Maal fayyada barnoonni?

Barnoota.(2),hundumatu jaja,hundumatu faarsa,

Isaaf eebba malee namni hin qabu abaarsa,

‘’Ni baranna” jedha lallabee dhaadata,

Waa’eesaa dhaga’uuf gurratu oldhaabata,

Yoo ciises abjuudhaan samii cuunfee qora,

Ekeraa barnootaa waliin tulluu kora,

Xinnaafi guddaa hin qabu fudhachuuf fakkeenya,

Sagalee barnootatu dhaale dachee keenya,

Nama barates qabna nu’i kallattii maraanuu,

Kan qalama bitee qubee ittiin waraanu,

Kan mana kitaabaa hundumaa lixeeru,

Kan waan barreefame dubbisee fixeeru,

Qabna beekaafi hayyuu ogummaan akeeku,

Kan daakuufi daaraa fuulleetti adda baasee beeku,

Dooktera…Lawyera… Manaajera…

Pirofeesara… Injiinara… Maastera…

Daangaa hin qabu heedduu…

Lakkoofsa gonfoodhaan taaneerra kan weedduu

Yoo ta’es haa ta’u barnootni gaariidha,

Yoo baratan qofa sammuu gogaan jiidha,

Yoos karaa argatanii waan ulfaa’an da’u,

Yoos haalaan deemanii bakka yaadan ga’u,

Bukoon yoos bilchaatee dhamdhamnisaa tola,

Nama baratetu eenyumaasaaf lola,

Yoo barnoota dhabne nutti kolfa ormuu,

Barnootni gaariidha ani barnoota hin mormu,

Garuu… Garuu… Garuu…

Yoon barumsa koo kana gudunfadhee dhokse,

Yoon jiidhaa liqimsee of keesaatti gogse,

yoo beekumsa koorraa wallaalaan hin bariin,

Yoon qooda gumaachee sammuu doome hin qariin,

Yoon hundeesaa suphee seenaa jige hin kaasiin,

Yoon lammii koo tirsee goodaa keessaa hin baasiin,

Yoon safuuf gad jedhee tarkaanfii koo hin eegiin,

Yoon dhugaa mul’isuuf lubbuu koo hin wareegiin…

Maal fayyada barnootni maal bu’aanni laatu ?

Buddeena yoo ta’e ilkaansaa qabaannaan

kolfaniiyyuu ni nyaatu!

Lataa Qana’ii tiin

One thought on “Maal fayyada barnoonni?

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s