Hir’inaafi hiyyuma mataa isa cabseef kan hin jilbeenfanne, halkaniifi guyyaa jireenya qabsoo abbaafi haatisaa keessa ce’anii as ga’an homaattuu kan hinlakkoofne Sarbeessaan ilma maatii qotee bulaati. Gidiraa ijoollummaan mataa isa cabsaa ture hunda har’a irra taa’ee gaafa yaadu himala inni taasise hundi har’a isaaf mudannoo godaannisaa hindagatamnedha. Sammuusaan kanatti qabamee mul’ata fuulduraa kan akka abiddaa keessaa belbelu ukkaamsuu hinbarbaanne.

Abjuu guddaa tokko qaba; innis abjuu saayintistu-mmaati! Waan naannoosaa jiraatan hunda ija falaasamummaatiin ilaala. Mukti, baalli, dhagaan, margi, biqiloonniifi ilbiisonni maal isaan? Ija akkamiin ilaalamuu qabus? kan jedhu gaaffii Sarbeessaa isa guddaadha. Barri dhalootasaa 1978 godina Wallagga Lixaa aana Boojjii Birmajjii yoo ta’u, kutaa 1-4 qofa achitti barate. Kana booda sababa du’a akka tasaa abbaasaa Jaal. Immaanaa Inkoosaa irraan kan ka’e, iddoo sana gadhiisee gara magaalaa Naqamtee dhaquun mana namaa taa’ee waggaa lama erga hojii humnaa hojjeteen booda mana barnootaatti deebi’e.

Sarbeessaan akka tasaa gadda sanarraan kan ka’e waan biyyaa ba’eef, haati isa deesse aadde Bookashii Daraaraatti lafti dukkanoofte. Gaddarratti gadda hamaa ilma tokkittii ija keessa ilaaltu sana of duraa dhabuufi du’a abbaa manaa.

Utuu mucaa tokkittii qabdu kana achi buuteesaa quba hinqabaatiin waggaa torba guutuu akka imimmaan cobsitetti turte. Sarbeessaan mana abbaa ormaafi haadha ormaa keessatti hedduu gidirame. Hojii mara hojjeta. Inni ergaa biraa deemee ammas ergaan biraan jiraannaan isuma eegu malee ijoolleen warra maatii obbo Fedhasaa Jiraataa ergaafi kurkurrii manaaf alaa hin jaallatan. Qananii qabu. Sarbeessaanis ergaa tokko dhaqee ergaa lammaffaaf yeroo qajeelu utuu imimmaansaa toora afuriin fuulasaarra asii gadi dhangalaasuu dhaqee deebi’a. Guyyaa dhalootasaa abaaruurra darbee gaafa inni tarkaanfii du’aa fudhachuuf aggaame hedduudha…

Jireenyi maali? Hiikkaansaawoo? Namni maaf lafa kanarratti akkas baay’ate? Carraan akkamitti kaan sooressa kaan ammoo hiyyeessa goote laata? Kaan fayyaa kaanimmoo dhukkubsataa maaf ta’a? Uumamni kun kaan adii kaan ammoo gurraacha inni kaanis magaala kunis maaliif? Namni hammamiifi hamma eessaatti jiraata laataa? Kaan waan nyaatu dhabee kadhata; kaan ammoo quufee ittiin taphata. Kun hiree ofiitimoo kennaa uumaati kan jedhu gaaffiilee sammuu Sarbeessaa keessaa dhidhiittatan keessaa isaan muraasadha. Qabsoon jireenyaa kan haatisaa hojii mana namaa hojjechuutiin nyaata isheedhaaf kennamu ukooshee jala kaa’attee tokkichashee kana ittiin guddisaa turte Sarbeessaatti gaafa yaadataman ammoo dhaabbachuu dadhabee yeroo inni itti ofirra gadi quphanaa ture hedduudha. Yeroo hunda hojii walfakkaataa irratti kan waliin bobba’an hiriyyoonni yeroo ergaaf kaayyoo walfakkaataaf waliin walfakkaatan wal argan kan akka Elemoofi Likkaasaa yaadaan baduu Sarbeessaatti gaaffii cimaa keessa seenanis dhoksaasaa bira ga’uu hindandeenye. Tuttuqanii yaadasaa bira ga’uuf dhama’uun cinatti isa jajjabeessuullee baay’ee dhama’aa turan. Keessumattuu Likkaasaan ‘Jabaadhu’ obboleessakoo gaaf tokko nuufis nidarbaa,…’obsi dhagaa cabsa’, obsaan xobbee bilcheeffata’ jechuun yoo itti mammaakellee isaaf homtuu hingalu. Farda yaadaatiin galaana yaadaa keessa gulufa. Yaada walxaxaa kan mataaf miillisaa dhokatee jiru.

Addunyaa kanatu gaaffiin jalaa guutamtee deebii jalaa dandamatte. Sammuu Sarbeessaa keessa gaaffii malee deebiin argamee hinbeeku. Addunyaa gaaffiidhaan guutamte keessatti deebiin mana eenyuutti akka argamu barbaadee dhabe. Elemoon gidduutti Sarbeessaafi Likkaasaadhaa walitti guguungumaa jiran itti dhufee nagaa Waaqaa erga gaafateen booda kottaa walfudhannee biyya kana gadhiisnee dhaqneetuma mana xiqqoo kireeffannee hojii humnaa kan guyyaa hojjechuun walguddifannaatii jedheen.

Sarbeessaan gidduutti yaadaan akka baduu ta’eetu qalbiisaa keessattis, wayyoo yaa haadha nadeessee mucaankee jooraan jooratti darbaa haftiiree? ‘Quuqqaa cinaacha jalaa abbaatu beekkata’ jedheetu ammas imimmaan ija calale. Kana booda dhagaarra ququphananiitu akka sa’a walakkaaf mariyatan. Likkaasaanis “maaloo hiriyootakoo rakkoo keenya ammaa kanaan abdii kutachuu hinqabnu; maaltu beeka? gaaf tokko barri itti ofirraa hafnee namayyuu gargaarru nidhufa ta’a” jedhee jajjabeessuu jalqabe. Yeroo ijoolleen warra maatii gaarii qabanii taa’anii dabtara isaanii dubbisuu qofa malee hojii humna gaafatu kamiyyuu hin hojjenne taa’aniitu ijaan hawwaa garaan isaanii ammoo mooga’a ture. Likkaasaanis ta’e Elemoon guyyaa hojii humnaa hojjechaa halkan barnoota galgalaa baratu turan. Likkaasaan sa’a laaqanaa gadi hojii kophee qulqulleessuufi sa’a boodammoo buufata konkolaataa Naqamtee keessatti iddoo namaaf qabeetu qarshii funaannata. Elemoon ammoo sa’a laaqanaa gadi saawwan gara laga Soorgaatti yeroo geessu sa’a boodammoo yeroo hundaa kophee qulqulleessuun qabsoo jireenyaa geggeessata ture. Guyyaanis darbee waggaanis dhufee dargaggoonni kun walfudhatanii magaalaa Naqamtee gadhiisuu akka qaban murteeffatan. Guyyaansaa Jimaata hagayya 1996 galgala naannoo buufata konkolaataa cina fuuldura mana Obbo Olbaanaa Guyyaasaa jala uffata bututaa tokko mataa isaanii qofarra buufatanii bulanii Sanbata ganama kan qorri guutummaa qaama isaanii callabbeesse achii ka’uun konkolaataa gara magaalaa Amboo dhuftu keessa seenan. Waanuma hojii humnaan walitti coratan keessaa gatii konkolaataa sanaa kaffalatanii adeemuun Amboon utuu hinga’iin magaalaa Gudar akka ga’aniin Sarbeessaan achumatti bu’uu akka qaban murteessuun mariyachiise.

Magaalaa Amboottis dhiyoo akka jiran namoo-tarraa erga qorataniin booda achumatti lafa bubu’anii mana nama yeroof galanii booda garuu mana dhuunfaasaanii walitti dugda bitatan barbaacha ba’an. Namni manasaatti simatu dhabamuusaarraan kan ka’e, gara sa’a sadiin ol erga jooraniin booda ammas dhaqanii mana bulaatii tokko gatii salphaan kan waanuma argatan afatanii lafa bulan qarshii kudhan kudhaniin argatanii guyyaa tokkoof achuma bulan. Kan karaan karaatti darban keessatti akaayii magaalaa Gudar bitatanii isa alanfachaa bulan. Kana booda kottaa mana kiraa fudhannee jiraannaa jechuun walitti buufachuun qarshii jaatamaan mana argatanii jiraachuu eegalan. Likkaasaan Warshaa Bishaan Amboo keessaa hojii argate. Hojii humnaa haa hojjetu malee, akkaataan warshaan sun itti hojjetuufi adeemsa ittiin meeshaaleen ammayyaa kun bishaan uumamaa kana gara kan biraatti jijjiiruun galii gaggaarii argamsiisuu danda’anirratti ni raajeffata ture. Hojiin kunis utuu isa hin ajaa’ibiin waan kanarra guddaafi olaanaa ta’e dhalli namaa kun kalaquu akka danda’u yaadasaatti murteessee gaaf tokko haala itti bishaan lafa keessaa baasuun dhimma guddinaafi dagaagina biyyaafi uummataatiif oolchanirratti yaadaan waxalamuu eegale. Elemoon ammoo Warshaa Rasaasa Sanqalleetti hojii xiqqoo argate. Warshaa rasaasaa kana keessatti namoonni ga’ee gurguddoo qaban lammiiwwan dhigasaatii yoo ta’uu baatanis, gaaf tokko abbummaa ogummaa hojichaa akka gonfatu garaasaa keessatti qabate. Hojii kanarra caalu kan addunyaa kana afaan qabachiisuu danda’us akka kalaquu danda’u shakkii tokkollee hinqabaanne. Waan nuuf mul’aterra waan nujalaa dhokatee jiru caalus, waan dhokate marti “gaaf tokko mul’achuu danda’a” jedha Elemoon. Keessumattuu gaafa akkaataa teessumaafi albuuda Oromiyaa keessa jiru mara raajeffachuu jalqabu akka nama raata’eefi yeroo namootaaf yaada kana qoodus akka nama sammuun butameetti dubbata. Inni garuu mul’ata keessasaatii isa dhikkifachiisu sana malee miira kamiinuu geggeeffamee miti. Hiyyuma har’a isarratti waljijjiiran duubaan badhaadhina hammaaramee hindhumne ija lammaffaatiin ilaala.

Sarbeessaan ammoo lafa naannoo uummata Maccaa keessaa, keessumattuu naannoo lafa Amboo keessa albuudawwan akka warqee, diyaamandiifi kanneen akka ashaboo akka ba’uu danda’an garaansaa qeequutiin akka horii suufaa bartee bosonaafi lafasaarra naanna’aa oolee galgala deebi’ee manatti gala. “Wayyoo yaa albuuda lafa Oromiyaa keessaa maaloo yaa Rabbi aluma tokko ijakoo naabani anis sabni ani keessaa dhaladhe kunis akka rakkoo hiyyuma kallattii hedduu keessaa ba’uuf” jedhee guguungumaa deema ture.

Yaadni gurguddoon keessoo Sarbeessaa keessaa wal lolanis, albuuda kana yoon qoradhee bira ga’e dura eenyuttan gabaasa godha? Eenyutu itti waamama? Eenyutu fayyadamaa ta’aa? Hoggansasaatiif caasaa akkamiitu ijaaramuu qaba? yoo albuudni lafa keenya keessaa waggaa miliyoonotaaf dhokatee ture kun dhodho’ee ba’u ammoo, inaaffaa akkam akkamiifaatu nurratti ka’uu danda’a laata? Haala kamiinis gargaarsi walqixxaataan lammiilee laficharratti abbaa biyyummaa qaban kanaaf qoodamuu danda’a?, qorattoota ogummaa isqaaniitiin waan kana haala saaynisummaatiin ifa godhan meeqatu biyya akkam akkamiitti leenji’uu qaba laata? kan jedhuufii kan kanafakkaataniidha.

Hiriyyoonni Sarbeessaa eessa akka inni oole gaafatanii qarshii walitti buufachuuf yeroo yaadasaa hubachuu barbaadanitti inni naanna’ee lafaafii uumama faana dubbachuu malee hojii humnaas gaafa sanaa ka’ee akka hin hojjenne ofiisaaf waadaa gale. Hiyyumni cimanii hojjechuudhaan akka cabuufi murannoo, kutannoofi obsa akka barbaadu qofa hubatee qabsoo yaadaan garaa lafaa isa akka galaanaa yaadamee bira hinga’amne keessa markaba yaadaan burraaqsa eegaleera. Sarbeessaan amala addummaa qabuun yeroo karaa deemullee haasaa baay’ee hin leellisu. Qaamaan lafarra deema malee yaadaan guutummaa addunyaarra akka Joobiraa takka ol fagaatee takkammoo gadi bu’ee waan balali’u fakkaata. Dhoksaan durii durii waggoota miliyoonotaaf dhokfame ifa haaba’uun dhaadannoo lapheesaa yeroo hundaati. Akkasittiin gara waggaa saddeetii dabarse. Elemoofi Likkaasaanis isa inni dur yoo aare xiiqeffannaa onneesaa keessaan boo’uuf jedhaniitu “kottu Sarbeessaan waanuma nuti argannu kana nufaana haanyaatu malee kana sanas godhi jennee hinrakkisnuutii” jedhanii waliigalan. Jaalala hammas hinjedhamnetu waan isaan gidduu jiruuf qabeenyaa walumatti qabu malee hinaaffaa hamaan tokkollee isaan gidduutti hinargamne.

Sarbeessaan gaaf tokko hidda mukaa kan Odaa fakkaatu tokko jala gadi taa’ee utuu lafa qoroqqoruu dhagaa calaqqisaa hamma barruu harkaa geessu tokko fudhatee gaafa manatti galu, maalummaa dhagichaa gaafa hiriyyoonnisaa gaafatan “anuu dhoksaasaa hinbeeku” jedhe Sarbeessaan. Garuu bulanii gaafa dukkaana tokkotti geessanii agarsiisan Warqee ta’ee argame. Abbaa mana Warqee magaalaa Amboo tokkotti geessanii akka gurgurachuu barbaadan gaafa itti himan namichi qarshii kuma afuriifi soddoma kaffallaaniif gammadanii fudhatanii fiiganii manasaaniitti galan. Kana booda Waaqayyo rakkoo keenya keessatti nuyaadateerakaa jedhanii ija keessa wal ilaalanii akka abjuu ta’anii yaadan babbadan.

Sarbeessaanis namoota konkolaataan Finfi-nneedhaa gara biyya harmeesaatti darbaa jiran argatee Poostaa biteetu xalayaa gabaabduu akka armaan gadii kana jettu faana qarshii dhibba afuriifi soddoma gudunfee bakka argamasheetiin ergeef.

Haaga’u nagaankoo gara haadhakoo anaaf jettee wayyaa dhiistee daaraa uffattee naguddiste deesseekoo Bookashii Daraaraa. Attam naaf jirta? Ergan gaafa aarii gaddisiisaa sanaan manaa ba’ee kaasee guutummaan hafuurriifi yaadnikoo sifaana jirti. Keessikoof duubnikoo dhukkuba garaachaa kan maddisaa dhiphinaan guutameen waxalamaa turte. Deesseekoo du’a abbaakootu biyyaa nabaase. Ani tokkichikee Sarbeessaan kophaatti sigatee baduunkoo sijibbaaf miti. As ilaalee achi ilaaleen of ajjeesuurra baduu wayya jedheen biyyaa ba’ee akka bineensa abaaramee takka mana takkammoo ala buluun utuun jooruu kunoo magaalaa Gudar jedhamtu ga’een jira. Taa’ee isa ati anaaf jettee kadhattuu taatee akka haadha sinbiraa qoonqookee bira dabarsitee afaan nakeessu, qullaa deemtee anaan daara nabaastuufi ofirra naraffistee mataakoo qaqqabattee imimmaan narratti ‘xop xop’ gootu sana obsuu dadhabeen akka nama sijibbee bineensa gidduutti sigatee sokke. Haadhako! Ani mucaankee gaaf tokko akkan harka siqabu shakkii hinqabaatiin; gaddakee gammachuutti, boo’ichakee sirbatti siifan geddara. Garuu maaloo aariif jettee lubbuukeetti hinmurteessin. Jireenyatu najoorse. Warreen abbaa qaban yeroo gammadanii baratan ani garuu garaa hooqqataa isan daree taa’u sanan obsuu dadhabeem. Nyaata madaalamaa jedhamu isan daree taa’ee baradhu qabatamaatti manatti arguun dadhabe. Akkan garaakoo qooqqifadheefi qooqettan oola. Nyaata gaarii dhabuun ijoollummaan lafeen bakkeetti nayaatee nama umuriin dulloome nafakkeessiteetti. Siinis hidda fuulakee tokko tokkoon mul’atu sana taa’ee ilaaluufi isa yeroo baay’ee dhukkubni inni maddisaa rakkoo keenyaa ta’e sun sitti hammaachuun murtii kana nafudhachiiseera. Deesseekoo maaloo lubbuunkee naaf haatutturukaa…waaqayyo anaaf siin utuu ijaan wal hinargisiisiin nun ajjeesiinkaa!

Mucaakee Sarbeessaa Danboobaati.

Guyyaanis darbee waariin waariitti harka kennattee turtii waggaa sadiin booda mana barnootaatti deebi’eetu Sarbeessaan Gudaritti kutaa kudhan xumuree qabxii kutaa kudhanii gosa barnootaa hundaatti ‘A’ fidee afur fiduudhaan kallattumaan ‘scholarship’ argatee biyya Jarman deemuun digirii tokkoffaasaa utuu qorataa jiruu gaafa gosa barnootaa irratti hojjechuu barbaaduu filatu waa’ee albuudaa qorachuu akka qabu yaadasaa barsiisotasaatti ibsate.

Utuma kanaan jiruu digirii tokkoffaasaas qabxii olaanaa galmeessisuun achumaan digirii lammaffaasaas itti fufee xumuruun beekumsa argatee dhufe sanaan achuma lafa ijoollummaasaatti mul’ata keessasaatii dhikkifataa ture Oromiyaatti deebi’ee qorannoo albuudaa lafa keessaa geggeessuu jalqabe. Akkuma deebi’een Likkaasaafi Elemoo dafee argachuu hindandeenye. Hiriyyootasaa kana faana Sarbeessaan qabsoo jiraachuuf jecha taasifamaa ture mara waan yaadatuuf garaansaa yeroo mara hiriyyootasaa kana faana jira. Likkaasaan Yunivarsiitii Finfinneerraa Muummee Keemistiriirraa akka qorataa jiruufi Elemoon ammoo Yunivarsiitii ‘Aarbaa Minci’ irraa Takinooloojii bishaanii akka qorataa jiran boodarra dhaga’ee garaansaa guddaa gammadeetu hiryyootasaa kana barbaacha torban tokko isa fudhateetu dhaqee hunda isaanii walitti qabee marii guddaa geggeesse. Mareesaas akkas jechuun eegale. Hiriyyootakoo ishee waliin dabarsine sana haayaadannu.Ishee waliin qabsoo hadhaa’aa, nyaata dhabnee waliin gaaf meeqa boo’aa bulle sana. Ishittii utuu abbaa qabnuu abbaa dhabnee abba ormaafi haadha ormaa ija keessa ilaalaa imimmaan keenya xuruurfataa turre sana. Amma garuu barri sun dabarteetti. Anis qorannoo guddaattan jira jedhee hoteela Abbaa Gadaa jedhamu kan magaalaa Adaamaa keessa jirutti walitti dhufuun guyyaa shan erga waliin dabarsaniin booda, Hoj-mannee walii kennanii gargar ba’an. Waggaa afur booda Sarbeessaan dachee Oromiyaa keessaa iddoo sagalitti albuuda gati-jabeeyyii gurguddoo gatiin isaanii addunyaarratti baay’ee mi’aa ta’an argatee meeshaa biyya Awurooppaatii fichisiiseen akka malee budduqsee yaasuun ‘Waldaa Burqaa Albuuda Oromiyaa’ jedhamu hundeessuuf siidaa dhagaa kaa’ee, kan ardiilee torbanirratti ifa gochuu akka danda’uufi gabaaf bobba’uu akka danda’u wixinee kaa’e. Gamoo gurguddaa godinaalee Oromiyaa mara keessatti ijaarsisuufi, manneen bashannanaa gita isaanii akka addunyaatti eeggatan hunda ijaarsisee namootni biyya ambaatii dhufan achi jala akka boqochuu qabanitti yaadasaa tumsuun yaada hunda gala (general concept)lafa kaa’e. Elemoon ammoo bishaan gurguddaa Oromiyaa keessa jiran irratti qorannoo gurguddaa saddeet erga geggeesseen booda bishaan Oromiyaa keessaa maddaniifi kan laga Mormor hundi walitti dhufanii lafa Oromiyaa hundarratti akka dhangala’an gochuun kuduraaleef muduraaleen bonaa ganna akka lalisan gochun Oromiyaa hunda quubsuuf akka biyya ambaarra warra rakkataa jiraniif fe’aman ta’uuf karoora baase.

Likkaasaan ammoo warshaalee Oromiyaa irra jiran hundaaf dayirakteera ta’uun akka diinni hamaan eebba isaaniitti hinbuuneef meeshaa ittisa biyyoolessaa jedhamu elementoota garaagaraarraa a hojjechuun daangaa guddaa Oromiyaaf tumse. Likkaasaan ogummaa barateen si’achi qilleensa biyyoo biyya abbaasaatiif waan qulqullaa’aafi madaalamaa fayyaa namaatiif gumaachu hojjechuuf yaadaa qaba. Waa’ee wal-nyaatinsa elementootaatiin dhugaatiifi nyaata qaama ilma namaatiif mijatoo ta’an akka oomishuu danda’urratti ofiisaa faana qorannoo dhuunfaa dheeraa geggeesseera. Soorata gara dhangala’ootti jijjiiramuun hospitaalota addunyaarratti raabsamuu danda’an kan dhukkubsattoota qaama suphuufi jabina guddaa kennuu danda’an kalaquu akka danda’u hayyoota ogummaa akkasaa muuxatan faana marii bal’aa geggeessee ture. Gosa nyaataa kan dhukkuba dhiibbachuu danda’aniifi keessumattuu daawwaa jabanaa bitatanii of wal’aanuu warra hindandeenyeef furmaanni akka soqamuu qabu yaadaan mala dha’aa turus qabsoo yaadaa gara sammuusaa dhufaa jiru kana akka barbaachisummaasaatti itti adeemuu akka qaburratti yaadaan waxalameera. Sarbeessaan haadhasaa ofitti fudhatee akka isheen bara jireenyashee guutuu boqottuuf mana warqeen faayame ijaarsisee keessa kaa’ee haadha biyyaa ishee kabajamtuu akka jedhamtuufi teessee hamma boqonnaan lafa kanarra jiraattutti aara galfii guddaasaa akka argattu taasisuuf karoorfate… Karoorfannaa booreef xiiqiiti. Waan guddaa tokko yaada; innis waa’ee tarsiimoo raawwii mul’atasaati. Haala kamiin hojii guddaa akka hojjechuu danda’uufi namoota mul’atasaa waliin adeemuu danda’aniifi mul’atasaa sanarratti nama yaadaan tokko ta’an barbaacha yaadasaan himale. Himala yaadasaa waraanedha. Sarbeessaan albuudni Oromiyaa keessaa burqu kun gaafa warshaa ‘Gadaa International Foundation’ yookaan ‘GIF’ jedhamu keessatti adeemsi wal-nyaatinsaa taasifamu ibsaan humna bishaaniin qofa utuu hintaane humna qilleensaafi aduutiin akka madduufi faayidaan isarraa argamu ammoo Oromiyaan addunyaarratti beeksisuufi hojjetaa jira. Sarbeessaan humna meeshaalee ammayy-aatiin qabamuu hindandeenye garuu odeeffannoo mara qilleensaafi waajjiroolee mootummaa garaagaraarra naanna’ee deemuun galmee-ssee iddoo ‘SPTV’ jedhamu tokkotti dhiyeessu argate. Meeshaan ammayyaa kun tajaajila hedduu waan of keessaa qabuuf fageenyaan hinmurtaa’u. Ardiilee torbanirratti dalagaalee raawwataman mara iddoo tokkotti walitti sassaabuu danda’a. Rakkoo ka’aa jiruufis fala atattamaa dhiyeessuu danda’a. Odeeffannoo arge hunda saaxiluudhaaf ragaan akka dhaabbatu isa hinbarbaachisu. Meeshichi waan dhiyeessu mara fakkiin deggaree dhiyeessa. Hojiilee ija dhalootaan hinargamne kan meeshaa ammayyaa shifargaan (microscope) argamuu hindandeenyetu meeshaa Dirribsaafi hiriyyoonnisaa walitti dhufuun kalaqan kanatu ifa godha. Kanumarra darbuun lafa Oromiyaa irratti manneen gurguddoo ijaaramanii garuu hammam guddatanis xiyya xixiqqaatiin ajajaman; jechuunis yoo barbaadan kutaalee garaagaraatti akka qoodaman kan taasisuufi yookaa ammoo guddisee lafa guddaarra diriirsuufi xiqqeessisee iddoo xiqqaarra akka qubatu taasisuu kan danda’utu kalaqame. Kana booda namoonni maqaa hiyyummaafi doofummaa, beelaafi dheebuu, cunqursaafii gidiraa garaagaraa deebi’anii hinargine; namni hunduu akka malee waljaallachuu jalqabe; inni abbaaf haadha hinqabnellee akka waan abbaaf haadha qabuutti gammadee waliin jiraata malee cunqursaan hunduu hundeedhaan buqqa’aniiru. Sarbeessaa, Likkaasaafi Elemoon qorannoo ciccimaa kan guutummaa addunyaa irratti isaan beeksisu hedduu erga galmeessisaniin booda, lafa jireenya isaanii pilaaneetii ‘ORBIA’ jedhamurra godhatanii uumaa kanaa gaditti waan hedduu qoratanii ifa gochuu danda’aniiru. Egaa kana booda gidiraaf irakkoon lammata akka biyyoo biyya abbaa isaanii keessa hinseenne mirkaneeffachuuf akka kana jedhanii walfaana mammaakan. ‘Bookeen gurra arbaa seentus baatus arba homaa hingootu, gowwaan aannan gaalaa yoo liqimsites, yoo tuftes niduuta jennaan afaanitti baatee du’e jedhama…

Barreessaa fi Qorataa Afaanii Beekan Gulummaa Irranaa tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s