“Korma Sambataa”

Bar- tokko biyya keenya keessa qonnaan bulaa tokkotu ture. Qonnaan bulaan kun, horii (lowwan) dhibbaa ol qaba ture. Waan kana ta’eef akka aadaa naannoo’saatti garaacha uffateera.Kunis mallattoo qabeenya guddaa qabaachuusaa kan argisiisudha. Qonnaan bulaan kun baruma baraan korma qalee nama waamee, sambata dhaabbata ture. Sababiin isaas Sambatni sooressa akka eeguuf, kan hin qabne’mmoo qabeenya kenna … Continue reading “Korma Sambataa”

SIIQQEE

Aadaan maal akka ta’e jecha gabaabaadhaan ibsuun rakkisaadha.Ta’us garuu aadaa jechuun amala yookaan akkaataa sabni tokko ittin walii wajjin jiraatudha.Haala jiruuf jireenya saba tokkoo jennee ka’us ni dandeenya.Akkasumaas eenyummaan saba tokko kan ittiin beekamu afaaniifi aadaa isaatiinidha.Akkaataa uffannaa,nyaata,dhugaatii,gaddaafi gammachuu,fuudhaafi heerumaa,Waaqeffannaafi akkaataa ittiin bulmaata isaanii hundinuu qabiyyee aadaati jechuun ni danda’ama. Sabni Oromoos, Akkuma saba biraa, … Continue reading SIIQQEE

Kana Beektuu?

Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf daldala garbaa mormitee akka dhaabbatu kan goote biyya - Ispeenidha Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf adabbiin du'aa (death penality) akka hafu kan labsite biyya – Venezuweelaadha. Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf qarshii waraqaa irratti maxxansiifte biyya – chayinaa (song dynasty) Biyyi addunyaa irraa yeroo jalqabaaf Teembira poostaa (post stamp) kan … Continue reading Kana Beektuu?

Waa’ee Oromo karrayyuu kana beektuu?

Ummanni karrayyuu Naannoo Oromiyaaa, Godina shawaa bahaa Aanaa Fantallee keessatti argamu. Oromoon Karrayyuu Uummata Aadaaa isaa Jaalattuu fi Horsiisee Bulummaa baroota Gidiraa fi Cunqursaa hedduu dabarsuun hanga ammaa Aadaalee duudhaa fi Sirna Gadaan Walbulchaa jiraatuun isaanii ni beekama. Heerotaa, Aadaa Duudhaa Sirna Gadaa oromootiin hanga ammatti kan bulaa jiru yoo ta’u, naannoleen isaaan daangeessu, Gara … Continue reading Waa’ee Oromo karrayyuu kana beektuu?

Barnoota Bu’uuraa:-

Yaadaan bilshaachuufi beekumsa qabaachuun sochii hojii keenya guyyaa hundumaa keessatti baayi’ee barbaachisaadha.Dandeettii ogummaa erregaa( mathematics) qabaachuun ijoolleefi namoota gurguddaaf akkasumas hawaasa keessatti hojii hojjechuuf jireenya isaaniif barbaachisaadha.Dandeettii erregaa qabaachuuf carraaquun mana barnootaa keessatti milkaa’in fiduu danda’a.Ijoolleen utuu mana barnootaa hingalin beekumsa erregaa yoo qabaatan, yeroo mana barnootaa galan milkaa’ina isaanii argamsiisuu danda’a. Dhaabbati Save the … Continue reading Barnoota Bu’uuraa:-

Siwiizerlaandiifi guddina ishee!

Afaan hojii :- Afaan Jarmanii, Faransaayii, Xaaliyaaniifi Roomeenish Bulchiinsi:- Sirna Federaalummaa Paartii baayi’ee Dimookiraasii:-Kallattii (Direct Democracy) Sirna caasaa Federaalummaan kan hunduufte:- A.L. A.Fulbaana 12 bara 1848 Baayi’inni uummataa:- A.L.A bara 2014 akka lakkaa’ametti 8,211,700 Galiin tokkoon tokkoon namaa:-Doolaara US Ameerikaa 58,731. Adduunyaarraa sadarkaa 9ffaadha. Qrshiin biyyattii :-Farankaa Siwiiz.(Swiss franc) Biyyi Siwiizer laand Awurooppaa dhihaafi giddu … Continue reading Siwiizerlaandiifi guddina ishee!

Kana beektu laata?

Biyya US Ameerikaa keessatti barruun waggaa waggaadhaan ji’a bitootessaa maxxanfamtee baatu kan “Business Forbes” (bizinesii Foorbes) jedhamu adduunyaa irratti namoota qarshii guddaa qaban ni beeksisa.Garuu akka kaayyoo barruu kanaatti yoo ta’e keessumaa sababii idaafi taayitaadhaan gar-malee fayyadamuutiin namoota qabeenya horatan keessa hingalshu. Kallattiidhuma kanaan garuu burqaan galii isaanii kan beekamuufi beekumsaafi carraaqii hojii isaaniitiin namoota … Continue reading Kana beektu laata?

Waaltina Afaanii!

Afaan Oromoo erga afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’ee waggoota 25 ta’eera. Afaan kanaan waajjiraalee garaa garaa keessatti ittiin hojjetama jira.Kitaaboleen barnootaa ittiin barreeffamanii afaan barnootaa ta’eera.Kitaaboleen asoosamaafi, seenaa,akkasuma hinbaayi’etin malee diraamaan,tiyaatirriifi fiilmiin Afaan Oromootiin hojjetamaa jiru. Afaan kun akka guddatee waaltinaa’uuf mootummaa naannoo Oromiyaa biiroo aadaafi turrizimii Oromiyaa giddu-gala aadaa Oromootti,gareen waaltina Afaan Oromoo … Continue reading Waaltina Afaanii!

Haala jijjiirama qilleensaa wajjiin deemuu fi Mala qonnaa Jahan(6)

Jijjiiramni qilleensaa hojii qonnaarratti dhiibbaa guddaa qaba.Fakkeenyaaf caamsaa,lolaa, rooba yeroo malee roobuu kunniin hundi hojii qonnaarratti miidhaa fiduu danda’u.Qonnaan bultooti haaluma jijjiirama qilleensaa hubachuun hojii qonnaa isaanii wajjin haala deemuu danda’uun tooftaan hojjechuu danda’u.Tooftaa hojii qonnaarratti nama gargaaran kanaa gaditti mee haa ilaallu. 1. Sanyii Midhaan hongee dandamachuu danda’aniifi dafanii ga’an(bishaatan). Sanyii midhanii adda addaa … Continue reading Haala jijjiirama qilleensaa wajjiin deemuu fi Mala qonnaa Jahan(6)

Hawwii

Meeqatu guuttatee hawwii jireenya isaa ? Gammachuu argatee kan ciise garaan isaa. Nama meeqaa laataa kan harkaan gahate? Fedhii garaasaatii hawwii kan dhuunfatee. Meeqa duraa haftee hawwiin hawwii taatee? Hinaaffaan guutamtee hammeenyaan hudhamtee. Nama meeqaa laataa hawwee kan argate? Fedhii garaasaatii soonaan kan guuttate. Eenyutu natti himaa eenyutu beeka laataa? Eessa daangaan hawwii eessatti dhaabbataa? … Continue reading Hawwii