Uummanni Oromoo sirna jiruufi jireenya isaa keessatti aadaa akka cirracha galaana keessaa hammaaramee hindhumne baay’inaan qaba. Aadaan kanneenis kan uffannaa, nyaataa, safeeffannaa, waaqeffannaa, amantii, bulchiinsaafi kan kana fakkaatan tarreessuun ni danda’ama. Bu’uura kanaan barruulee kana keessatti, akkuma aadaa bulchiinsa Oromoo keessatti sirni Gadaa iddoo olaanaa qabu, sirni Siiqqee dubartootaas gahee taphatu dhiyyeessuuf barbaadeen. Siiqqeen mallattoo aangoofi mirga dubartoonni Oromoo aadaadhaan qaban agarsiisuudha. Siiqqeen ulee qal’oo dheertuudha. Kunis, kan qaqamte, diimatteefi simooftedha.

Kanamalees, qajeeltuufi dirraan walqixxooftuu kan ijoo hinqabnedha. Siiqqee namni hundi yookaan dubartiin hundi hinqabattu. Kan qabachuu dandeessu dubartii heerumte qofa. Kan heerumtes taatu yeroo hunda hinqabattu; kan qabattee baatu yeroo lolli, waraanni, muddamni, daddarbaan, cunqursaan, haala waliigalaan yeroo rakkoon jiraatu qabattee baati. Siiqqeen kabaja, ulfina, saalfiifi sodaatama guddaa qabdi. Akka ulee biroo siiqqeen horii ittiin hin tiksan, hinrukutan; sareetti hindarbatan; fardeen ittiin hindhahan; akkasumas dhadhaabbachuuf hin gargaaraman. Seeraaf qabatan malee. Kanaafuu, dubartiin siiqqee qabatte nisodaatamti; nisaalfatamti; nikabajamti. Dubartiin siiqqee qabattee yoo namatti dhufte hinqaxxaamuran; nama hofkolchitu malee bira darbanii hindeeman. Malkaas ishii dura hin cehan.

1. Faayidaa Siiqqee

Aadaa Oromoo keessatti siiqqeen faayidaa hedduu qabdi. Akka waliigalaatti yoo ilaalamu: gaa’ela gaggeessuuf, waaqa kadhachuuf, araarsuufi dhimma lolaa (waraanaa) tasgabbeessuufi kkf geggeessuuf oolti. Qabxiilee kanneenis warreen ijoo ta’an akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

1. 1 Gaa’ela Gaggeessuuf

Sirna fuudhaafi heerumaa geggeeffamu keessatti siiqqeen iddoo olaanaa qabdi. Haala kanas bifa lamaan ilaaluun nidanda’ama.

1. 2 Gaa’ela Rakkoon Raawwatamu

Sirni fuudhaafi heerumaa rakkoon raawwatamu karaa seera qabeessa ta’een warri gurbaafi warri durbaa walqoratanii kan walirraa fuudhaniidha. Adeemsa kana keessattis dubartiin sun gaafa heerumtu siiqqee qabattee heerumti. Kunimmoo seeraafi duudhaa hawaasichaa guutuufi aangoo qabaachuu ishii kan itti mirkaneeffattuudha. Kanaan alatti immoo ulfinaafi kabaja qabaachuu ishii kan agarsiisuudha. Iddoo deemtu sanattis akka saalfatamtu, sodaatamtuufi kabaja akka argattu ishii taasisa jechuudha.

1.3 Heeruma Haftuu Durbaaf

Aadaa Oromoo keessatti akka carraa ta’ee dubartiin tokko otoo hin kadhimamin turtee haftuu ta’uu dandeessi. Kanaafuu, dubartiin otoo hinkadhatamiin turtee umuriin koo darbuuf jettee yaadde akkuma dhiirri kadhatee fuudhu, dubartiinis seera siiqqee keessatti kadhattee fuudhuuf mirga qabdi. Kanas raawwachuuf adeemsa keessa dabartu qabdi. Jalqabarratti haadha siiqqee (haadha manaa abbaa Gadaa) mariisisti. Kanas quxisuun koo daa’ima dhungatte; anas nahawwisiise jettee himatti. Haati siiqqees “kanaaf maal barbaadde?” jettee gaafatti. Ishiinis, ilma abaluuttan (nama itti heerumuu barbaaddu) maqaa dhawuun itti himti. Haala kanaan, haati siiqqees waan qabachuufi gochuu qabdu gorsitee gadhiisti. Dubartiin kunis, hiddii, buna duudaa, marga jiidhaafi siiqqee qabattee gara mana gurbaa itti heerumuu barbaaddee deemti. Akka achi geesseenis siiqqee darbattee mooraa keessa buusuun karra jala teessee akkas jechuun lallabdi.“Taa’ee hin ka’u, seenee hin ba’u” jetti.

Haati siiqqee sunimmoo akka nama haaraatti jaarsa qabattee “maal taate?” jettee gaafatti. Erga odeeffannoo argatanii booda battaluma jaarsolii walitti qabanii rakoo qalsiisu. Kan biraa kadhateellee yoo jiraate ishii dhiisee ishii kanatti rakoo qala. Ishiin bareedduus taatu fokkiftuu diduu hindanda’u. Kanaaf seera guutaaf. Yoo ishii duraa hindhiisu jedhee yaademmoo ishii siiqqeen dhufteef seera guutee gaggeessuu danda’a. Kanas, dubartiin sun akkas jettee gaafatti. “Qaamni miiraa shan, seerri Gadaa shan; kana naaf guuti” jetti. Innis seera kana guutuun dirqama isaati. Gama biraatiin, meeshaaleen dubartiin sun qabattee deemtu hiika mataa isaanii qabu. Isaanis:

Hiddii: hiddiin garaa miciraani. Kanaafuu, akka hiddii kanaa waliin horra, hormaata arganna; waliin jiraanna ergaa jedhu qaba.

Buna duudaa: bunni ulfina, kabaja. Kanamalees, qarree koo qabadheen dhufe, kanaaf waljaallannee, walitti urgoofnee waliin jiraanna jechuu agarsiisa.

Marga jiidhaa: margi jiidhaan irreessa. Lattuu, lalisaa, hormaata kanaan alattis hawwii gaarii waliif qabaachuu mul’isa.

Siiqqee: siiqqeen mallattoo aangooti. Kanaafuu, siiqqee kana qabattee seera ishii raawwachiisuu kan dandeessu ta’uu bakka bu’a.

1. 4 Kadhaa Waaqaaf

Faayidaan siiqqee inni biraan tajaajila kadhaa waaqaaf ooluu ishiiti. Kunis, yeroo bonni guddatee hongeen nama, horiifi uumama hundatti hammaatu waaqa kadhachuuf dubartoonni siiqqee qabatanii ba’u. Siiqqee birattis, aannan, dhadhaafi irreessa qabatu. Dhadhaan mataa jiifatu; aannan dhibaafatu, akkasumas marga jiidhaa sanammoo itti irreeffa-tanii waaqa kadhatu. Yeroo waaqa kadhatanis akkas jedhu: Luka daaraan dhufne, miila dhoqqeen nugalchi…

Kana jechuun bonni hammaateera, rakkoo qaqqabsiiseera; nuudhagahi; rakkoo keessaa nubaasi; nubadhaadhi ergaa jedhu qaba.

1. 5 Araaraaf Oolti.

Siiqqeen araarsuufis ni oolti. Keessattuu, abbaa manaafi haadha manaa araarsuu keessatti gahee olaanaa qabdi. Abbaan manaafi haati manaa sababa adda addaan walitti bu’uu danda’u. Seera siiqqee keessatti, dubartiin tokko deessee ji’a lamaan duratti yoo wajjin ciisee fedhii foonii raawwate yakka. Dubartii dugda bukoo kan hinjabaanne akka waan gudeedeetti lakkaa’ama.

Dhimma kanas, haadha siiqqeetti himuun dubartiin naannoo itti bahuun siiqqee qabatanii itti ililchu. Haala kanas balleessaa ta’uu, yakka kan uume ta’uusaaf seera itti muru. Seerri kunis tokko korma irraa qalu, lammaffaammoo inni dirriba akka ishii uffisu gochuun walitti araarsu.

Gogaa korma irraa qalataniis tatarsaasanii siiqqee isaaniitti maratu. Kun immoo seera siiqqee ta’uufi siiqqeen ulfinaafi kabaja qabu cinaatti aangoo qabaachuu kan agarsiisudha.

1. 6 Lola yookaan Waraana Dhaabsisuuf

Adeemsa jiruufi jireenyaa keessatti namoonni waliin jiraatan yookaan diinni naannoo biraarraa dhufuun sababa adda addaan yoo walitti bu’uun lola yookaan waraana guddaa keessa seenuu danda’u. Lola yookaan waraana gosa gidduutti uumamu salphaatti dhaabuun rakkisaadha.Haata’u malee, dubartoonni siiqqee qabachuun walgahanii lola yookaan waraana kana gidduu yoo seenan lolli yookaan waraanni sun battalumatti dhaabbata. Kana jechuun siiqqeen dubartootaa ulfinaafi kabaja hammamii akka qabu agarsiisa. Siiqqee yoo hinqabaanne garuu mootummaan hagam humna qabuyyuu akka siiqqeetti battala sanatti waraana dhaabuu hin danda’u. Akka tasaa ta’ee gareen tokko kan didu yoo ta’e, gara isa tole jedhee eebbisuun isa didemmoo abaaruun mataa siiqqee walitti dhaabuun isa jala hulluuqanii akka darban godhu. Kunis diina kee mo’i, daandii jalaa baatuufi irra aantu argadhu jechuudha. Yeroo eebbisanis, “dhukkuba qileen qabi; diina waraanaan qabi” jedhanii yoo eebbisan injifannoon deebi’u. Garaa qulqulluun waan eebbisaniif Waaqayyos isaan dhagaha. Warri didan sun gonkumaa akka hin oofkolle, irra hinoolle dubbatu. Walumaagalatti, siiqqeen haala jiruufi jireenya hawaasa Oromoo keessatti faayidaa hedduu qabaachuu ishii hubachuun nidanda’ama. Dabalatas, siiqqeen gaa’ela gaggeessuuf, waaqa kadhachuuf, araarsuuf, dhimma lolaa (waraanaa) tasgabbeessuuf kanaan alattis kan hiyyoome yookaan qabeenya balaan barbadaa’e hirpha kadhachuuf, dubartii dhala dhabde guddifachaa kadhachuuf, dubartii karaa deemtu akka dhiirri hintuqneef, intala heerumte ittiin mana baasuufi waan kana fakkaatan raawwachuuf faayidaa siiqqeen qabdu guddaa ta’uu hubanna.

Geetaachoo Rabbirraa Baqqaanaa tiin

2 thoughts on “Siiqqee

  1. Good to have parts of Gada System here. Any how, it will be clear if SIIQQEE and Gada system generational stages. Please understand that Siiqqee is one of Gada institution among others.

    Like

  2. Wa’ee aadaa, jiruuf jireenya oromoo irratti wontonni isin bareessitaniifi nubarsiiftan bay’ee gaariidha galalatooma peennaan keessan hin qoorin ,Akka ofbarruuf nugargaara (“Of-beekaatu biyya beeka jedhu “)mitiiree. Jabaadha

    Like

Leave a Reply to Abdulbasit Avdulwahid Cancel reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s