Kaleessi har’a hin ta’u, borus miti iftaan
Wanta takkaa darbe hin qaqqaban bullaan
Yeroon nama miti na eegis hin jedhan
Yoo yerootti qoosan ofiin gaabbaa hafan
Namni har’arra taa’ee kaleessaan of tuulu
Jireenyasaa ari’aa kan darbeen madaalu
Isa boruu dhiisee kan tureen of kuulu
Maaddii one arraaba boru quufee hin bulu
Har’a ta’eet malee dur na ture arjaa
Jedhee namni of tuulu kaleessaan of jaja
Bor hirriba dhabee akka hin bulle gurjaa
Ammuma haa dammaqu osoo hin eegne ajaja
Yeroon nama hin eegu amma libsuu ijaa!
Gasharee Abdiisaa tiin