Qilleensarra kaatee yaadaan tabjaajja’aa
Jireenya mo’achuuf takka kufee ka’aa
Deemsa keessa lufe meeqansaa lakkaa’aa
Gocha tokko malee yaadasaan akaa’aa
Addunyaa xaxamtuu ishee hiika hinqabne
Joorsuuf jaamsuu malee boqonnaa hinlaanne
Nyaattee dhuguu malee nan quufee hinbeekne
Halkan guyyaa fiignee mo’achuu hin dandeenye
Ogeeyyiis gaafannee hayyuu biyya bulchu
Hiika addunyaa kanaa dadhabe nuulaachuu
Qotee bulaas taanee yookaan daldalachuu
Barataas taaneetu dhabneerra gammachuu
Abbaafi ilmatu didee waliin oodaa
Haadhaafi intalatu guyyaadhaan abjootaa
Falli ta’uu qabu kan ilmaan namootaa
Albuudni argamuun qabsoo dheeraan booda!