Magaalaa guddaa Oromiyaafi Itoophiyaa kan taate Finfinnee keessattidha.Ji’a Waxabajjii bara 2002.Guyyaansaa Dilbatadha.Guyyaan kun guyyaa boqonnaakoo waan ta’eef hiriyaakoo dhukkubsatee mana waldhaansa fayyaa,Xuqur Ambassaa ciisee waldhaanamaa jiru gaafadhee, sana boodammoo nama meeshaa daldalaa biyya alaatii naa fichisiisuutti horii kennuuf sagantaan qabadhe.Manni waldhaansa fayyaa Xuqur Ambassaa kun keessummoota dhukkubsattoota dubbisuu barbaadaniif sagantaa baase irratti, Guyyoota Dilbataafi Sanbataa sa’atii7:30-10:30tti, Wiixataa hanga Jimaata waaree boodaatti sa’atii 11:30_1:30ttii, Ganama ammoo sa’aatii 12:30-1:30tti waan ta’eef hiriyaakoo Haatoluu jedhamuu wajjin iddoo lamaanuu deemuuf ganda Birbirsa Gooroo (Piyaassaa)kaafee Cheentirootti sa’atii ja’atti wal beellamne.
Ani yeroo fedhe yoo ta’e sa’aatii beellamaakoo nin kabaja.Dhaabbata daldalaakoo keessattiifi hiriyootakoo biratti haalakoo kanaanin beekama.Walumaa galatti sa’aatii beellamaa kabajuun aadaakooti jechuu nin dnda’a.” Jedha namtichi kabbadaa jedhamu.Nama umriinsaa waggaa 40-45ta’udha akka tilmaamakootti. Seenaasaa kana isatu seenessa.
“Gaafa sana sa’aatiitti iddoo beellama keenyaa dursee kan ga’e ana.Konkolaataa koo Liifaan jedhamtu gamoo Araadaa jala dhaabee korojoo horii keessatti qabadhe gatiittii koo’rratti diradhee, konkolaataa koo cufee,shugguxii mudhii koorraa jajjabeeffachaa, yeroon mana kaaffee kana ga’u sa’aatiin 6 ta’eera.Manni kaaffee kun karaa dura waan ta’eef gabaa guddaa qaba.Yeroon achi ga’u kursii duwwaa kan namni irra hinteenye dafee argachuu hindandeenye.Xiqqoo dhaabbadhee bitaafi mirga ilaalee, kursiin duwwaa natti muldhachuu didnaan gara boodaatti yeroon ofirra garagalu, naduubaan kallatii moggaa tokkoon miinjala kursiin sadii itti marsee jiru kan namni irra hin jirre argadheen taa’e.
Keessummeessituun tokko dhuftee;”Maal ajajamu?” jettee nagaafatte. Laaqana sababii hin nyaanneef Shaayee,buna ykn. maakiyaattoos haata’u dhugaatii lallaafaa ajajachuu hinbarbaannen ture.Garuu utuu waa hinajajatin taa’uun hindanda’amu waan ta’eef dhugaatii lallaafaa ajajadheen, hiriyaakoo eeguun jalqabe.Sa’aatiin harkakoo irraa 6:15 jette. Hiriyaankoo Haatoluun hindhufne.Namooti lama dhufanii kursii lamaan nabira jiranirra taa’uuf ;”Namni as jiraa?” naan jennaan namni jira jedheen akka irra hinteenye dhorke.Sa’atiin 6:30 jette.Hiriyaankoo ammallee hin dhufne.Sa’atiin 6:45 jette.Mobaayiliikoo(Bilbila) baaseen gara hiriyaakoottin bilbile.Bilbilli isaa deebii hin kennu jedha.
Haala kanaan utuun jiruu intalli baayi’ee bareeddu tokko ol seente.Wandaboo gabaabduu Dakkuu fakkaattu kan gudeeda ishee ifatti saaxilu Afaan Igiliziitiin “Miniskartii” jedhamtu uffatti.Isheenis akkumakoo jalqaba iddoo taa’umsaa bitaafi mirgaan ilaaltee kursiin duwwaa ana bira akka jiru hubattee gara koo dhuftee “Namni jiraa?”jettee Afaan Amaaraatiin nagaafatte.Anis akka nabira teessu barbaadeen, “Lakkii nama hinqabuu taa’uu dandeessa”,Ittiin jennaan nabira teesse.
Urgooftuun isheen ofitti biifte urgaansaa baayi’ee nama gammachiisa. Baayi’een gammade.Utuun morma ishee jala seenee caalaatti ishee suufee jedheen hawwe.Intalli kun umriin ishee waggaa 25 hin caalu.Bifti fuulaa,dhaabbatni qaamaa,uffannaafi ijoollummaan ishee urgooftuu dibattee wajjin walitti dabalamee qalbii dhiiraa salphaadhaan kan booji’udha. Miilla ishee walirra kaa’atte.Wandaboon ishee ol sassaabamee gudeeda ishee hanga oliitti saaxilee muldhise.Yaabiyyoo nanyaadhu ! Haalli ishee kun fedhii dhiirummaakoo kakkaasee tasgabbii nadhorkate.Yaa biyyoo nanyaadhu ! Kana maaltu natti ergee ? Jedhe. carraan intala kana itti arge dinqisiifadhe.Haala miira kana keessa daakaa sababiin jiruuf waa’ee dhufuufi hafuu hiriyaakoo yaaduu nan irraanfadhe. Utuun ishee bira taa’aa oolee bulee, ishee ilaalee kanan quufu natti hinfakkaatu.
Intalattiin kun siiniimaa kana nadaawwachiisuuf natti ergamtemoo dhimmasheef Maakiyaattoo ishee unachaa jaalallee ishee as teessee eeguuf dhuftee? Jaalalleen ishee kun akkam ayyaantuudhaa?Intala kana fakkaattu kana ammatee dhungachaa wajjin ciisu akkam ayyaantuudha laataa?Innimmoo akkam bareeda laataa? Yoonaa baayi’ee miidhagaa kan Shamarran hawwatee onnee isaanii booji’u ta’a.Boo ! yoona fokkisa akka kootu horiidhaan ishee mo’ee ammatee wajjin ciisa ta’a.Yaabiyyee nanyaadhu ! Erga dhuftee teessee takkaallee daguungortee nanilaalle.Dhugaa qabdi maalkootu ishee hawwannaan nailaaltii?Yoona faaraan kun maal fakkaataa? Akkam fokkisaa?jettee garaa isheetti natuffachaa jirti ta’aa. Yaa biyyee nanyaadhu! Qormaata guddaa keessa nagalchite.
Sa’atiin hiriyaakoo itti beellame darbuusaa utuman beekuu sa’atii harkakoo ammas ammas ilaalaa,achumaanis intalattii ija hatee ilaaluu ittin fufe.Isheenis akkuma koo sa’atii harka ishee al kudhan ilaalaa, Maakiyaattoo ishee unachaa, Mobaayilii ishee baastee bilbilte. O!O!O!Mobaayiliin ishee kan abbaa kuma kudhaniiti. Yaabiyyee nanyaadhu ! dhiiraa wajjin kan dubbattu ta’uu ishee haasaa isheerraan hubadhe. Dhiira beellamtee kan duraa hafe natti fakkaata.
Sa’atiin harka ishee,Warqeen qubaa,kan mormaafi Shawaaliyaan (Ambaarriin) harka ishee kan biraati. Uffannaan ishees Jaakeettaa, Wandaboofi kopheen boottii hanga jilba isheetti dheeratu gogaarra kan oomishaman si’a ta’an, gatii guddaadhaan kan bitaman natti fakkaata.Uffata gogaa (kal’oo,Leezerii)biyya faranjiitti hodhamee biyya keessa gale ta’uusaa hubadheera.Magaala iftu ilkaan ishee akka aannanii kan addaatan si’a ta’an, rifeensi mataa ishee gatiittii isheerra akka hiddaa gadi kan jige, intala baayi’ee bareedduu, dhiira gomjaasiftudha.Yaabiyyee nanyaadhu Qaama kana amma biyyoon ni nyaataa ? Jechaa utuun uumama ishee dinqisiifadhuu yaadi tokko sammuukootti dhufe.
“Dhiifama, obboleettii!Sa’atiinkee meeqa jettii? Kankoo kun sirrii natti fakkaachuu diddee”.Jedheen ishee gaafadhe.Ishee haasofsiisuuf barbaadeetani malee sa’atiin harkakoo sa’atii warqee kan qarshii kuma kudhaniin bitamedha.Ishee karaan itti haasofsiisu barbaacha soba dubbachuukoo sammuufi sa’atiinkoo kan nataajjabu natti fakkaate.Kanas haata’u sana isheen gaaffiikootiif deebii kennuuf “Okkee! sa’atii torba”jette. Sagaleen ishee akkam namatti tolaa?Yaabiyyoo nanyaadhu.
Intalli kana fakkaattu kun na haasofsiisuun ishee qofti garaa naqabbaneesse.Anis kana qofaan hin dhiisne.Itti fufeen utuun sodaadhuu “Dhiifama giiftii!ammas gaaffii tokkon qaba.”jedhe.Yaabiyyoo nanyaadhu!Isheen garuu “It’s all right go ahead”naan jette.Afaan Ingilizitiin. Yaabiyyoo nanyaadhu!.Intala barattedha.Sagalee koo ciccirachaa;nama beellamaa sa’atii tokko dabarsu siquunnamee beekaa?Utuu haalli akkasii siquunname maal jettaa? jedheen walitti aansee gaaffii dhiyeesseef.Isheenis “O ! my God !Ani obsa akkasii hin qabu.Inni nabeellame daqiiqaa shan dabarsinaan dhiiseen deema.Akka carraa anis akkuma kee namaa wajjin walbeellamee eegaan jira.Amma dhiisee deemuuf daqiiqaa muraasatu naahafe.”jette.
“Anis kunoo hiriyaakoo gara sa’atii tokkoo eegeera.Rakkoo isarra ga’e hubachuuf bilbillaanis bilbillisaa hin deebisu jedha.Utuun isa eeguu laaqana hin nyaatinin jira.Amma garuu obsakoon fixadhe.Utuun isa eeguu beelli natti jabaate”.Jedheen akka qoosaa dubbadheen ofumakootiif kolfe.Isheen garuu akkakoo hin kolfin malee akka kolfuu taatee ilkaan ishee isaan adii, hidhii ishee isaan haphii, haalluu diimaa dibamanii goraa bilshaate fakkaatan, saaqxee kolfakoo tumsite.
Itti aanseen,”haalli keenya walfakkaata akkan hubadhetti.Atis namni beellamte kan siduraa hafe natti fakkaata” jedheen dubbadhe.
“Sirriidha”
“maarree laaqana yoo wajjin nyaanne maal sitti fakkaata?”
“Innillee gaarii ture.Garuu…” jette utuu haasaa ishee hin xummuuriin mataa ishee gara bitaafi mirgatti sochoosaa calluma jette.
“Garuu maalii? Rakkoon jiraa ?”
“Rakkoonillee hinjiru.”
“Maal yaaddofteree ?”
“Nama hin beeknee wajjin calluma jedhanii laaqana nyaatuu ?”
“Maal qabaree wal barrakaa !Ani maqaankoo Kabbadaadha.”
“Okkee ! animmoo Shankoriinaan jedhama.”
“O ! maqaa bareedduu, intala bareedduudhaaf kenname “ Jedheen maqaa ishee dinqisiifadhe.
Shankoriinaa wajjin tokko lama jennee haala kanaan wal barre.Mana kaaffee Cheentiroo kana Keekii malee laaqanni nuti barbaadnu sababii hinjirreef hoteela guddaa tokko waliin deemnee nyaata ajajannee nyaanne.Biiraas ajajannee daddabalannee dhugne.Amma haasaa dheeraa booda sirriitti walitti madaqne.
Shankoriinaan yeroo haasoftu Akka Faranjii Afaan Amaaraa baratetti dubbatti.Afaan Amaaraa wallaaltee osoo hintaane akka of jajuu natti fakkaata.Anis maqaankoo Kabbada haata’u malee uffannaankoo konkolaataan,sa’atiin warqee,warqeen kaateenaa harka koo,kan ammayyaa waan ta’eef Shankoriinaan baayi’ee akka jaallatte naaf ibsite. Keessumattuu qarshiifi Doolaarii korojoo koo keessa jiru yeroo argituf walumaagalatti haala jireenya mijaawaa ani jiraachaa jiru yeroon itti himu ammoo,caalaatti natti siqxe.Keessa garaa ishees bantee natti muldhiste.
Egaa haala kanaan erga walitti madaqnee, mana ciisichaa hoteelichaa tokko seennee,akka xinnoo boqonnun ishee gaafadhe.Isheenis daftee deebii naaf hin kennine.Xinnoo erga yaadaa turte booda haala tasgabbaa’een:
“Ani jaalallee qaba. Isa malee dhiira gara biraa wajjin ba’ee hinbeeku. Siwaliin garuu haalli ittiin walbarreefi waliin amma teenyu nadinqa”.jettee kofalte.Anis ishee wajjin xiqqoo kolfeen mammaksa Oromoo isa,”Mana haadhakoon dhaqa jettee goraa bira hindarbin”jedhamu gara Afaan Amaaraatti hiikef.Ammas akka kolfuu taate;
“Ani Itoophiyaa keessa hinjiraadhu U.S.Ameerikaa, magaalaa Washingiton keessan jiraadha.Asii daa’ima waggaa kudhanii baran ture dhaqee, achittin guddadhe.Haatiifi abbaankoo yeroo ammaa achi jiru.Ani boqonnaafin dhufe.Kanan buufadhe ammoo hoteela keessa miti.Hosteela tokko keessa kutaa tokko ji’a sadiif kireeffadhen keessa jira.Sitti agarsiisuu nan danda’a.Akka carraa erga walbarree mana ani kireeffadhe sitti agarsiisuu nandanda’a.Kanaaf mana ciisichaa hoteelaa hin seenu.” Naan jette.
Shankoriinaan yeroo akkas naan jettu gammachuu natti dhaga’ame ibsuun nadhiba.Gammachuu daangaa hin qabnetu natti dhaga’ame.Intalli bareedduu burtukaana fakkaattu kun akka naharka galten hubadhe.Kana gidduutti Mobaayilliin ishee bilbillaan kaaste.Iccitii kan dubbattu natti fakkaata.”Heloo! yeroonsaa yeroo ga’u siin bilbila!Okkee?”Jettee Mobaayila ishee cufte.
Sirni affeerraakoo kan hoteela kana keessatti raawwatamu erga dhume booda,ganda isheen mana kireeffadhe jette ganda Qarsaa (Kaazaanchiis) konkolaataa Liifaaniikootiin dhaqne.
Manni isheen kireeffadhe jettu kun Mana Viillaa bareedaa ammayyaa si’a ta’u, naannoo dallaa gimbii manichaa wajjin wal qabatanii,Supheefi dhagaa Ambootiin manneetiin kutaalee kudha lama wal qabatanii ijaaraman jiru.Ani yeroon gara mooraa kana keessa seenu hin hubanne malee Peensiyooneedha (mana ciisichaaf kireeffamanidha.)Manni Viillaa guddaanis akkasuma.Mana Viillaa guddaa kana yeroo seennu Soofaan bareedaa keessummoonni irra taa’an jira.Kutaaleen ciisichaa baayi’eenis mana Viillaa kana keessa jiru.
Egaa akkuma ol seenneen Shankoriinaan soofaa guddaa kana harkaan natti agarsiisaa akkan yeroof irra boqodhu na’affeeraa; “Furtuu fideen dhufa” jettee gara intala teessee nama keessummeessitu (receptionist) deemte.Korojoo ishee keessaa birrii hamma ta’e itti kennitee furtuu fiddee dhufte.Harkaan nawaamtee gorduuba mana kanaa keessaa karaa borootiin baane.Manneetii ciisichaa kudha lamaan gidduudhaa lakkoofsa tokko furtuu harkatti baattuun bantee ol itti seenne.
Kutaan ciisichaa kun gorduuba xiqqaa kan qabu si’a ta’u kursii xixiqqaa lamaafi miinjala xiqqaa tokko,siree bareedaa,Saanduqa uffataa dhaabbatu kan keenyan manaa wajjin walqabatee tolfame qaba.Kutaan dhiqannaas akkasuma baayi’ee ammayyaa’adha.Baayi’ee bareeda.Walumaa galatti keessi mana kanaa baayi’ee bareedaadha.Shankoriinaan akkan taa’u harkaan siree natti agarsiisaa;
”Manni ani ji’a sadiif kireeffadhe egaa kana fakkaata ! Eenyu jettee maqaakee ?”
“Kabbadaadha !” Jedheen itti hime.Isheenis
“Okkee! Kebbee! Mannikoo hinbareeduu ?“ Jettee nagaafatte.Anis;“Kan biraadha.Baayi’ee bareedaafi ammayyhaadha!” Jedheen mudhii ishee isa akka mudhii soonsaa qallatu ofitti qabee hidhii isheerra dhungachuuf jennaan maddii ishee natti qabde.Anis hidhii ishee bira darbeen maddii isheen argadhe.Hidhii ishee sababii nadhorkatteef kanuman argadhen dhungadhe.Haalli ishee akka Faranjiiti.Kan isheen natti himterraa ka’uudhaan biyya Faranjiitti sababii guddatteef aadaa Faranjootaa fudhatte jedheen ishee hubadhe.
Shankoriinaan battalaan utaaltee nabiraa kaatee mana dhiqannaa seente.Kan isheen dubbattu natti hin dhaga’amne malee bilbilaan haasa’uu ishee hubadheera. Haala ishee kanaafis waan gara biraatti ishee hin shakkine.Maal akka haasoftus hordofuu hinyaalle.Xiyyeeffannaankoo yoom dhuftee waliin ciisna kan jedhu ture.Xiqqoo turtee qullaa ishee dhuftee nafuldura dhaabbatte.Yaabiyyoo nanyaadhu!Kan qaama ishee irratti hafe butaantaafi qaboo harma ishee malee uffati gara biraan irra hin jiru. Kokkolfaa;
“Atis akkakoo baafadhuutii na eegi !”Jettee kutaa dhiqannaatti deebite. Anis Shugguxiikoo Boraatii jalatti ruuqeen uffatakoo hundumaa ofirraa baasee,duddaan ciiseen ammaa amma dhufti jedheen balbala kutaa dhiqannaa utuun ilaaluu, balballi mana ciisichaa baname. Kan ol natti seene garuu Shankoriinaa utuu hin ta’in dargaggoota lama kan hanga jirmaa gagga’anidha. Yaa biyyoo nanyaadhu! Dargaggeessi tokko Cuubee, inni tokko ammoo Shugguxii natti aggaame.Isheen ammoo uffata ishee uffattee kutaa dhiqannaa keessaa natti kokkolfaa gadi baatee;
“Kabbee ! Diraamaan keenya kun asirratti raawwata” Naan jette. Kursii irra deemtee miila ishee walirra naqattee teesse. Edaa isheen hoggantuu hattootaati. Ani kana hin hubanne.Horii hallayyaa marga duubaan jiru utuu hin argin marga dheedhuuf itti gamun ta’e.Hattuun shugguxii natti aggaamee;“Okke ! qajeelfama amma ani siif kennu raawwadhu.Harka kee lamaaniin mataa kee qabadhuutii siree ciisturraa gadi bu’ii jilbeenfadhu.”naan jedhe.Anis “Yaabiyyoo nanyaadhu!”jechaa akka mucaa wallaaltuu boo’aan akka isaan na ajajan jilbeenfadhee harka koo lamaaniin mataa koo qabadhe. Hattooti kunniin nanrukunne.Korojoo koo bananii keessa kan jiru Doolaarii U.S.Ameerikaa kuma 50fi qarshii Itoophiyaa kuma 100arganii burraaqan.Sa’atii warqee harka koo, kaateenaa warqee harka koo irraa,warqee qubaafi morma koo,uffata koo,kootiifi surree qarshii kuma kudhaniin biyya alaatii bitadhe,kophee qarshii kuma shanii,Moobaayilii koo kan qarshii kuma kudhanii walitti qabanii korojoo koo keessatti naqan.Battala kana akkuma mataa koo qabadheen;”Yaabiyyoo nanyaadhu!”jedheen akka tasaa dubbadhe.Yeroo kana sadan isaanii altokko natti kolfan. Akkas jechuun natti bare.Aadaa godhadheera.
Hattooti kunniin erga qabeenya koo sassaabbatani booda natti kolfuufi qoosuu jalqaban.Furtuu konkolaataakoo dabalatee qabeenyakoo hundumaa erga narraa fudhatani booda,inni tokko “Eenyu maqaan isaa Jeerii?“jedhee Shankoriinaa gaafate.Edaa maqaanishee Jeeriidhaa?”Eenyu maqaan isaa Jeerii?”Jedhe irra deebi’ee.”Ani eessa abbaasaattin isa beeka.Kabbadaa naanjedhe.Isin garuu Kabbee yoo jettanii waamtan nigammada.Kanaaf Kabbee!Jedhaatii waamaa !Jettee ammas kofalte.Isaanis wajjin kolfani.Kolfa isaanii erga raawwatani booda inni tokko:“Kabbee!”naan jedhe.Anis “Abeet!” jedheen owwaadhe.Ammas sadan isaanii altokko natti kolfaa erga turan booda;”Amma butaantaakee uffadhu.Garuu intalattii kanaaf sirriitti qophooftee turte”. Jedhanii ammas natti kolfani.”Amma kana booda baatee akka deemtu sii hayyamna ! Garuu karaa balbalaamoo karaa foddaa ba’uu barbaaddaa?”
“Karuma isin jaallattan.”
“Lakkii nutti himi”
“Egaa karuma balbalaa ba’uu naaf wayya.”Jennaan Ammas altokkoo natti kolfan.Hattoota kaneen keessaa inni shugguxii natti aggaame;
“Lakki Akkas miti.Siree keessa galee uffata qorraa uffatee haaciisu.”Naan jedhe.Akka isaan na ajajanitti yeroon sireetti ol ba’u Shugguxiikoo boraatii jala suuqee ture baafachuuf carraan argadhe.Hattooti sadan kunniin yeroo naciibsanii qabeenyakoo saamanii, ba’uuf ofirra garagalan Shugguxiikoo baafadheen hattuu shugguxii baatu laphee isaarra dhayeen lafa irratti diriirse.Isaan lamaan sanas jilba jilba isaaniirra dhayeen lafa irrattin isaan conqolaase. Lafa kufanittimmoo akka hin sochoone isaan akeekkachiise.
Tarii bayyaannatanii akka natti hin dhukaasneef Shugguxii hattootaa utuu harkaan itti hin bu’in quba miillakootiin isaanirraa fageesseen sochiisaanii dhaggeeffadhe. Inni Shugguxii natti aggaame battalaan lubbuunsaa keessaa harattee baate.Onnee isaarran dhaye. Intalattiifi hatichi tokko ammoo rasaasi jilba isaanii dhoofte baayi’ee sababii isaan miiteef ciisanii aadu.”Maaloo nunajjeesin” jedhanii nakadhachuu jalqaban malee socho’uu hin dandeenye.
Yaa biyoo nanyaadhu.”Harkaan idaa sanyoon nama dhaana” jette niitiin.Kana booda reeffa hattuu du’e sanaa baatanii kutaa dhiqanaa keessa akka galchanin isaan ajaje.Yoo kana gochuu baatan isaaniinis adda adda isaanii dhayee akkan isaan ajjeesu akeekkachiisnaan utuu aadanii reeffa hiriyaa isaanii lafarra harkisanii mana dhiqannaa keessa galchan.Yeroo kana sadan isaanii mana dhiqannaa sana keessatti furtuudhaan balbala irratti cufeen furtuusaa korojookoo keessan ka’e.Kana booda uffatakoo uffadheen qabeenyakoo hundumaa fudhadheen balbala mana ciisichaa sanas furtuudhaan irratti cufeen furtuu isaas fudhadheen konkolaataakoo keessa bu’een mooraa sanaa ba’e.”
”Yaabiyyoo nanyaadhu. Kan gaafa sanaa hin irraanfadhu!.”Jedhe Kabbadaan.
Asoosama kana hayyama barreessichaa malee kitaaba irratti, sabquunnamtii garaa garaa irrattis ta’e diraamaadhaan fayyadamuun seeraan gaafachiisa .
Isaayyaas Hordofaa Miijanaa