Moggaasa qubee irraa waan hubannu

Hima afaan alagaa kana mee dubbisaa: “ahun andi sewu mexto ‘Abbabaa Kabbadaa’ bil min tilaallaachihu?” jedhe namichi. Namni deebii kenne hin turre; garuu hundinuu ni kolfe! Anis nan kolfe. Hima kana kanan dhagahe Yunivarsiitii Finfinnee keessatti waggoota 30 dura ture. Namichis barsiisaa (lecturer) ture. Barumsi inni wayitii sanatti barsiisaa ture ‘Sociolinguistics’ jedhama. Wanti ani irraanfachuu dadhabe yeroo ormi dhimma keenyatti kolfu anillee wajjin kolfuu koo ti. Dheekkamuu yoon dadhabe callisuutu narra ture, natti fakkaata. Dallansuu agarsiisuu jechuu dha. Dallanuun koo dhiibbaa fidus fiduu baatus dhimmi itti baacame dhimma uummata kootii ta’uu agarsiisuun waan tokko ture! (Namichi immoo namni kolfinaaniif naa kolfani hoo jedheetu guyyoota adda addaatti irra deddeebi’aa ture).

Egaa dubbiin itti gala qabdi. Itti galli (ka’umsi) dhimma kanaa moggaasa qubee irratti ibsa xiqqoo kennuu dha. Moggaasni qubee ka’umsa guddaa of keessaa qaba. Warri duraan itti yaadanii moggaasan galata haa argatan. Moggaasni qubee akkaataa sirna dubbachuu Afaan Oromoo irratti kan hundaa’e ta’uu nuhubachiisa. (Afaanotni biroo hedduunis akkaataa dubbachuu afaanota isaanii irratti hundaa’anii qopheeffatan. Dhimma kana yeroo biroo itti deebina ta’a. Dubbii keenya irratti barreeffama kana akkaataan anitti qopheesse hangan danda’etti jecha tokko qofa qofaan kaa’uu dhaani. Jechoota lama sadii ‘walitti’ hidhuun dheerina barreeffama keenyaatiin wal biratti yeroo ilaalamu gaarii natti hin fakkaatu. Kompiyuutarris bakka duduwwaa dheeressee kaa’a waan ta’eef hin bareedu; bakkas nuuf hin qusatu!).

A,B,C,D… (a,b,c,d…) jennee qubee waamuun keenya itti gala qaba. Adeemsi moggaasa kanaa ka’umsa qaba. Ka’umsi moggaasa kanaa bu’uura amala Afaan Oromoo (Oromo language characteristics) ti. Maqaan Oromoos kana irratti hundaa’ee jira. Fakkeenya maqaa Oromoo mee haa ilaallu: Amantee, Ayyaantuu, Badhaasaa, Caalii, Dagaagaa, Dhaabaa, Dotii, Eebbaa, Fufaa, Gaarii, Gaaddisee, Hundasaa, Irrecho/Irresso, Jaatanii, Kamisoo, Korbessoo, Lammeessaa, Margaa, Morkaa, Nadhaa, Olaanii, Qananii, Reebu, Roorroo, Surraa, Suphaa, Tolaa, Turaa, Uummataa, Urgeessoo/Urgeechoo Waariyoo, Xaddachoo, Yaadanii/Yaadashii, Yuubee, Nyaaroo, Shuuramuu.

Maqootiin armaan olitti tarreeffaman akkaataa Oromoon maqaa moggaasuu fi waamu mul’isu. Sagalee fi sirna ykn seera afaanichi qabu irratti hundoofnee itti fayyadamna jechuu dha. Sagalee fi sirna afaanichaa tiin ala deemuu hin dandeenyu; yoo deemne illee ni dogoggorra malee waan firii qabu buusuu hin dandeenyu. Maaliif jennaan afaan sirna ittiin ijaarame qaba waan ta’eef sirna sana sirriitti hordofnee itti hin fayyadamnu taanaan ergaa dabarsuu hin dandeenyu waan ta’eefi!

Ormi keessa maqichaa hin beekne jibba mul’isuu danda’a. Jibbi kunis ka’umsa adda addaa qabaachuu mala. Ka’umsi jibbichaa inni tokko duuchaadhumatti “maaliifan dubba-tamuu afaanichaa dhagaha?” kan jedhu ta’uu danda’a. Inni biroo tokko immoo maaliif afaanichi as bahee mul’ata, maaliif guddata kan jedhus ni jiraata. Yaadni akkasii tarii afaan isaanii duraan hunda biratti beekameera jedhamu irratti dhiibbaa hamaa fida sodaa jedhu irraa kan madde ta’uu danda’a. Qubee irratti bifa baacootiin waan dubbatame kana mee haa ilaallu:

Ke abacada yishalal cemdaaddaa” jedhan. Jechi kun jibbas tuffiis of keessaa qaba. Itti galli isaa garuu deemee deemee qubee jibbisiisuu dhaan yeroo dheeraa keessatti akka inni hafu/badu gochuu dha. Keessumattuu daa’imman beenu galoo hin beekne jibbi akka keessa isaaniitti uumamu gochuu dha. Dhimmicha gadi fageenyaan yoo ilaaluu baatne qoosaa xiqqoo nama kofalchiisuuf yaadame fakkaata. Gadi fageessinee yoo ilaalle garuu summiidhaan makamaa ta’uu hubanna.

Wanti qoosaa fakkaatu biroo tokkos jira. Mee ilaalaa: “’Six’ sil yihenne new meshesh aalee”.Ishee kana cimsinee xiinxaluu qabna dhiiro dubaro! Dhimmichi isa qubeen Afaan Oromoof akka tolutti tolfame akka dogoggoraatti nama fudhachiisuuf kan yaalame. Qubee keessatti akkuma hundi keenya warri qubee beeknuu fi itti fayyadamnu hubannu qubeen “X” jedhamu maqaan biraa kennameefii sagalee Afaan Oromoo keessa jiru akka bakka bu’u godhameera. Kana waan ta’eef, jechi Afaan Ingilizii “six” (jaha) jedhu sababa “x”n Afaan Oromo keessatti jijjiirameef ijoolleen Afaan Ingilizii sirriitti hin dubbistu ergaa jedhu dabarsuuf waan itti yaadamee kaa’ame. Deebii sirreessaa dhimma kanaa gabaabumatti Afaan tokko yeroo barannu bu’uura amala afaanichaa fudhannee ta’uu qaba. Kanaaf moggaasa qubee dursinee barachuun amala Afaan Oromoo beekuuf gatii nu gargaaruuf. (Bal’ina isaa keessa ooluun mata duree keenya irraa maquu/qoluu waan ta’uuf hanga mata duree birootiin itti deebinutti bira haa tarru!) Moggaasa qubeetti yoo deebinu osoo dubbistootni keenya nu hin nuffin maaltu akka qubee adda taasisu waa xiqqoo ishee ilaallee xumurra. Qubee maaltu akka adda taasisu: Qubee wanti adda taasisu dhimmi guddichi qubeen (letter) tokko yeroo hundumaa sagalee tokko qofaa qabaachuu isaa ti. (Dubbistuun gabaabbachuu fi dheerachuun, dubbifamaan laafuu fi jabaachuun jijjiirama jechaa fiduun akka jirutti ta’ee!) Kana jechuun ‘a’ /a/ irraa eegalee hanga ‘y’ /y/tti ykn ‘z’ /z/tti qubeen tokko sagalee (sound) tokko qofaa qaba. Kun dhimma baay’ee guddaa dha. Barreeffamni afaanota biroo kanaan wal hin fakkaatan. Fakkeenyaaf, Afaan Ingilizii yoo ilaalle qubeen ‘a’ /a/ qofti berreeffama keessatti akki itti dubbifamu gara afurii ykn afurii olii ti. Fakkeenya: ‘a’n ‘art’ keessa jiru akkuma qubee keenyaa ti. ‘a’ n ‘wall’ keessa jiru sagalee ‘o’ qaba; sagaleen /a/ ‘age’ keessa jiru sagalee /e/ nuti jennu qaba; /a/n ‘village’ keessa jiru isa nuti /i/ jennu fakkaata. Afaan Inglizii keessa wantootni akkasii hedduudha. Qubeewwan osoo sagalee hin qabaatin callisanii barreeffamanis hedduutu jiru. (Psychology, knife, chateau…)

Qabxiin biroo tokko immoo qubeen (letter) tokko sagalee tokko waan agarsiisuuf barreeffama ammayyaa warra jedhaman keessaa isa tokko ta’eera. Tarii yeroo ijaan ilaallu baay’inni qubee haa jiraatu malee barreeffama ammayyaati qubeen. Warra “Alphabetic Writing” jedhaman keessaa tokko jechuu dha. Qubee ‘Sabean’ yoo fudhanne akkana miti. Jarri “syllabic writing” jedhamu. Qubeen (letter) isaanii tokko sagalee lama ykn sadii qaba. Qubee keenyaan wal bira qabnee yeroo ilaallu sadarkaa tokkoon duubatti hafaniiru jechuu dha. Kanaaf yeroo qubeedhaan barreessinu baay‘ina qubee (letters) tiin wal dorgomsiisuun (comparing) dogoggora; wal hin fakkaatan waan ta’eef. (Gama biroo tiin immoo fuul duratti mee dhimma qubee sakatta’uu – Review – irratti mariyachuu dandeenya)

Kanaaf akkaataan qubeen itti qopheeffamte bifa ammayyaatiin irratti yaadamee ti. Hayyootni dhimma kana irratti yaadanii qopheessan (Hayilee Fidaafaan) galata guddaa haa argatanu! Barreeffamattii kana beekaan gabaabse. Yoo dheerate nama nuffisiisa ta’aaf. Fincaan sangaa wanti jedhamu tokko jira. Barreffamni akkas ta’uu hin qabu jedheen amana. Gosti adda addaa baay’achuu wayya malee tokkichi gar malee baay’achuun hin bareedu natti fakkaata. (Kanaaf Ingliziin “variety is spice of life” jedhan). Mee isa dhufutti immoo bu’aa qubeen qabdu ilaalla. Ittiin nu haa gahu!

Qubeen Afaan Oromoo Faaya Oromooti!

Taaddalaa Tafarraa tiin!

Advertisements