Bar-tokkoo Adureewwn obbolaa wal jaalataan lamtu turan. Inni tokko gurracha.Inni biroon immoo adii ture. Guyyaa tokko osoo waliin deemanii; adureen adiin fuuldura isaaniitti waan marame tokko arge. Yeroo kana adureen gurrachi utuu waa hin dubbatin ariitiin figuudhan daabboo sana lafaa kaasee yeroo ilaalu waanti marame sun daabboo mi’aawwaa bifa keekkiin tolchame ta’uusaa hubatee ; “Wawu! akkam bareeda ?” jedhe. Beela’ees waan tureef nyaachuuf afaan isaa baane.Battala kana adurreen adiin “dhaabbi akka hin nyaane. Daabboo kana dursee kan argee ana “ jedheen.
Adurreen gurraachi immoo; “ati yoo argitees kan dursee lafaa fuudhe ana waan taheef nyaachuu kan qabu ana.” jeechudhaan dide.Haala kanaan wal mormuu jalqaban.Booda irratti fuul-dura isaanii bosona laga gamaa keessa Jaldeessa muka Baddeessaa gubaa kore tokko arganii jaarsummaaf gara isaatti deeman. Akkuma bira ga’aniin;” Maaloo yaa obbo Jaldeessoo keenyaa! giddu keenyatti rakkoon waan uumameef mukka kana irraa bu’iitii waan siin mariyannu qabna.” ittiin jedhan.
Yeroo kana Jaldeessi; “Haata’u!.Mukka ani jirurra ol ba’aa! Ol kotta !”ittiin jedhe. Adurreen gurraachi; “ani harka tokkoon daabboo sababiin baadheef, harka tokkoon mukatti ol ba’uu hin danda’u.Yeroon ol ba’u na harkaa kufa“jedhe.Yeroo kana Jaldeessichi “gaariidha!” jeechuudhaan mukkicha irraa bu’ee lafa taa’e.” Toole ! maalii rakkoon keessan? “ jeechuudhaan isaan gaafate.
Haaluma kanaan himannaa isaanii jalqaban.Adureen adiin;”Adureen gurrachi kun baayee oftuulaadha.Daabboo kana hunda isaa nyaachuu barbaade.Daabboo kana garuu dursee kan arge anna ture. Kanaafuu, kan kiyya ta’uu qaba”Jedhe. Adureen gurraachis;” Inni dursee yoo argellee fiigee kan dursee lafaa fudhate anaa waan taheef naaf ta’uu mala.”Jedhe.Adurreen adiinis;” Yaa obbo Jaldeessoo! Waaqayyo sitti haa agarsiisutii daabboo kana eenyu nyaachuu akka qabuu akka nu murteessituuf dhufne.” Jedhe.Obbo Jaldeessoonis; “ahaa! mee xiqqoo isheen itti yaada!” jeechuudhaan ija isaa daqiiqaa murasaaf duununfate.Sana booddee akkas ittiin jeedhe; “Baka lammatti akkan addaan isinii qoduuf daabboo mi’aawwaadha jettan kana mee anatti kennaa! tokkoon tokkoon keessan walqixa walakkaa walaakkaa akka nyaachuu qabdan natti mul’aateera” jeedheen.
Akkuma kanaan Aduree gurrachi daabbicha obbo Jaaldeessootti keenne. Jaaldeessichis bakka lammatti hire. Kan bakka lamatti hire kanas harka isaa bitaafi mirga irratti qabatee ilaalaa akkas jeedhe; “ Waawu! Inni ani iddoo lamatti cabse tokko isaa gara biraa kan caalu fakkaata.Walqixa miti.Afachu mee walaan qixxessa!” jeedhee, daabboon inni harkasaa mirga irratti qabate, kan harkasaa bitaarra jiru caala jedhee irraa xinnoo cuffatee, nyaatee, ammasa lamaanuu madaale.Ammaas daabboowwan harka isaa lamaan keessa jiran dabaree dabareedhaan ilaale. “Wawu! Amma immoo kan harkakoo bitaarra jiru ni xinnaate” jedhee kan harkasaa mirgaarra jiru irraa xinnoo cuffate.Ammas daabboowwan harka isaa lamaan irra jiran ilaale.”O !amma immoo daabboo harka bitaarraa jiru kan mirgarra jiru caala”Jedhee xinnoo irraa cuffate.Yeroo kana adureewwan lammaan gochi Jaldeessichaa bittaa itti gale.Akka isaaniif walqixa hiruuf daabboo itti kennan Jaldeessichi “kanatu guddate, kunimmoo isa kanarraa xinnaate “jechuudhaan daabboo isaanii cucuffatee fixuu jala ga’e. Yeroo kana Adurreewwan lamaan haalli Jaldeesi gochaa jiru isaan yaaddessinaan akkas ittiin jedhan; “ Yaa kabajamoo obbo Jaldeessoo! homaa mitti kan addaan iddoo lamatti nuu hirte lamaanuu nuuf kenni. Dirqaama wal qixaa yoo hintaanellee rakkoo hinqabu.” ittiin jeedhan.Yeroo kana Jaaldeessichis akkas jeedhee deebseef; “Akkasimmaa ta’uu hin qabu.Jaarsummaa jettanii erga garakoo dhuftan, wal qixxeesseen isinii kennuun qaba malee akka wal caalu kanatti isiniif hin kennu“ ittiin jedhe.Kana booda Adureewwan lamaan kunniin waan godhan dhabanii kan Jaldeessichi gochuuf jiru taa’anii ilaaluu jalqaban.
Jaaldeessichi ammas daabboo iddoo lamatti hiree “kun guddaadha”. jedhee irraa cuffachaa “kun immoo nixinnaate isa guddaa kanarraa xinnoo yoon cuffadhe isa kanaa wajjin wal qixxaata” jedhee utuma cuffatu kan lamatti qoodaman sun dhumuu jala ga’an.Kana booda Jaldeessichi yeroo ilaalu daabbowwan lammatti qoodaman kunniin xiqqootu harkatti hafe. “Yaa Adurreewwan michuuwwankoo! kana booda daabboowwan xixinnoo kunniin yoon isiniif kenne faayidaa isiniif hinqabu” jeechudhaan lamaanuu afaan kaawwachuufe yeroo jedhu, adureewwan lamaan; “obbo Jaldeessoo ! dhaabi!dhaabi! “ ittiin jedhan.Jaldeesson garuu dursee daabboowwan lammeen xixiqqoo addaan qoodaman sana afaan isaa keessatti kaa’achuudhaan nyaatee fixe.Sanaan booda kokkolfaa;”quufaa ! eebbifamaa!”jeedhee isaan dhiisee deeeme.
Adureewwan miskiinnotiin lameen baayee beelawwanii turanii. Haata’u malee, daabboon isaanii amma hinjiru. Gaddaa osoo deemaa jiraanii akkas waliin jeedhan; “Ammaan booda wal looluu hin qabnu.Tokkummaa qabaachuu qabna.Yaadaan tokko ta’uu dadhabuun keenyatu, diina keenyaaf carraa kennee,qabeenya keenya fudhachiisne.Nuti ilmaan abbaa tokkooti. Waan kana ta’eef Walii galan alaa galan jedhu mitii?.Waan nyaatamuus yoo arganee, bakka lammatti ofuma keenyaan addaan qoodachuudhaan waliin nyaanna.Yeroo adamsinus tokkummaadhaan adamsina.Kan numiidhuu dhufus tokkummaadhaan ofirratti lolla ”Jeechudhaan marii’atanii walii galan.
Kana booda tokkummaadhaan Hatuuta adamsuu jalqaban.Utuu adamsanii Adurreen gurraachi hantuuta guddaa tokko qabatee utuu dhufuu Sareen itti dhufee, Hantuuta sana irraa fudhachuuf loluu jalqabe.Yeroo kana Adurreen gurrachi sun aariidhaan dheekkamee Saricha ofirraa faccisuu yaale.Yeroo kana Adurreen adii sagalee obboleessa isaa dhaga’ee battalaan fiigaa dhufe. Kana booda lama ta’anii Saree sana lolanii ari’atanii hantuuta sana waliin nyaatan.
Gaaf tokkommoo Risaan guddaa tokko Illeettii duute utuu nyaauu bira ga’an.Risaan sun Adurreewwan kunniin lamaan yeroo argu Illeettii lafarratti nyaachaa jiru sana fudhatee balali’uuf utuu ol ka’uu, Adurreen adiin karaa duubaan utaalee gofla (koochoo) isaa bitaa qeensaan gadi harkise.Battala kana Risaan sun Adurree sana huuruu isaatiin waraanuuf yeroo itti gara galuu Adurreen gurrachimmoo karaa boodaa baalleesaa qeensaan gadi harkise qabe.Risaan sun yeroo of gadhiisisuuf gara Adurree gurraachatti gara galuu, Adurreen adiin immoo karaa gara biraatiin harkisee baalleessaa qeensaafi ilkaaniin kukkutuu jalqabe.Adurreen gurraachimmo karaa gara biraatiin qeensaafi ilkaan isaan gadi harkise.Haala kanaan Risa sana baalleessaa kukkutanii ajjeesan.
Adurreewwan lamaan kunniin haala kanaan Risaa sana erga ajjeefatan booda, nyaata argatan lamaan akkaataa itti nyaatan mariyatanii erga walii galan booda, karoora baafatan.Karoori isaaniis;1.Illeettii duute nyaachuu.2.Itti aansuudhaan Risa ajjeesan sanas nyaachuu,3.nyaatanii kan isaanirraa hafummoo yeroo gara biraaf kaawwachuu kan jedhu ture.
Kanumaan Illeettii sana hamma quufanitti waliin nyaatan.Baayi’ee quufan.Hundumaa nyaatanii fixuu hin dandeenye. Kanaaf kan isaan irraa hafeefi Risaa sana mana isaaniitti fudhachuuf walii galani.Akkuma kanaan Adurreen gurraachi Risaa sana akka qabu.Adurreen adiin immoo foon Illeettii hafe sana akka baatu, walii galan.Akkuma kanaan Adurreewwan lamaanuu nyaata isaanii ilkaaniin ciniinnatanii lafarra harkisaa mana isaaniitti fudhatanii galan.
Haala kanaan Adurreewwan lamaan kunniin daguun gora isaanii dabrerraa barumsa fudhatanii,walii galuudhaan tokkummaa isaanii cimsanii, diina isaanitti dhufu tokkummaan lolanii, mo’achuudhaan,kan argatan waliin hirmaatanii,nyaachuudhaan jireenya nagaafi tasgabbii gammachuudhaan jiraatan.Tokkummaan humnadha.Walii galan alaa galan jechuun kana.
Liiban Haayiluu tiin.