Tuulamni Ijoollee sadii qaba.Isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo; Odituu, Ummee(Tum’e) fi Liiban jedhamu. Isaan kunniinidha kan har’a sadan sooddoo jedhamanii beekaman. Lafti Sooddoo naannoo Shawa kibba lixaa, Kibba laga Hawaas (Awaash)irraa hamma Arsiisi fi daangaa naannoo uummattoota kibbaa ga’a. Karaa kaabaa immoo Bachoofi Galaan, Kraaaa lixaa, Waliisoo wajjin wal daangessa.

Giddu galli siyaasaa fi amantii Odaa Nabee yoo ta’u,giddu galli heeraafi seera kan itti tumaniifi labsii labsan Odaa kallachaa jedhama. Aanoti Sooddoo ,Daacii , Walisoo, Tolee, bu’ii, Qarsa Maalimmaan fi Soddoo Daacii yemmuu ta’u karaa ba’aatiin Maqii dugdaa, karaa kibbaatiin, aanaa bu’iitiin daangeffama. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalle Sooddoon ilma daaccii yeroo ta’u, Daacciin Ilmaan sadii godhate sadan sana keessaa inni tokko Sooddoo dha. Isaan kaanimmoo Galaaniifi Aboo jedhamu.

Goototni ilmaan Oromoo lakkaa’amanii hindhuman. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti Taddeesee Birruu, Abdiisaa Aagaa, Waaqoo Guutuu, Oliiqaa Dingilii fi kan kana fakkaatan yeroo mara kaafna. Egaa goototi kunniin, Ilmaan Oromoo fi lafa Oromiyaa naannoo adda addaarratti kan dhalatan ta’uun beekamaadha. Akkuma kana ilmaan Oromoo damee Tuulamaa warra sadan sooddoorraa goototi dhalatanis hedduudha.

Bara Xaaliyaaniin biyya keenya weerarte gootummaa olaanaa raawwatanii diina biyya weeraruu dhufe wajjin kokkee walqabanii gootummaa isaanii kan mirkaneessan ilmaan Oromoo baayi’ee maqaa dhahuun ni danda’ama.Abdiisaa Aagaa,Jeneraal Taaddasaa Birruu Oliiqaa Dingilfi isaan kaanis maqaa dhahuun ni danda’ama. Gootota Oromoo dame Tuulamaa ilmaan sadan Sooddoo keessaa hedduu maqaa dhayuun ni danda’ama. Duula Xaaliyaanii 1ffaa fi 2ffaa irratti kan hirmaateefi Duula Maqaleefi aduwaarratti gootummaa guddaa kan raawwatanii beekamtii guddaa argatan keessaa kan maqaansaa akka biyyoolessaatti waamamu Dajjaazimaachi Baalchaa Safoo (abbaa nafsoo) damee Tuulamaa ilma Oromoo hidda Sooddoo ta’uunsaa beekamaa dha.

Gootootni sadan Sooddoo heddumminaan haa jiraataniyyuu malee akka fakkeenyaatti goota jalqabaa kan ta’an Suuraa Goota Sooddoo, Baalchaa abbaa Safoo (Abbaa Nafsoo) kanatti Fayyadamneerra.

Dajjaazimaachi Baalchaan bulchaa naannoo Sidaamoo fi boodammoo Harar ta’uun tajaajilaa turaniiru. Xaliyaaniin lafa abbaa isaanii weeraruuf yeroo dhufe sana rukutuudhaan gootummaa guddaa raawwataniiru. Baalchaan Dajjaazimaachi Baalchaan Soorama ba’anii utuu jiranii Xaaliyaaniin deebitee biyyaa weerartee jennaan dulloomeera jedhanii utuu hin taa’in umrii waggaa 73ffaa isaatti,”… biyyi koo diinaan weeraramtee gabroomuu ishee taa’ee hin ilaalu jechuudhaan, xaaliyaaniitti duulanii utuu lolanii lubbuun isaanii dabarte.

Goototi ilmaan Oromoo Sooddoo isaan qofaas miti, Gootota lafti Sooddoo biqilchite keessaa gootummaa isaaniitiin kan beekaman Dajjaazimaachi Baqqalaa wayyaa Obsees isaan tokkodha. Gootummaa olaanaa raawwataniif maqaa isaaniitiin manni barumsaa finfinnee keessatti moggafamee yaadannoof jira. Gooti ilma Oromoo lafti Sooddoo biqilchite keessaa kan gootummaa isaaniitiin beekaman, Dajjaazimaachi G/maariyaam Gaarii Godaanadha.

Gootummaa isaanii kanaafis yaadannoo akka ta’uuf maqaa isaaniitiin magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu manni barumsaa Lise G/Maariyaam jedhamu maqaa isaaniitiin moggaafame.Yeroo baayi’ee garuu maqaan abbaafi akkaakayyuu isaanii barreessitoota mootummoota dabraniin hin ibsamne.

Egaa kabajamtoota dubbistootaa! goototi sadan Sooddoo baayi’eedha.Kan akka Dajjaazimaaci Ganamee Badhaanee, Fituwararii Merdaasaa Gadaa,Fituwraarii Taddesee Gananame, Qenyi azmach Bayyanee Guddataa Awaash, akka akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya.

Sooddoon lafa abbaasaa Oromoorra kan jiraatuufi aadaasaa kabajee kunuunsee eeggatee hidda sanyii Oromoo Oromummasaatiin boonudha. Goototi armaan olitti maqaasaanii dhoofne kunniin egaa ofiifi saba isaaniirra darbanii lafa fagoo deemuudhaan akka Itiyoopiyaatti seenaan gootummaa isaan raawwatan kan irraanfatamu miti. Piresideentii Itiyoopiyaa lammaffaa duraanii ta’uun kan filamanii waggaa kudha lamaaf biyyattii kana bulchaa kan turan Dooktoraa kabajaa obbo Girmaa W/Giorgisis ilmaan Sadan sooddoo Oromoo keessaa isaan tokko dha.

Ilmaan Sooddoo gootummaa dirree waraana irratti raawwatan akkuma kaasnu karaa misoomaatiinis maqaan isaanii kan ka’u baayi’eedha. Isaan keessaa gootummaa misoomaatiin maqaan isaanii kan dhayamu Finfinnee keessatti Gamoo gurguddaa ijaaruun daldala adda addaa irratti hirmaatanii kan jiran fi misooma biyyattii saffisiisaa kan jiran hedduutu jiru.

Kana qofaas miti jaalala lammiisaaniitiif qaban agarsiisuuf Hospitaala “Haati maaliif duuti” jedhu fi dhalloti dhufu qaroomee biyya isaaf bu’aa ta’uu akka danda’uuf mana barumsaas kan ijaarame gootota misoomaa kaanaani. Warri sadan sooddoo akkuma Oromoota naannoo adda addaarra jiraatanii sirna gadaatiin bulaa turan.Yeroo ammaa kanas Odaa kallachaa isa laga Uraagoo qarqaratti argamu jalatti sirna gadaa isaanii gaggeeffatu.

Birihaanuu Margaa tiin

One thought on “Sadan Sooddoo

  1. Hello blogger, i’ve been reading your content for some time and I really like coming back here.
    I can see that you probably don’t make money on your website.
    I know one cool method of earning money, I think you will like it.
    Search google for: dracko’s tricks

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s