Hordaan koo qalama ittiinan bajjii baasa
Oyiruun koo waraqaa irrattan barreessa
Midhaan facaaseetan hiyyummaa balleessa
Har’a ijaa ba’uuf doofummaa kaleessaa
Afaan koon haasawaan afaan koon barreessa
Qalama qawween koo waraqaadha dirreen koo
Dammaqsee nakakaasee jabeesse haamileekoo
Kan ormi bulchuu yaade jaarraa tokko hambisee
Hojjetaa godhachuuf barumsa irraa ittisee
Taaddee ilma Birruu kanatu aarsee kaasee
Ilmi Birruu Taaddeen dhalootaan salaalee
Kaayyoosaa bakkaan ga’uuf ofduuba hinilaalle
Sabasaa cunqursuuf kan ormi itti male
Ba’ee nurra taa’ee akka waan nucaalee
“Fallisaa barumsa” jedhee.. kallattiin ilaalee!
Marabbaa Ulfinaa tiin