Akkuma maqaarraa hubatamutti waa sadiin damee afoolaa ta’ee wantoota sadiin, jechoota filatamoo ta’aniin gorsa, barumsaafi ergaa ciccimoo kan dabarsudha. Nama karaa gaariirra jiru ni jajjabeessa; kan daandii irraa maqe ni qeeqa. Walumaagalatti jiruufi jireenya Oromoo keessatti dhugaa jiru mara ifa godhee namatti agarsiisa. Waa sadii afoola Oromoo armaan gadiis kanuma dhugoomsa.
-
Waa sadii ifa, waa sadii immoo dukkana.
-
Guyyaan ifa, halkan dukkana.
-
Barumsi ifa, wallaalli dukkana.
-
Bilisummaan ifa, gabrummaan dukkana
-
Waa sadii qabaadhu.
-
Amantummaa
-
Dhugaa
-
Qulqullummaa
-
Addunyaan waa sadii qabdi.
-
Dhalachuu
-
Barachuu
-
Du’uu
-
Waa sadii dabaladhu.
-
Beekumsa
-
Eebba manguddoo
-
Jaalala
-
Jaarsummaan waa sadi.
-
Obsuu
-
Gorsuu
-
Dhoksuudha.
-
Dubbii nama sadii waa sadiin fixan.
-
Dubbii hayyuu ykn beekaa – Ibsuudhaan fixan
-
Dubbii gowwaa – Dhoksuudhaan fixan
-
Dubbii lugnaa ykn dabooroo – Sodaachisuudhaan fixan
-
Yaa lubbuu waa sadiif ta’i.
-
Dandeenyaan biyyaaf ta’i
-
Dadhabnaan sabaaf yookaan lammiif ta’i
-
Dadhabnaan ofiif ta’i; ta’uu baannaan badi.
-
Ilmi waa sadidha.
-
Kan ofiif jiraatu,
-
Kan biyyaaf jiraatu,
-
Kan biyyaan jiraatudha. Haa ta’uutii, ilmi kan biyyaaf jiraatutu caala/filatama/.
-
Gurri bakka saditti qaawwa.
-
Gurra gurratti qaawwa – kan waa tokkollee hin qalbeeffanne, kan waan itti himan hin dhageenye.
-
Gurra garaatti qaawwa – kan dantaa ofii qofa dhaggeeffatu, waan garaa isaa qofa kan caqasu.
-
Gurra qalbiitti qaawwa – kan qalbeeffatu, kan hunda caqasee kan gaarii ta’e fudhatu, kan gaarii hin taane immoo gatu jechuudha.
10. Waa Sadi Hin Dagatiin
-
Kaayyoo kee
-
Afaan kee
-
Aadaa kee
11. Waa sadi jaaladhu.
-
Eebba
-
Jaalala
-
Gootummaa
12. Waa sadi kabaji.
-
Amantii kee
-
Manguddoo
-
Beellama
13. Waa sadi cimsi.
-
Hiriyummaa
-
Jaalala
-
Waadaa seente
14. Waa sadi hawwuun gaariidha.
-
Fayyaa
-
Gammachuu
-
Hiriyaa gaarii
15. Oromoon waa sadi balaaleffata.
-
Nama dhugaa dabsu
-
Ilma abbaa arrabsu
-
Afaan biyya nagaatti waraana labsu.
16. Dubartiin waa sadi namaaf taati.
-
Nama deessi – Haadha namaaf taati.
-
Nama wajjin dhalatti- Obboleettii namaaf taati.
-
Namatti heerumti – Haadha warraa/niitii/ namaaf taati.
17. Waa sadi nama xiqqeessa.
-
Sobuu
-
Hatuu
-
Machaa’uu
19. Waan sadii itti fayyadami.
-
Qarshii
-
Yeroo
-
Beekumsa
20. Keessummaan waab sadii feeti.
-
Foon lafee hin qabne – Arraba gaarii
-
Itillee rifeensa hin qabne – Fuula gaarii
-
Lafee foon hin qabne – Ilkaan gaarii
21. Waa sadii jala deemi.
-
Hayyuu
-
Dhugaa
-
Barsiisaa
22. Waa sadii deemsaan tola.
-
Hayyuu
-
Barsiisaa
-
Bishaan
23. Sadi galata gale.
-
Hayyuun qorate galata gale
-
Arjaan kenne galata gale
-
Goonni lole galata gale
24. Sadi galata hin galle.
-
Makkalaan ykn wallaalaan qorate galata hin galle
-
Dhokni kenne galata hin galle
-
Dabeessi lole galata hin galle
25. Waa sadii hirriba hin quufu.
-
Gowwaa
-
Bakiilaa
-
Lugna
26. Waa sadii hirriba hin qabu.
-
Hayyuu
-
Jagna ykn Goota
-
Arjaa
27. Jaarsi waa sadii jaalata.
-
Adii
-
Aduu
-
Oduu
28. Waa sadi dhufaatii waa sadii sodaata.
-
Namni manni itti dhimmisu – Dhufaatii roobaa sodaata
-
Namni liqiin irra jiru – Bari’uu lafaa sodaata
-
Namni haadha warraa nyakkistuu qabu – Dhiha aduu sodaata
Gabaabumatti, afoolli waa sadii Oromoo jedhu kun yaada bal’aafi bilchaataa kan ofkeessaa qabudha. Waan ta’uu maluufi ta’uu hin malle akeeka. Waan hunda akeekkachaa, of eeggachaa raawwachuu akka qabnu nutti agarsiisa. Jiruufi jireenya keenya keessatti barmaatilee cimsachuu qabnuufi balaaleffachuu qabnu nutti mul’isa. Waan badaa ykn yaraa ni qeeqa; ni balaaleffata. Waan gaarii immoo ni jajjabeessa. Kanaafuu, afoola kanneen irraa waan baay’ee barachuu dandeenya.
Obbo Dirribaa Tarrafaa tiin kan qophaa’e!