50dha. Akka odeessamutti Piiraamiidii kana ijaaranii hamma xummuuranitti, guyyaa guyyaan dhagaan toonii 800 itti guuramaa ture.Waa’ee ogeeyyota ijaarsa Piiraamiidii kanaa, tilmaamoti garaa garaa dhiyaachaa turan.Falaasamooti Giriikii,Piiraamiidiin kun kan ijaarame humna garbootaanidha yeroo jedhan,kaan immoo humna garbootaa qofaan osoo hin taane namooti 100,000 irratti hirmaataniiru jedhu.Egaa Piraamidiin kun waggoota 3,800 dabraniif adduunyaa irratti guddicha jedhamee galmaa’eera

2.Amfii tiyaatirii Roomaa (Closseeum of Rome)

Amfii tiyaatiriin Roomaa kun kan ijaarame,dhaloota kiristoos booda waggaa 70-80 dha.Galmi tiyaatiraa kun kan ijaarame,boca geengoodhaan si’a ta’u,kan ijaarames konkiriitiidhaani.

Galmi tiyaatiraa kun handhuura magaalaa guddaa biyya Xaaliyaanii Room keessatti argama.Manni tiyaatiraa kun guddina isaatiin addunyaa irratti dorgomaa hiqabu.

Manni tiyaatiraa kun yeroo tokkotti daawwattoota 50,000-80,000 qabachuu danda’a jedhamee tilmaamama.Akka jedhamutti mana tiyaatiraa kana kan ijaaran,lammiiwwan Filisxeemotaafi Israa’eelota, dhaloota Kiristoos booda jaarraa 7ffaa irratti booji’amaniinidha.

Galmi tiyaatiraa kun tibba sana iddoo waldorgommiin gurguddaafi oolmaa dirree waraanaa injifannoo irratti argataniif itti geeraranidha.Hamma fedhellee kirkira lafaafii balaa garaa garaatiin walakkaan isaa yo jijjigellee, haambaa qaroominaa impaayera Roomaa barooota sanaa waan ta’eef,Tuuristota miliyoonaan lakkaa’amantu daawwata. Sababii kanaan biyyattiif galii guddaa gachaa jira.

Galmi tiyaatirii guddaa kun maqaan guddaa Room durii akka yaadatamuuf horii gamtaa Awurooppaa saantima Yuuroo shan irratti boocameera.Gamoon amfii tiyaatirii kanaa baayi’ee dinqisiisaa ta’uu isaarraa kan ka’e tibba tokko akkas jedhameera:

As long as the closseum stands so shall Rome;when the colosseum falls,Rome shall fall;When Rome falls,so falls the world”

Gamoon mana tiyaatiraa kun hamma dhaabatetti, Roomis ni dhaabbatti.Gamoon kun yoo kufe,Roomis ni kufti. Room kute jechuun immoo,adduunyaan kufe jechuudha.”

3.Gimbii Chaayinaa Guddicha (The Great wall of China)

Dhaabbata barumsa aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii (UNESCO)dhaan kan galmaa’an dinqisiisoo adduunyaa torban gidduudhaa tokko kan ta’e gimbii guddicha Chaayinaadha.Gimbiin guddichi Chaayinaa kan ijaarame, dhaloota Kiristoos dura waggaa 220 (220 B.C) jalqabamee xummuuruuf baroota dheeraa fudhate. Dheerinni gimbii kanaa walumaa galatti,k.m.21,196 si’a ta’u kan ijaarames Chaayinaa bahaa irraa hamma Chaayinaa dhihaatti kan diriiredha.

Innis kutaa biyya Chaayinaa bahaa Daandiingi jedhamurraa ka’ee hamma kutaa biyya Chaayinaa dhihaa Loopileeki jedhamutti kan diriiredha.Gimbiin Chaayinaa guddichi kun hambaa adduunyaa ta’ee UNESCO dhaan kan galmaa’e walga’ii mootummoota gamtoomanii adduunyaa a.l.A.bara 1987geggeeffame irrattidha.Gimbichi dhagaa,suphee,mukaafi biyyoo jabaa irraa ijaarame.

Kaayyoon gimbiin Chaayinaa guddichi kun itti ijaarame,daangaa Chaayinaa weerartoota alaa irraa of eeguufidha.Keessumaa Mongoolota weerartoota karaa kaabaan yeroo baayi’ee miidhaa irraan gahan irraa of eeguuf yaadameeti

Kaayyoon gara biraa gimbii kanaa, biyya Chaayinaa keessaa meeshota gadi bahaniifi ol seenan to’achuuf yaadameeti. Gimbiin kun buufata loltootaafi qooxii to’annoo qaba.

4.Taji Mahal

Gamoon dinqisiisaan kun kan argamu biyya Hindii keessatti si’a ta’u,haambaa adduunyaa ta’ee kan galmaa’e, walga’ii 7ffaa dhaabbata barumsa aadaafi saayinsii mootummoota gamtoomanii (UNESCO) a.l.A. bara 1983 godhame irrattidha.

Ol dheerinni gamoo kanaa,meetirii 73 dha.Kan ijaarames a.l.A.bara 1632-1653dha.Gamoon dinqisiisaa kun daawwattoota adduunyaa baayi’ee kan hawwatedha.Keessumaa a.l.A. bara 2014tti tuuristoti miliyoona 7-8 tahan daawwataniiru.

Gamoo kana kan ijaarsise mootii kutaa biyya Hindii Muughaal(Mughal) kan ture,Shaahi Jahan (Shah Jahan) kan jedhamudha.Mootichi kun gamoo kana kan ijaarsise awwaala niitiisaa (haadha manaasaa) baayi’ee jaallatuf ture.

Gamoo kana keessa kutaa keessummooti keessatti boqotanifi,Masgiidota kan qabu si’a ta’u, walumaa galatti tajaajila adda addaaf kan oolan kutaalee 42 qaba.Gamoo kana ijaarsisuuf tibba sana horii Hindii Ruppii biliyoona 52.8 ykn doolaara Ameerikaa miliyoona 827 itti ba’eera.Boordii ijaarsa gamoo mootichi dhaabeen,namooti 20,000 ijaarsa isaa irratti hirmaatan.

Gamoon kun waggaa tokko keessatti Tuuristtooti miliyoona 7_8 tahan kan daawwatan waan ta’eef,hambawwan dinqisiisoo adduunyaa torban gidduudhaa tokko ta’uu danda’eera.

5.Mana Ibsaa Aleksanderiyaa ( The light house of Alexanderia)

Manni ibsaa Aleksaanderiyaa kun kan argamu biyya Misiraa (Giptsii) magaalaa Aleksaanderiyaa keessattidha.Kan ijaarames dhaloota Kiristoos dura waggaa 280dha.Dheerinni isaa meetirii 120-137dha.Kan ijaarsises mootii biyya Misiraa dhaloota Kiristoos dura bara 280_247tti biyya sana bitaa ture Patolemik jedhamunidha.

Manni kun hojiiwwan dinqisiisoo adduunyaa torban keessaa tokkodha.Garuu biyaa Misiraa irraatti a.l.A.bara 956_1323tti kirkira lafaa si’a sadii ta’een baayi’ee miidhamee kan ture si’a ta’u,a.l.A. bara 1480tti guutummaatti diigame.

A.l.A. bara 1968 dhaabbati barumsaa,aadaafi saayinsii adduunyaa, garee qorattootaa gara Aleksanderiyaatti erguudhaan jijjigaa gamoo kanaa argachuu isaarrayyuu,a.l.A.bara 1994 jijjigaa gamoo kanaa uummati akka daawwataniif iddoo mijetaa ta’erra akka taa’an godheera.

6.Habaabotaafi biqiloota gamoowwan Baabiloon irraa (The hanging gardens of Babylon)

Iddoowwan bashannanaa habaaboofi biqiloota gamoowwan Baabiloonirraa, dhaabbata barumsaa,aadaafi saayinsii adduunyaadhaan kan galmaa’an hambaawwan dinqisiisoo adduunyaa torban keessaa tokkodha.

Hojiin bara durii kun, Baabiloon ishee bara durii keessatti kan argamu si’a ta’u,Ogummaa Mahaandisummaa guddaadhaan akka hojjetame dubbatama.

Iddoowwan bashannanaa kunniin keessatti habaabotaafi biqiloota ija namaa hawwatan,mukeen garaa garaafi wayinii gamoowwan gubbaa irratti dhaabamanidha.

Kunis Mooticha Naabuu kadanatsoor lammaffatiin dhaloota Kiristoos dura waggaa 600 (600 b.c)irratti akka dhaabaman dubbatama.Hamma fedhellee iddoon kun asi jedhamee hundi kan irratti walii hingalle yoo ta’ellee,iddoon bashannanaa kun dur magaalaa Baabiloon jedhamtee beekamaa kan turte, Iraaq hardhaa keessa akka ture dubbatama.

Iddoo bashannanaa kana Mootichi Naabuu kadanatsoor kan hojjechiise haadhamanaasaa baayi’ee jaallatuuf akka ta’e dubbatama.

7. Siidaa Ze’usii, Olompiyaan Girikii (The Statue of Olompian Zeus)

Ze’us kan jedhamu Waaqota Girikii bara durii keessaa isa tokkodha.Yaadannoo isaaf siidaawwan dinqisiisoo adduunyaa ijaaraman keessaa tokkodha.

Siidaa kana kan ijaare ykn kan boce immoo, Fidiyas (Phedias) kan jedhamu ogeessa ijaarsaadha.Kan ijaares dhaloota Kiristoos dura waggaa 435 (435 b.c)dha.

Siidaan mana sagadaa Waaqa Giriikotaa Ze’us jedhamu kun, baayi’ee guddaa si’a ta’u, dheerinni isaa meetirii 13 dha.Boci qaama Ze’us, muka gurraacha jabaa (cimaa),ilka arbaa, warqee,dhagaa babbareedoodhaan kan hojjetame (tolchame)dha.

Barreessaa seenaa biyya Girikii kan ta’e Hoomer, kitaaba isaa keessatti akka ibsetti, Ogeessi kun siidaa kana hojjechuuf maaltu akka isa kakkaase gaafatamee yeroo dubbatu, kitaaba Oliyaad keessatti waa’ee Waaqa Girikii Ze’us barreeffame dubbisuu isaa irraa ka’ee akka boce dubbatama.

Siidaan kun dhaloota Kiristoos booda jaarraa 5ffaa irratti akka jijjige dubbatama.Fakkeenyaaf barreessaan seenaa biyya Girikii kan Siwetoniyes jedhamu “…mootiin Room Kaalguulaa jedhamu,siidaan kuniifi kanneenis biyya Girik keessaa buqqa’anii,gara magaalaa Roomitti fidanii, waaqotaa sana fakkeesaanii akka bakka buusan waan ajejeef,Siidaan Ze’us jedhamu kun diigamuu danda’e “ jedhee barreesseera.

Sana booda barreessaa seenaa kan ta’e Ji’orjoo Lejifenus jedhamu jaarraa 11ffaa irratti,Siidaan kun gara magaalaa Qosxenxeniyaatti (Constantinople)tti erga fudhatame booda, dhaloota Kiristoos booda bara 425 (425A.D)balaa abiddaa ka’een akka jijjige barreesseera.

Ababaa Ijjiguu tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s