mataa da’imaa irraa haadan keessaa buusan. Guyyaa gubbisaa ykn moggaassuu Aabbaan da’ima kanaa loon keennaf.

andhuraan:-horii Aabban ilmee kennu Loonsunosoodurattimaqaabiraaqabaatelleeirraa akka Aadaa Oromoo Booranaatti. jijjiiran, fakkeenyaaf Suukii, Obbol-bulee, Abbaa- Handhuuraa Oromoon durii qabdi. olee… Jedhaaniinillee irraa jijjiranii Handhuuraa Addunyaan ammoo dhiyoo erga baankiin dhuftee jedhaniin. Loon kun amma booda ka daa’immaa egalte(bookaccount)daa’imiiyoodhalatebanuufi. suniiti. Handhuuraa isaati (kaa dhuunfaa isaa Handhuuraallen akkasuma yoo daa’immii dhalattu akkaata armaan gadiitiin horii dhuunfaa isaa keennaniif.

Handhuuraan jechaa handhuura jedhu irraa dhufe. Handhuurti walakkaa nafa namaa taha gadittifi taha olii jidduu jirti. Ammas bakka garaa kessatti ilmeen hadhaa irraa sagalee(nyaata)argatuun.

Egii da’imii dhalate, Akkon handhuurtee, ykn handhuura irraa kuttee, haga diqa garaa da’imaa irratti hambisan. Handhuura irraa kuttan sun gorfoo hadhaa irratti hodhanii ykn ergamsatti hidhanii ol kaahan.

Kan gara da’imaa hafe dhadhaafi daaraa diqoo dibanii odoo hin dhukkubin irraa buha.

Handhuura Gorfoo haadhatti hidhan guyyaa kami gad baasan? Guyyaa gubbisaa ykn moggaassuu bakka kaahanii fuudhan.

Guyyaa kana handhuurti da’immaa ka gorfoo hadhaa ykn ergamsatii hidhan fuudhanii qorii

jechuu). Handhuuraan akka hedduu keennan yeroo yabbilee(jabbiilee) biratti daranii(dabalanii) kennanis ni jira.

Booranni Handhuuraa maaliifi ijoolleee kenna?

1. Egerii yoo guddate daa’imii kun akka hin rakkanneefi. Harka nama biraa laaluu hin qabu.Of dandayee, warra ofii, ollaa, fira fixaa(Fira maatii), gosa, saba akka qarqaruufi.

2.Daa’imiinamaadhalachuungammachuguddoo ,Abban daa’imaa gammachuu daa’imii sun maatii isaatti waan darameef(dabalameef) kennaaf.

3. Daa’imii diqqaan yoo diqqoo jabbeeffate ,ilmoole re’ee , yabbii, loon tissa, obaa (horii bisaan obaasuu), duulaa deemuufi sadarkaalee kanneen keessa darba.

Fakkeenyaaf tikaafi obaan dadhabbii qaba. Namni horii tokkolle achi keessaa hin qabne, yeroo hundaa kahii horii tiksii yoo jetteen ni ifata(ni nuffa). Kanaafuu gurbaan kun yoo guddatee tika horii gahe hin ifatu. Maalif yoo jennu innis horii achii kessaa qaba(share holder). Yeroo bonaa(caamsaa) akkamalee hammaate marraa(margaa)fi bishaan dhabanii bakka fagoo horii kana qabatee deema. Yoo lafti barbadaa marga barbaada.

Yoo dheebichaa bisaan barbaada bakka maddii bisaanii jiru horii qabatee deema. Tulaa, adaadii, eela, fi waan kana fakkaatan. Horii keenna osoo hin taane horii kiyya jedhee guddoo jabbeessaa.

4. Maatiin tokko ijoollee hedduu dhalan.

Namuu bifa kanaan tika horiif gaheesaa baha. Fakkeenyaaf, -nama re’ee tissuu jira -nama loon tissuu jira. Nama yabbii agooroo(Jabboota) tissuu jira -nama loon aawwichaa(Saawwan) tissuu jira -nama gaala tissuu jira -nama Ogoree gaalaa(ilmoolee Gaalaa) tissuu jira -nama Aawwicha gaalaa(Gaala dhaltuu) tissuu jira -nama korma gaalaa tissuu jira.

Akkuma maatiin kun horii qabuun tikaa horii addaan baasan. Ijoolleen maatii kanaa dhiiraa dhalaan namuu handhuuraa ofii keessaa qaban.

5. Abbaan ijoollee osoo kan waaqaa itti dhuftee(du’e) ijoolleen tun hundinuu waan ofii durattuu qabdi waan tayeef dhaalaa irratti wal hin dhabdu(loltu). Ijoollee hundaafuu umrii ijoollummaatti handhuuraa odoo wal hin caalsiisne kennaniif. Nami waaqii horsiiseefi isaattu horee carraa handhuuraa isaa waan tayeef namni tokkollee ittiin hin falmu.

Fakkeenyaaf Haadhaafi Abballeen osoo namaan qarqaruu barbaadanillee eeyyama gaafatan malee jalaa hin tuqan. Garuu yoo eyyamma argatan waan barbaadan tolchan.

Lalistuu Tofiq Hasan

Booranaa Yaabeelloo irraa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s