Dhaabbanni Baraarsa Daa’immanii (Save The Children) biyyoota 120 keessatti kan hojjetu miseensa gurmuu dhaabbilee Baraarsa Daa,immanii Addunyaati.Itoophiyaa keessatti hojii kan jalqabes gargaarsa namoomarratti xiyyeeffachuudhaani.Gara boodaattimmoo misooma egereerratti xiyyeeffachuudhaan daa’imman balaaf saaxilaman gargaaruurratti fuulleffate.
Dhaabbilee Baraarsa Daa’immanii torban (Kanaadaa,Denmaark, Finland,Noorwee Suiidin,UK ,US)waliin ta’uudhaan jireenya daa’immanii fooyyessuurratti xiyyeeffatee Itoophiyaa keessatti hojii eegale.Kaayoo,sagantaa fi tarsiimoon Save The Children sadarkaa addunyaatti ilaalcha jijjiiramaa barsiisuu,bu’aa itti fufiinsa qabu sadarkaa olaanaadhaan galmeessuu fi gamtooma ijaaruudha.Sagalee daa’immanii ta’uudhaan jijjiirrama bu’aa dhugaarratti hudndoofnee rakkoo daa’immanii haala milkaayeen furuuf hojjenna.Galmi Save The Children karoora tarsiimoo bara 2016-2018 irratti hundaayee baafate bara 2030 tti “Daa’imni Tokkollee Bara Dhalootasaa Shanaffaa Hinguuti Dhibee Silaa Fayyisuun Danda’amuun Akka Hinduune hojjechuu,daa’imman hundi barumsa bu’uraa gahaa fi qulqullina qabu akka argatanii fi miidhaa kamirraayyuu eegamuu qabu.Galma kana milkeessuufimmooDaa’imman danuu miidhamanii fi carraa hundaraa fagaatan xiyyeeffannaa addaa argachuu qabu.
Save The Children galmawwan Afur qabatee ka’e keessaa
-
nagummaan qaamaaf sammuu daa’immanii eegamuusaa
-
daa’imman akka umuriisaaniitti barumsa argachuu fi sammuudhaan gudachuu
-
Nyaata gahaa fi madaalamaa argachuu
-
tajaaila fayyaa argachuu
-
egeree jireenyasaaniif gama wabii nyaataa, dinagdee abdachiisaa fi bakka(mana) jireenyaa qabaachuusaanii mirkaneeffachuufaadha.
MUL’ATA
Addunyaa mirgi kunuunfamuu,guddachuu , jiraachuu fi hirmaachuu daa’immanii keessatti dhugoome arguu
ERGAMA
Haaai addunyaan daa’imman itti kunuunsitu
Mijeessuu fi jireenyi daa’immannii haala gaariin jijjiiramuusaa arguu
DUDHAA
Itti gaafatamummaa
qabeenya keenyatti sirnaan fayyadamuu keenyaaf itti gaafatamummaa dhuunfaa keenaa fudhanna
.Bu’aa mul’chuu danda’u galmeessina.
.Deggertoota,michootaa fi hundaa caalaammoo daa’immaniif iti gaafatamummaadhaan hojjenna.
HAWWII
Ofii keenyas taane miiltoowwan keenya jireenya daa’immanii fooyyessuuf kaayoo guddaa qabanne kutannoodhaan dhugoomsuuf wal onnachiifna
WALTUMSUU
Walkabajna, garaagaummaa keenyaaf gatii walliif kennineemichoota keenya idil addunyaa wliin waljabeessinee jijjiirama jireenya daa’immaniif hojjenna
WAAN HAARAA BARUU (uumuu)
Nuti yaada haaraa fuhachuuf qopheedha,jijjiiramas nisimanna,rakkina daa’immanii haala waaraadhaan furuufis itti gaafatama fudhannee waliin hojjenna
OFTTI AMANAMUMMAA
Ofitti amanamummaa fi naamusa olaanaadhaan hojjechuuf carraaqna.kabajaa keenya homaatiinuu hinjijjiirinantaa daa’immannf hojjenna
SEENAA
Waaaaaajjirri Save The Children dame Amboo magaalaa Finfinneerraa gara dhihaaatti fageenya KM 114 irratti naannoo Oromiyaa,godina Shawaa Dhihaa aanaa Ambootti bara 2011 hundeessame.Bara 2915 irraa eegalee hojjetoota 99{dhiira 76 fi dhalaa 23)qabatee hojjetaa jira
MICHOOTA MUUMMEYYII
sadarkaa adda addaa,manneen barnootaa,maatii barattootaa,barsiisota,barattootaa fi hawaasa bal’aa walii michoomaan hojjeta.
QABIYYEE SAGANTAALEE
Sagantaalee ijoo Afur kan deggersaan bulan of keessaa qaba Isaan kunneenis
-
barnoota bu’uraa,
-
guddisaa fi kunuunsa daa’immanii sadarkaa duraa
-
nyaataa fi fayyummaa manneen barnootaa keessatti
-
misooma dargaggootaa
-
dabaliisa lakkoobsaa
-
dagaagina barreessuuf dubbisuu
-
daa’ima tokko barsiisuu…kkf sagantaalee ijoo Save The Children waajjira dame naannawa Amboo ti.
KENNIINSA TAJAAJILA ISPOONSARAA
Manneen barnootaa 102 kanneen aanaalee Dandii,Amboo,Tokkee-kuttaayee Ejeree keessatti argaman ispoonsara argatu. Walumaagalatti barattooti 18,064(dhiira 9234 fi dhalaa 8830) kallattiidhaan fayyadamtoota ispoonsaraa yammuu ta’an maatiinsaaniimmoo alkallattiidhaan fayyadamtoota ta’u.
`Daa’mni ispoonsara argatu martuu deggersa jireenysaa jijjiiru fi kan lubbuusaa baraarsuu danda’uuf argachuuf yooxqqaate torbanitti altokko sagantaa deggersa ijoo tokkorratti hirmaachuu qaba.
PIROJEKTOOTA QORANNOODHAAN ADDA BAAFAMAN
-
Sadarkaa Barnootaa Guddisuu
-
Lakkoofsaan Gudisuu
-
Tokkoon tokkoon Dargaggoota Oladeemoof Mirga walqixxummaa Kornayaa kabajuu(10-14)
-Sadarkaa mana barumsaatti saamunaa omishuun pirojektoota waajjira dame Ambootti qorannoodhaan adda baafaman keessaa isa tokko.
-Dhimmi furtuun gara biraanimmoo tarsiimoo ijaarsa humnaa fi qaamolee qooda fudhattoota cimsuu,hawaasa hirmaachisuu fi irratti hirmaachuudha,aadaa walta’iinsaa ijaaruu,qabeenya gamtaadhaan bulchuu danda’uu,caasaalee waajjiraalee mootummaa qooda fudhattoota ta’an deggeruu fi jajjabeessuu,ragaalee fi odeeffannoo sirnaan galmeessanii olkaa’uu fi muuxannoo gaggaarii waliif qooduufaadha.
BARNOOTA BU’URAA
Barnoonni bu’uraa sagantaalee ijoo Godina Shawaa Lixaa aanaalee Amboo,Tokkee-Kuttaayee,Ejeree fi Dandii keessatti ispoonsara argatan keessaa isa tokko.Kaayoo guddaan sagantaa barnoota bu’uraa kanaasbarsiisotaa fi qooda fudhattoota leenisuudhaan manattis ta’e daree keessatti barattoota gargaaruufi
Barnoonni bu’uraa hawaasa hirmaachisuurratti hundaayee walta’iinsa barattootaa,barsiisota,maatii barattootaa.waajjiraalee barnooto godinaa fi aanaatiin hojiirra kan ooludha.
Waajjirri barnoota godinaa fi kan aanaa akkasumas boordiin bulchiisa manneen barnootaa leenjii adda addaatiin hubannoo cimsachuun maatii barattootaa bakkuma jiranitii ijoolleesaanii akka deggeran taasisu.
Barnoonni bu’uraa akka dursitoonni hawaasaa fi maatiin barattootaa barbaachisummaa barnootaa hubatanii sadarkaa qeyee fi ollaatti hirmaatanii onnaachiisaMeeshaa barumsaa dhiyeessuu,daree dabalataa ijaaruu,aadaan dubbisuu akka dagaagu deggeruuif haala mijeessuu barbaada.
Barnoonni bu’uraa kufaatii fi barnoota addaan kutuu hir’isuu bira darbee hirmaannaa hawaasaa jajjabeessa.
Walumaagalatti karoorri sagantaa kanaa daree dabalataa ijaaruu,teessoo fi minjaala guutuu,kitaabaa fi tajaajila maxxansaa dhiyeessuufaa ofkeessaa qaba.
Leenjii bu’uraa miseensota koree barsiisotaa fi maatii barattootaa,koee bulchiisa manneen barnootaaf kennuu,lakkoofsa namoota barreessuuf dubbisuu danda’anii guddisuu fi tarsiimoon muuxannoo gaarii baballisuus qaaamolee karoora kanaati.
KUNUUNSAA FI MISOOMA DAA’IMMANII SADARKAA DURAA
Sagantaalee ijoo Godina Shawaa Lixaa aanaaleeAmboo,Tokkee-kuttaayee,Ejeree fi Dandiitti eggersa argatan,Manneen barnootaa 101 waliigalli lakkoofsa barattootaa 6041 (dhiira 3010 dhalaa 3031) sagantaa hammatamanii jiru
Kaayoon sagantaa kunuunsaa fi misooma daa’immanii sadarkaa duraa kunfirii misoomaa fi kunuunsa daa’immanii fooyyessuufi.Sagantaa kana keessatti waajirri barnootaa godinaa fi aanaa,waajjirri dhimma dubartootaa aanaa.gamtaan maatii barattootaa fi barsiisotaa,bulchiisni , boordiin bulchiisa manneen barnootaa fi barattoonni waliin hojjetu.Deggersi meeshaalee barnootaa,barattootaaf maatii giduutti taasifamuu fi leenjiin haaromsaa bu’urris kennamuunis murteessaadha.
Leenjiin kunuunsaa fi misooma daa’immanii gabbisuurratti xiyyeeffatee maatii barattootaa fihawaasaaf kennamus tajaajila sagantaan kun argamsiisu keessatti hammatama.Sagantaa kunuunsaa fi misooma daa’immanii sadarkaa duraa kanarratti barbaachisummaasaarratti hubannoo maatii gabbisuunis murteessaadha.Sagantaan kun lakkoofsi daa’imman barachuuf galmaa’ani akka dabaluu fi umurii sirriitti(1-6) akka mana barumsaa seenan taasisee jira.
DHIMMA NYAATAA FI FAYYAA MANNEEN BARNOOTAATTI
Sagantaan kun manneen barnootaa aanaalee Amboo,Tokkee-kuttaayee,Ejeree fi Dandii 162 keessatti daa’imman 100,890(dhiira 5407, dhalaa 46819) walgahee jira.Sagantichi daa’imman umurii waggaa jahaa hanga waggaa kudha-lamaai kan mana barumsaan alas keessas jiranirratti xiyyeeffata.
Ilbiisota(maxxantoota) garaa keesaa habamsiisuu,nyaata gabbataa dhiyeessuu,mana barumsaa keessatti saamunaa omishuu,barattoota hir;ina albuuda ayoodiinii (qoricha hudhoo) qaban adaan baasuu,kan rakkoo ijaa,gurraa fi qancaruu qaban,akkasumas ijoollee durbaa yeroo jalqabaatiif dhiiga ji’aa ofrratti argan deggeruunis qaama sagntaa kanaati.Kana malees mana fincaanii kan hiiraaf dhalaa addaan baasanii ijaaruu,daa’imman hir’ina qaamaa qabaniif xiyyeeffannaa addaa kennuunis akkasuma.Tajaajilawwan kuni qulqullina qeyee mana barumsaa fi kan dhuunfaa qaama ijoollee.eeguuf kosii yookaan balfuu sirnaan kuusnii gubuu harka hiqachuufaa dabalata.
Tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuu,meeshaa kosii itti kuusanii fi itti guban raabsuu,qodaa bishaan harka dhiqannaaf baatameemittiin deemamu raabsuufaan karoora nyaataa fi fayyummaa daa’immanii kana keesaati.Sagantaan kun hariiroo barattoota ,barsiisota,maatii barattootaa fi bulchiisa mana barusaa giduu jiru cimsa. Aadaa harka dhiqannaa daa’immaniis ni dagaagsa.karooraa fi sagantaa waiini waliin baafachuu,raa’achuu fi waiin to’achuufis carraa uuma.Sagantaa fayyaa fi nyaata gabbataa mana barumsaa kana haala gaariin hojiirra oolchuun fayyummaa fi dagaagina barnoota daa;immanii cimsuudhaan alatti odeeffannoo dhimma kanaan walqabate qaamolee dhimmi ilaalu biraan gahuuf gargaara.
MISOOMA JOOLLEE OL ADEEMTUU
Misoomni ijoollee ol adeemtuus sagantaalee ijoo kan mannen barnootaa 162 godina Shawaa Lixaa aanaalee Amboo,Dandii,Ejeree fi Tokkee-kuttaayee deggersa argatan keessaa isa tokko.Yeroo ammaa kana daa’imman 51,620 (dhiira 27,802 dhala 28,818) sagantaa kanatti gargaaramaa jiru
Kanneen keessaas daa’imman 870 (dhiira 446 dhalaa 424) mana baumsaatiin alatti gargaaramaa jiru.
Kaayoon sagantaa kanaas hojii qajeelaa baruu fi tajaajila fayyaa,barumsaa fi carraa dinagdee argamutti daa’imman akka fayyadamaniifi.
Sagantaan kun kan qophaayes fedhii ijoollee ol adeemtuu gama fayyaa,maallaqa horachuu,ogummaa hojii tajaajila barumsa al-idilee hawwachuufi..
Maatiin ijoollees yemmuu ijoollnsaanii mana barumsaattis ta’e sanaan alatti fayyummaan qaamaaf sammuusaanii fooyya’ee ogummaa ittiin ofjiraachisan argatan fayyadamummaatu itti dhagahama.
Misoomni ijoollee ol adeemtuu kun dargaggoonni hundee egeree jireenysaanii cimsatanii gufuuf gufaata fuula duratti isaan quunnamu jalaa akka baraarman gargaara.Galmi isaasdargaggoonni ogummaa jireenyaa,beekumsaa fideggersa argataniin gargaaramanii tulluu hiyyummaa diiguu fi murtee walzaxaa sirna kornayaa isaan mudatu ofitti amanamummaadhaan keessa bahanii jiruu addunyaa kanaa akka mo’atan isaan dandeesisa.
Sagantaan misooma ijoollee ol adeemtuu warra tajaajila dhiyeessuufis ta’e kanneen ogummaa hojii uumuu barsiisaniif fedhii dargaggootaa hubatanii akka karoorfatan isaan dandeesisa.Daargaggoonni gumuuwwan ada addaa kan akka qusannaa,kilabii(gurmuu) ijoollee ,tajaajila hawaasummaa akka deggersa tola ooltummaa dame fayyaa fi barnootaa keesatti hirmaatu.
Misoomi ijoollee ol adeemtuu ijaarsa ogummaa qabeenya egeree dargaggootaa karaa barumsaatiin qaamaaf sammuun isaan guddisurratti xiyyeeffata.
Umuriin dargaggummaa yeroo itti waa’ee qooda kornayaa sirritti odeeffannoo itti argatanii itti ofbeekani.
Sagantaan misooma ijoollee ol adeemtuus kallattii dargaggoonni itti gaafatama fudhatanii jiuuf jireenya hawaasaummaa keessatti bal’inaan hirmaachuu danda’an itti agarsiisa.