Baacoon aartii uummata Oromoo bashannansiisaa barsiisudha. Itti dabalas fedhii dubbisuufi barreessuu dubbisaa yookaan barreessaa kan guddisuudha. Haaluma kanaan baacoo godina Gujii keessaa kan arganne akka amaan gadiitti dhiyeessuuf yaalleerra.

1. Ifii boo’e moo isinii boo’e?

Durii durii jedhan namicha tokkotu jira. Namichi kun qabeenya kana hinjenne kanneen akka: loon, gaala, farda, gaangee, re’ee, hoolaafi lukkuu kanneeniifi kan biroo bacaa qaba. Haata’u malee namichi kun fira, hiriyyaa, jaala, maatii tokkoyyuu hinqabu ture. Sababa kanarraan kan ka’e namootni naannaa sana jiraatan tokkoyyuu isa hinjaallatan ture. Hinaaffaa qabeenya isaa kanarraan kan ka’e, guyyuma guyyaatti aaddee isa itti arganuufi ijjeesan barbaaddataa turan. Sababnisaa nama isa gargaaruufi dhiiga isaa baasa jedhanii yaadan waa hinqabneef. Haata’u malee, namichi kun horii isaatiin cinatti saroota jaatama maqaan isaanii ifii boo’a jedhamu horsiisee qaba. Guyyaa tokko utuu horii obaa geeffatee deebi’uu diinoti isaa dedha itti dhufani “duruu galtaa har’a hingaltuu dhaammadhu” jedhaniin. Jennaan namichis abbaa lubbuu waan ta’eef, aboo dhiiroo na ajjeesiinaa waa isin barbaaddan mara isinii tolchaa jedhee kadhate. Isaanis baay’ee itti qoosanii duruu galtaa har’a gara deemtuu dhibii, duutee jirtaa dhaammadhu jedhaniin. Jennaan namichis takka mataa gara lafaa gadi qabatee dhiiroo ega isin jettanii na ajjeesaa; garuu waan tokko qofa naaf eyyamaa. Warri keenna yeroo du’u yookiin yoo ajjeesanuu ofii boo’a; aadaan warra kiyyaa harka na badiin ifii boo’aa naaf eyyamaa jedhee kadhate. Isaanis kollanii namichi gowwaan maali? Of lakkisii nuuf jettu ekeraa warrakeellee boo’i jedhaniin waan qabeenya qooddachuu haasa’uu jalqaban. Namichis muka yaabee “ifii boo’aa… ifii boo’aa… ifii boo’aa… ifii boo’aa… uuuuuuuuuuuuwwwwwwiiiiiiii” jedhee iyye. Yeruma sana adoo isaan gaalli kiyya, loon kiyya jedhaa walfalmanuu sarootni jaatamni addee isaan dhufanii namni hinbeekne fiigaa dhufanii lafee namootaas osoo hinhafiin caccabsan. Jennaan namichi mukarraa bu’ee ifii boo’emoo isinii boo’e jedhee gara manaa gala dhaabate.

2. Takka ifi kolla takka si kolla

Guyyaa keessaa gaafa tokko naachi dhukkubsatee mana cidheessaa dhaqee dhiboo ofii cidheessaa himatee jennaan, cidheessis eega rakkoosaa dhaga’een booda, qorsi dhibooteet kanaa tiruu qalameeti, tiruu qalamee barbaadii nyaadhu jedheen. Naachis Waaqa kadhataa bishaan keessaa ba’ee muka cina galaanaa jiru tokko jala dhaqee ciise. Inni hin argine malee edaa qalameen muka kana gubbaa jirti. Dedha utuu inni hin argiin qalameen gubbaa gadi isi abbuyyo naacha har’a maan teetee muka ani gubbaa jiru jala dhuttee ciitte jettee gaafatte. Naachis qalamee ta’uu erga bareen booda, hoola abuyyaa tiyya, foon adoo nyaadhuu baddeessaa ilkaan kaarroo naseene koottuu ilkaan kiyya keessaa fudhadhu tanaa isin barbaaduu jira jedheen. Qalameellee gammadaa mukarraa irrii gadi hoola abuyyoon gudduma naarakkattani jedhaa irii gadi buutee meeti ilkaan kam keessa sijirti baddeessaan? jettee gaafatte. Naachi ilasaa banatee dhaphi godhee qabe. Baddeessaa maaliiti jiraa mitii anuu ka sila du’u Waaqi si naaf baasee lubbuu nabitee mana cidheessaa dhaqnaan tiruukee naa ajajanii homaa godhee hin danda’uu adoo wal jaallannuu wal nyaannaa jedheen. Qalameenis muddamtee gadi jettee ol jettee yaada galfatte. “Hoola abuyyoon tiruu tiyya xiqqoo tanaa jettee maaf jaalalli kiyyaaf kee badaa miti. Ani duruu beekee tiruu qorsa qofaaf teetu utuu hinta’iin,ta ati nyaattees quuftuu muka kana gubbaa naqeeraa dhaqeen siifida nagadhiisi” jetteen. Naachis qorichaaf qofa osoo hinta’iin, quufaafis waan ga’u eega dhaga’een booda ani duruu filannoo dhabe maaliif duuta atis beenu dhaqii fidii jedhee gadhiise. Qalameen xulluphi jettee muka kortee qas qas qas qas jettee kolfite. Naachi irri ol laalee isi abuyyoo maal kolfita? jedhee gaafate. Qalameenis takka sikollaa, takka ofi kollaa jetteen!

Jiloo Kemee Xunaa tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s