Ganni darbee guyyaa gaariin tokko erga dhufee booda goondaan muraasi gombisaa midhaanii isaan isa yeroo bokkaan coccobu duraa ukkaamfamee tortore gogfachuutti dhama’u turan. Yerosuma quruphisi tokko dhuftee akka isaan midhaan muraasa isheef hambisaniif kadhatte, “Sababiin isaa, salphaadhumatti ani beela’aan jira” isaaniin jette. Tuuti goondaa sunis xiqqoo isheetiif hojjechuu dhiisanii takkaa dhaabbatanii waanti kun seer-bu’uura isaanii wajjin akka wal hin simanne yaadaa, “Mee waa si gaafannuu?” ittiin jedhan. “Ati ganna darbe guutuu maal hojjechaa turtee? Maaliif bona itti aanuuf kuufama nyaataa walitti hin qabanne?” jedhanii gaaffii baay’ee gaafatan. Quruphisattiinis deebiftee,“ Dhuguma sirbaa waanan tureef yeroo argachuu hin dandeenye ”jette. Tuuti goondaa sunis deebisanii, “Ganna guutuu sirbaa baate erga ta’ee, bona kana immoo shubbisuu irraan kan hafe waan biraa hojjechuu hin dandeessu” ittiin jedhanii kolfaa gara hojii isaaniitti deebi’an.
Barnoota: Guyyaa bokkaatiif waa qusachuun barbaachisaadha, waan jireenya keessatti bor sitti dhufuu danda’u hin beektu. Hojii kaa’achuun (waan amma hojjechuu danda’an boriif dhiisuun) rakkina hin yaadamnetti dabarsee nama kennuu danda’a.
Fedhii yeroo dheeraa fi kan yeroo gabaabaa madaallii isaanii eeguun barbaa chisaa dha.
Goondaa isa gar-malee dadhabee hojjetuu fi quruphisa isa bashannana jaallatu gidduu bakki giddu-galeessa ta’e ni jiraataa? Ati caalaatti isa tokko moo isa kaan fakkaattaa?
Marii: Amalli maallaqatti fayyadama kee maal fakkaata? Guyyaa bokkaatiif jettee ol kaa’atta ni qusatta moo yookiis akka bokkaadhumtuu hin jirretti yaadda?
Yoo quruphisi kun waan barbaaddu hin arganne ta’e iyyuu gurmuun goondaa sun amala qorophisaa bakkee baasuu isaaniitiin maal argatani?
Akkayya qalbii (mental models)- sababi gartuun goondaa sun quruphisattii gargaaruu didaniif isheen seer-bu’uura cimanii hojjechuu fi dursanii karoorfachuu isaan qaban irratti waliif galuu waan diddeefidha (waan hin jiraatiniif).
Seer-bu’uura: Kallattii, Hiriirsuu, Of kennuu Gartuun goondaa sun galma nyaata bonaaf isaan ga’uu danda’u walitti qabachuu qabu turan, yeroodhaan itti dadhabanii hojjetan, hojii isaaniis milkeeffatan.
Wiirtuu geggeessummaa Addunyaawaatiin Center for Creative Leadership (CCL) irraa barreeffama argame.