“Waaqa nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi”
Kan nagaan nu oolchites nagaan nu bulchi
Irraa goraafi dogoggora nu oolchi
Tolaa nutti qabi
Hamaa ammaataa nuttii qabi
Keenyaan nu oolchi keenyaan nu bulchi
Biyyaafi qe’ee keenya irratti nu moosisi
Yaa Rabbi tokko nu taasisi
Yaadaafi qalbii keenya wal simachiisi
Wallaalaa nuu beeksisi
Beekaa nuuf bulchi
Xinnaa nuuf guddisi
Guddaa nuuf hitichi
Dhalataan keenya baratee haa fulla’u
Barsiisaan keenya barsiisee haa milkaa’u
Qotee bulaan keenya qotee gootaraa haa guutu
Daldalaan keenya daldalee haa buusu
Kan badhaadhina keenya jibbu haa badu
Kan tokkummaa keenyatti gaadu haa diigamu
Dhalataan keenya baratee haa fulla’u
Barsiisaan keenya barsiisee haa milkaa’u
Qotee bulaan keenya qotee gootaraa haa guutu
Daldalaan keenya daldalee haa buusu
Kan badhaadhina keenya jibbu haa badu
Kan tokkummaa keenyatti gaadu haa diigamu
Kan guyyaa nutti malu aduun itti haa dhiitu
Kan alkan nutti malu lafti itti haa bariitu
Waaqni keenya saba dhugaan bulu nu haa godhu
Kan dhugaa keenya jal’isu dhallisaa haa jal’atu
Kan dhalataan keenya akka hin guddanne godhu daaraa haa ta’u
Diinnii keenya…
…daakuu bishaan lixxe
…awwaara bubbeen fuute
…iddii fardi irra ejjete haa taatu
Ani xiqqeesseen eebbisaa Waaqni guddisee nuuf haa dhaga’u
Gadaan quufaa gabbina gabbisi Waaqa.
Moonenus Hundarraa tiin