Argeera jedhanii yoodhuma ilaalani
Otoo hinhubatin yoodha haasa’ani
Osoo keessa hinbeekiin yoodha jaalatani

Oolee gaafa bulee maal ta’a laata innii?

Hunduu yeroo qabaa maaliif jarjartanii?

Hunduu yeroo qabaa mee hubadhaa laalaa
Yaada hedduudhaanis baay’isaa madaalaa

Hubachuumoo dhiisuu egaa kamtu caalaa?

Hunduu yeroo qabaa akkana hinta’iinaa

Sirriitti hubadhaa lakkii hingowwoominaa

Walis gaggaafadhaa calillee hinjedhinaa

Sirriitti xiinxalaa hindogongoriinaa

Hunduu yeroo qabaa kana hindagatiinaa

Geetuu Dajanee tiin

Advertisement

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s