Harreen waraabessaan waliin firummaa akka hin qabne otoo beektuu mucaan waraabuu du’uu dhageenyaan ilmoon akkuma ofiitii, du’a gayii geenyu malee jechuudhaan ijoollee ishii dhiphisuun otoo itti himanuu dirqisiiftee gara du’a gayiitti balashee kuula ol-dachaasatanii qajeelan. Ijoolleen harree tarkaanfii haadha isaaniitti aaran kun karaatti akkam gochuun isaan irra akka jiru yaadaa dhaqan. Akka waraabessi garaa isaanii hin laafne, beekkatanii tooftaa ittiin waraabessicha harkaas ba’an haadha isaaniis gammachiisan soqaa achi ga’an. Akkuma achi ga’aniniis hoomaa waraabessaa du’a ga’ii taa’u yeroo argan gurra isaanii qaruun dhaabanii haadha isaanii hordofuun mana naanna’anii boo’uutti ka’an.
“Gama sanaa yuustuu gamana fakkaata sagaleen keessanii, diiminuma nyaattuu adiidhuma kana udaan keessanii, Isinuu hin hamatuu maaltu nyaate mucaa keessanii?…” jedhanii dallaa naanna’anii yeroo isaan iyya kutan, haati harree garuu waa otoo hin kennin akkamittan deema jettee deebitee teessee yaaduutti kaate. Sabbatatti waa gudunfattee hin dhufne; sabbatuma hin qabdu. Haa ta’u iyyuu malee, teessee itti yaaddee eegeedhamoo hidhii kennuu akka wayyu yoo mari’achuuf of-cinaa ilaaltu ijoolleen ishii hin jiran. “Hidhiin kennee deema” jette. “Warrakoo jabaadhaa abbaan mucaa as-ba’ii hidhii kiyya gara olii suuta jedhii kutadhu” ittiin jette. Waraabessis kana gammadee, hidhii harree murate, yeroo ishiin baatee qajeeltu, “haadhoo harree mee as garagali” jedhaniin.Yeroo kana ilkaan ishii irra keessaa qullaadha; waan kofaltu fakkaatti. Waroonis, ilmoodhuma hundaatu du’aa, kan ilmoo keenyaa maaf kolfa ta’ee? jechuun itti dirrisee garaa ishii jigse. Tolli akkasitti ishiidhaaf deebi’e.