Aartiin bu’uura jireenya hawaasummaafi beekumsaa akka ta’e jildii keenya lammaffaa keessatti seenaa kabajamaa Dr. Alii Birraa yeroo kaafnetti eeruunkoo niyaadatama. Dr. Aliin akkuma Amarikaa gaheen Afaan Ingilizii akka afaan 2ffaa isaatti barachuu jalqabe. Itti fufuunis yaaxinaalee muuziqaa koolleejjii ‘Saantaa moonikaa’ jedhamu kan Amarikaa Kaalifoorniyaa keessatti argamutti barachuun beekumsa muuziqaa irratti qabus haalaan cimsate.

Bara 1989tti Biyya Saawud Arabiyaatii gara Iswiidinitti deemuun Afaan Iswiidish barachuu jalqabee turtii yeroon booda haadha manaa isaa Iswiidiniitti dhiisee gara Kanaadaa deeme. Aliin Afaan Ingilizii haala gaariin waan dubbatuuf achittis intala Kanaadaa tokkotti siqee ittiin wal baree ishees jaallate.

Bara 1992 tti jaalallee isaa waliin Kanaadaa Torontoo taa’ee haadha manaa isaa Iswiidishi taate waliin wal hiike. Yeroo kanatti Aliin sirboota isaan beekamtii guddaa argate. Sirboonni inni sirbus haalliifi yeroon kan hin jijjiirredha. Kana malees, sirboota isaa galma gurguddaa kan Finfinnee keessatti argaman kanneen akka “Haager Fiqiriifi Raastiyaatir” keessattiifi godinaalee Oromiyaa hedduu keessa naanna’uun sirboota isaa saba Oromoofi deeggertoota isaaf dhiyeessaa ture. Yeroo kanatti abbaan isaa nama Ahmad Taaqii jedhamu kan afaaniifi seenaa saba Oromootiif quuqamu tokko waliin wal barsiise. Haa ta’u malee, yeroo Mootummaa Dargii fonqolchuuf lolli taasifamu loltoota mootummaa kanaatiin Ahmad Taaqii ajjeefame. Maqaan nama kanaa kan biroo “Hundee” jedhama ture. Aliinis maqaa isaatiin sirba “yaa hundee bareedaa yaa fiixee miidhagaa” jechuun sirbe.

Sababuma kanaafis, Aliin mootummaa kana biratti akka mormituutti ilaalame. Afaan, seenaa, duudhaafi aartii Oromoorratti hojjechuun isaa isa adabsiise. Fakkaataa isaa akka bakka hin buufneef Aliin akka korma loonii kolaafame. Alii Birraan guddina aadaafi aartii Oromoorratti hedduu hojjeteera. Hojiiwwan hojjete kanaafis badhaasa adda addaa argateera. Bara 1995 weellistoota Afrikaa Kanaadaa keessatti argaman keessaa hojii guddaa hojjechuun ‘’African Merits Award” badhaasa jedhu argateera. Bara 2010 Waxabajjii 12 Yunivarsiitii Jimmaa irraa “Dooktoreetii kabajaa” argateera. Bara 2000tti Aartiistoota seenaa, afaan, aadaa, duudhaafi aartii Oromoorratti hojjetan keessaa Dr. Alii Birraa Dhaabbanni Raadiyoofi Talavajiinii Oromiyaa sadarkaa 1ffaa irra teessisuun badhaaseera.

Dr. Alii Birraa sirboota kaasettiiwwan 37 ol baasuun hawaasasaa qaqqabsiiseera. Qorannoon irratti hojjetamuun qabiyyeewwan sirboota kanaa waa’ee barnootaa, siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa mara akka of keessatti haammatu ifa taasifameera. Afaanota 8 ol sirriitti dubbachuu danda’a. Sirboonni isaas guddina aadaafi aartii Oromootiif gumaacha guddaa taasisaniiru. Keessumattuu ‘Barnootaa 2x kana ta’uu qaba kaayyoon Oromootaa’ kan jedhu eenyuma birattuu kan yaadatamuudha. Yeroo ammaa kana Dr. Alii Birraa haadha manaa isaa Linii Markusiifi nama Muhaammad Shariif jedhamu waliin dhaabbata “Birra Children Education Foundation” jedhu magaalaa Dirree Dawaatti banuun daa’immaan maatii harka qalleeyyiifi maatii hin qabne barsiisaa jiru. Walumaagalatti artistoonni Oromoo karaa yeedaloo sirba walaloo isaaniitiin waa’ee eenyummaafi Oromummaa, waa’ee misoomaafi biyyaa, waa’ee goototaafi kkf waan faarsaniif miira ittiin hawaasa sochoosan qabu. Dr. Kabajamaa Artist weellisaa Alii Birraa ayyaana waggaa shantammaaffaasaa bara kana keessa kan ayyaaneffatuufi ammas hojiilee ajaa’ibaatiin kan sabasaa tajaajilaa jirudha. Kanaafuu, hayyuu keenya kanaaf umurii dheeraa hawwaa Oromoon dhuguma Oromummaatti dhalatee jiru gama dandeettii itti bobba’ee jiruutiin maal akka sabasaaf gumaachaa jiru akka of gaafatuuf dhaamsakoo dabarfachaa, kutaa sadaffaasaa jildii itti aanutti xiinxala sirbasaa qabiyyee garaagaraa keessatti qaaccesseen dhiyeessa.

Beekan Gulummaa Irranaa tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s