Afoolli Oromoo hambaa abaabileefi akaakileerraa jecha afaaniitiin dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufe; ammas darbaa kan jiru; fuula duras darbaa kan jiraatuudha. Kana jechuun Ummanni Oromoo durii kaasee yaada, ilaalcha, ergaa, falaasama, fedhiifi abdiisaa, gaddaafi gammachuu qabu afoolaan dabarsaa ture jechuudha. Kanaafuu, Afoolli Oromoo hambaa ganamaafi calaqqee aadaa Oromooti.
Gabaabumatti, afoolli Oromoo dilbii bara dheeraati; cirracha bishaaniitis. Waraabamee, lakkaawamee, akkasumas dhamdhamamee kan dhumu miti. Kanaafuu barreeffama kana keessatti afoola akka galaanaa Ummanni Oromoofi golli Oromiyaa qabdu keessaa mararoo gaa’elaa irratti xiyyeeffachuun kan dhiyeessinu ta’a.
Aadaa gaa’elaa ykn warroommii keessatti mararoon gaa’elaa shamarran Oromoo biratti baay’ee kan jaalatamuudha. Xiyyeeffannaan weedduu saaniis tokko soddaa arrabsuu ykn ceepha’uudha. Kan biroo immoo mararoo ykn seenaa dhaamuudha.
Durbi Oromoo heeruma irratti boohaa kan mararoo dhaaman sababii maatiifi qomoo saaniirraa adda bahuu waan jibbaniif qofaa miti. Fedhii malee heerumuun, umurii malee heerumuufi wkf. Sababii biroo ta’uu ni malu. Fakkeenyaaf durbi tokko fedhii ishee malee heerumuushii walaloo mararootiin yoo ibsattu akkas jechuun weeddisti:
Hennaan haama yaa kaloo
Hin afiin ajjeerradhuu
Seenaan dhaama yaa haadha koo
Hin rafiin dhaggeeffadhuu
Yoo rafteef qalbeeffadhuu. Jechaa komii qabdu walaloodhaan ibsuu eegalti. Keessattuu gurbaan itti heerumtu baay’ee fokkisaa yoo ta’e akka itti aanutti weeddifti.
Yaa biyya abbaa koo
Yaa biyya Noolee
Yaa bada abbaa koo
Koot kana ilaalii
Heeruman oolee.
Yaa warra keenyaa
Maaf nama waamtuu
Farsoo hin baanettoo
Daadhii bookattoo.
Maaf nama laattuu
Nama hin taanettoo
Sanyii doofaattoo.
jechuun nama hin taaneefi fokkosaatti heerumuu shee ibsatti.
Umriin ishii osoo hin ga’iin kan heerumsiisan yoo ta’e immoo komee qabdu akkas jechuun weeddifti.
Harmi koo hin baanee
Ni quuqxe malee
Yaa aayyolee koo
Laanni koo hin geenyee
Na quufte malee
Ulee geeshee muruu
Maaf na laatta haadha koo
Anoo beekee hin buluu.
Yaa abbayyee koo
Yaa aayyolee koo
Maaltu maal ta’ee
Kan badii ta’ee
Cabaawoo hin tuffannee
Darbaawoo hin dubbannee
Yaa aayyolee koo
Iddoo ciisa koo gumbii dhaabbadhuu
Cabaa irbaata koo dilbii kaawwadhuu
Dibaa mataa koo samaa kaawwadhuu.
Gomboo gumaataa
Hundatu baataa
Na jala buutee
Akka tumaataa
Hin geenyeen geessee
Fagoon dhiyaattee.
Yaa obbolee koo
Gadi bahaatii
Gorbatti siiksaa
Guyyaa kennaa koo
Torbeetti hiiksaa
Gaafa torbee koo
Kurnootti hiiksaa
Gaafa kurnoo koo
Malli funyoo koo.
jechuun heerumaaf kan hin geenye ta’uu shii wantoota adda addaa wabeeffachuun ibsiti.
Komeen durbaa mararoo keessatti calaqqisu inni kan biraa otoo hin jaalatiin horiin ykn qarshiin jijjiiramuudha. Walaloon armaan gadiillee kanuma dhugoomsa.
Waddeessa qe’ee
Murmurtu hin seenee
Murmurtaniiree
Guddiftuu ijoollee
Haasoftuu qe’ee
Gurgurtu hin seenee
Gurgurtaniiree.
Ani ji’an se’ee
Laftoo halkanii
Ani jiran se’ee
Nattoo maltanii.
Yaa’aayyoolee koo
Yommuu an xinnoo
Siree dhodhooftee
Ururuu jettaa
Amma maal goonaan
Barcuma haxooftee
Qarshii lakkooftee
Gurguruu jettaa?
Yommuu na biraa
Dirribee jettaa
Dirribiin dhufnaan
Dirribee gattee
Dirrib koo jettee,
Horiidhaaf jettee,
Dhala kee gattaa?
Qarshii qiraacii
Darbattee keessaa
guchuma keessaa
Dhalli billaatii
Ergattee teessaa
Dulluma keessaa.
Yaa aayyoolee koo
Yoo re’een dhaltee
Shumburee jedhii
Yoo hiriyeen dhuftee
Ala dhaabbattee
Anaan gaafattee
Gurgure jedhii
Geedoo gamattii
Meezoo lamattii
Gimbii gamattii
Birrii lamattii
Gurgureen dharaa
Duuteen dhugaadhaa.
Eebichi yo murmuran
Deebihee lataaree
Heerumnoo gurguraa
Deebi’anii galuuree
Baddaan addaatee
Guggubee baasee
Abbaan hammaatee
Gurguree nyaatee.
Akkuma duraan jenne durbi Oromoo guyyaa cidhashii mararoo weeddisaa kan boossuuf sababii jiran keessaa tokkko yaaddoodha. Yaaddoon garuu maatiirraa adda bahuu jibbuu qofa miti. Qarree dhabuufi dhiibbaan gama dhirsaatiin ishiirra ga’uuf jirus kan yaaddessan keessaa kan biroodha. Kana hunda walaloo mararoo armaan gadiirraa hubachuu ni danda’ama.
Yaa cilaaddanii
Kan qarmii keessaa
Yaa obbolaa koo
Isin jiraattanii
Kan lammii keessaa.
Mana Abbaa ofii
Akaayiin nyaata
Mulluun irbaata
Kolfanii nyaatu
Mana abbaa hormaa
As taa’iin saadaa
Ka’iin ifaataa
Mukuutu irbaata
Gom’anii taa’u
Yaa haayyolee koo
Mana haadha hormaa
Akka durii koo
Ol hin arreedu
Natti hin barreedu
Gulantaa hin darbu
Gudunfaa hin argu
Ya marii maroo ya maraassisaa
Haadha ofii dhabuun
Haadha hormaatti hafuun
Nama naassisa.
Halagaan ormaa
Kabalee kolfaa
Halagaan diinaa
Kabalee dhiitaa
Halagaan mukaa
Kabalee muga
Wallaaltuu raasaa,
Beektuu tamsaasa
Kunoo yaate kaa
Du’a ga’iin koo
Du’a koo mitii
Du’a qarree koo.
Harmee yaa haadha koo
Hiriyee waamii
Waa’ee qarree koo
Itti naa himii
Qarreen koo hin galtuu
Garaan koo hin fayyuu.
Yommuu intalli haala kanaan yaaddoo ibsachaa hinqirfattee boossu hiriyoonni durbaammoo jalaa qabuudhaan akkas jedhu:
Agadaa quncee nyaatuu
Jajjabaadhu yaa hiriyee
Manni abbaa hundee hin taatuu
Halagaan fira haa taatuu.
Gombisaan tarree galee
Boobee laga hin dhaabinii
Eenyufaatu qarreetti hafee
Boossee nama hin raasinii.
jechuudhaan weeddisaa jajjabeessu.
Gama birootiin hiriyyoonni shee eega heerumtee booda mala ittiin buluu qabdus yoo gorsan akkas jechuun weeddisu:
Mana hin aarsinii
Maal nyaatte jedhaa
Cal jettee hin taa’inii
Maal yaadde jedhaa
Minjee hin gaggeessinii
Maal dhaamte jedhaa
Ibiddi hin dhaaminii
Gandaa si hin waaminii.
Garaa bal’adhuu
Sii kennan nyaadhuu
Siin jedhan baadhuu
Xinnaa guddisii
Guddaa dubbisii
Hirii geessisii
Ka’ii teessisii.
Intalli heerumtu marartee haadhaafi hiriyyoota isheetiif qabdus karaa adda addaatiin weedduu mararootiin ibsatti. Fakkeenyaaf durbi tokko yeroo mana warraa jirtutti hojii mana keessaatiinis ta’ee hojii alaatiin haadha ni gargaarti. Yeroo heerumtu garuu gargaarsi kun ni hafa. Ba’aan hojii mana keessaa hundumtuu haadharratti dabalama jechuudha. Kanaaf, ulfina hojii sanaa waan beektuuf guyyaa heerumaa walaloo tarreessitee boo’aa akkas jechuun marartee haadhaaf qabdu mul’ifti.
Utubaa golaa
Mukti hirkoo cabee
Yaa aayyolee koo
Hundumtuu ni sobaa
Situ iddoo dhabee.
Hammaaraan daakaa
Hambaa guggubaa
Amma na yaaddaa
Gaafa dhukkubaa
Galgalli dhufnaan
Gadi jedhuun dhibnaan
Jabbiin mar’annaan
Bukoon qal’annaan
Gara bariittii
Mana banuuttii
Kosii haruuttii
Buusaa bishaanii
Buufaa ibiddaatti
Guyyaa keessummaa
Dhiba keessumaa.
Yaa aayyoolee koo
Yoo gabaa galtuu
Beelli kee hin hafuu
Dhagahee hin dhufuu
Anaan haa cufu.
Yommuu beeloftuu
Migira nyaadhu
Yommuu na yaadduu
Simbira gaaffu
Simbira keessaa
Dimbiccee gaaffu
Manarra teessii
Hundaa dhageessii.
Mararoo armaan olii keessatti boo’icha durbaatiif sababii kan ta’u tokko haadhaaf yaaduu akka ta’e yoo hubatamu, karaa biraammoo ga’een durbaa haawaasicha keessatti maal akka fakkaatu hubachuun ni danda’ama.
Gama biraatiin immoo hiriyee durbaa isheetiif marartee qabdu yoo ibsitu akkas jetti:
Qabee xinnayyoo
Hodhi naan jedhu
Maal jedheen hodhaa
Hiriyee dhoksaa
Obsi naan jedhuu
Maal jedheen obsaa?
Hiriyee marii
Mala naa malii.
Waddeessi jigee
Harbuu rukutee
Fageenyi dhufee
Gargar nu kutee
Fageenyi duulaa
gargaruu duuna.
Hantuunni dhaltee
Darguutti galtee
Wal argaan keenya
Abjuutti galtee
Abjuu halkanii
Waluu hin argani.
Jechaa, jaalala hiriyoota kan yeroo dheeraaf dhandhamachaa turte yaadattee boossi.
Egaa aadaa gaa’elaa ykn warroommii keessatti mararoon gaa’elaa shamarran Oromoo biratti beekaman kana qofaa miti. Oromiyaan akkuma bal’ina ishee afoola dhimma kana wajjin wal fakkaatan hedduu ni qabdi. Dhimmoota akkasii kanneen sakatta’anii, waraabanii, qindeessanii barreeffamaan dhaloota dhufuuf dabarsuun dirqama hayyoota Oromoo mara irraa eeggamudha. Barreeffamoonni akkasii yoo dhufan immoo barruun Siifsiinii simattee Ummata Oromoo biraaan gahuuf yoomiyyuu taanaan qophiidha. Dubbistoota keenya yaadnniifi deeggarsi keessan hojii keenya gara fuula duraatiif waan nu gargaaruuf nutti hin qusatinaa jenna. Horaa bulaa!
Dirribaa Tarrafaa .Giddu gala aadaa Oromootti,Qindeessaa Garee Moggaasa jechootaafi Waaltina Afaan Oromoorraa