Ibsa walii galaa: Rakkoon dhibee sukkaaraa addunyaa irratti haala dinqisiisaa ta’een ol ka’aa jira. Dhibbeen sukkaaraa biyyoota adduunyaa kana dura hin babal’dhanne keessattifi Ityoopiyaa dabalatee haala yaadeessaan mul’aachuu irraatti argaama. Akkaataa maddi qoorannoo a.l.A.bara 2010 mul’isutti addunyaalleessa irratti dhukkubsatoota miiliyoona 230 kan argaaman yoo ta’u; lakkoofsa kana harka sadii keessaa lama biyyoota guddataa jiraan keessatti argaama. Baroota dhufaan jechuunis a.l.A bara 2030tti milliyoona 366 keessaa dhibbeentan 80 ol kan ta’aan biyyoota guddachuirratti argaaman keessatti mul’aata jeedhamee tilmaammama.Biyyoota Afrikaa Saahara gadi- keessattis akkuma biyyoota addunyaa biroo muxxanoon kan argisiisuu; baay’inni dhibeen sukkaraa akkuma dhibeewwan daddabroo hintaane ol ka’aa jira. A.l.A bara 2010 nammota tilmaaman milliyoona 12.1 ta’aan dhibee kana waliin jiraataa kan turaan yoo ta’u, Itoopiyaa keesatti a.l.A bara 2014tti dhukkubsattoota milliyoona 2 ol kan jiran ta’uunsaa mirkaana’eera. A.l.A. hamma bara 2030tti tilmaamni kun gara milliyoona 23.9 ( dachaan) kan ol guddatu ta’a.

Dabalataniis namoota dhibee kanaan qabamaan kan umurii waggaa 40 gadi jiran, lubbuun jiraachuu danda’u jedhamee kan tilmaamamu [ life expectancy] giddugaleessan dhiiraaf waggaa 12n akkasumas dubartootaaf immoo waggaa 19n umrii isaanii ni gabaabbata jeedhamee tilmaamama.

Sadarkaa biyyoleessatti baay’inni dhibbee kanaa biyyota diinagdeen guddataa jiranirra haalan baayi’etaa deema.Kana malees umrii namaa gabaabsa.Akkasumas guddina diinagdeefi baajeta fayyaaf ramadamus haalan kan midhuu ta’a. Dhibeen kun baasiifi dhibbaa diinagdee irratti fiduus yoo ilaalee; waldhaansi dhibee Sukkaraa, horiidhaanis taanaan baasii guddaa qaba. Kanaafuu, waldhaansi fayyaa dhibee sukkaraa galii dhukkubsatootaafi maatii isaanii irratti rakkoo guddaa kan geessisudha.Walumaa galatti; Haalli dhibee kanaa akkuma addunyatti baay’ee yaadeessaa ta’aa waan dhufeefi akkasumas dhukkuba umurii guutuu nama waliin jiraatuu( Life time risk) waan taheef dhibee kana irraa bilisaan ta’anii jirrachuuf of-eegannaafi ofirraa ittisuun tooftaa filannoo hinqabneedha.

Dhibeen sukkaaraa maalli?

Bu’uurri kutaalee qaamaa keenyaa (“Seelooti”) giluukoozii kan guban, kutaa xiqqaa “maayitokondiriyaa”jedhamtee beekamtu keessattidha.Akkuma boba’aan konkolaataa oksijiiniidhaan siliindarii mootoraa keessatti gubatu jechuudha.Egaa dhibeen sukkaaraa kan dhufu iddoo kanattidha. Qaamni sababii tokkoon ykn garabiraan guluukoozii humnaaf itti fayyadamuu yeroo dadhabu dhukkubi kun muldhata.Kanaafis sababiin guddaa guluukoozii kan gubu Insuliiniin tajaajilaa ala waan ta’eefidha.Jeequmsi kunis kan uumamuu,Insuuliiniin hamma barbaadamu hin oomishamu.Yookiin immoo tasumaa hin oomishamu,Yookiin immoo utuu Insuuliiniin jiruu,Seeloti ajejamuu yeroo didanidha.

Insuliiniin oomishamuunsaa yeroo dhaabbatu,ykn tamsaasa giluukoozii saffisiisuu yeroo dadhabu baayi’inni guluukoozii dhiiga keessa jiru dabalaa deema.Qaamnis guluukoozii faayidaa humnaaf ittiin tajaajilamuu waan hin dandeenyeef akka filannootti pirootiiniifi cooma gubuuf dirqama.Egaa guluukooziin dhiiga keessa jiru yeroo ol ka’uu dhukkuba sukkaaraa jedhamee beekama.

Keessumaa guluukooziin dhiiga keessa jiru guyyoota walitti aananiif Deesii liitirii keessatti “Miigii 140 ol kan muldhatu yoo ta’e dhukkubi kun muldhachuusaa agarsiisa.Sukkaarri (Guluukooziin) yeroo dheeraaf haala kanaan ol ka’aa yoo ture fayyaarratti rakkoo fida.Kanarras dabree gara du’aattis geessuu danda’a.

Egaa akkaataan dhukkubi kun itti ka’u haala kanaaolitti kaasneen yoo ta’u,gosti dhukkubichaa akkuma sababiiwwan isaaniis garaa garadha.Isaan kunniinis,dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa, 2ffaa,fi gosa 3ffaa dhukkuba sukkaaraa ulfaa wajjin walqabate jennee gar gara qoodnee ilaalla.

1. Dibbee shuukkaraa gosa -1 (dhibee sukkaaraa hirkkataa Insuuliinii kan ta’ee) , dhibee sukkaaraa ijjoolee. Dhibbeentaa 5-10 % qabaata

2. Dhibee sukkaaraa gosa -2 ( hirkkataa Insuuliinii kan hin ta’iin, dhibee sukkaara nama guddaa, Dhibbeentaa 90-95 % qabaata

3. Dhibee sukkaraa yeroo ulfaa ka’umsisaa kan hinbeekamine yoo ta’u; garuu qorannoon akka mul’isutti dhaangala’aan xaanachaafi insuuliniin yeroo walitti bu’uu jeedhamee tilmaamamaa.

Dhukkuba sukkaaraa gosa 1 ffaa

Dhukkubi sukkaaraa kun irra caalaa kan muldhatu ijoolleefi dargaggoota irratti yoo ta’u(umrii waggaa 40 gadi) darbee darbees namoota umrii waggaa afurtamaa ol ga’an irrattis ni muldhata.Sababiin ka’umsa dhukkuba kanaa qaama namaa keessa insuuliiniin jiru yeroo hirdhatudha.

Dhukkuba sukkaaraa gosa 2 ffaa

Dhukkubi sukkaaraa akka kanaa, kana dura ga’eessota qofaarratti kan muldhatu akka ta’etti hubatamaa kan ture si’a ta’u,tibba ammaa garuu ijoollee irrattis muldhachaa dhufeera. Keessumaa maatii dhukkuba sukkaaraa qaban keessatti daa’imaan umrii hamma lamaa ga’an irrattis dhibeen sukkaaraa kun muldhachuu danda’a.Al takka takkas dargaggoota hamma umrii waggaa 30 ga’an irrattis muldhachuu danda’a.Irra caalaatti garuu dhukkubi kun namoota umrii waggaa 40 ol ta’an irratti muldhata.Namooti dhibee sukkaaraa gosa kanaaf saaxilaman,qaama furdaa (guddaa) cooma baayi’ee qaban si’a ta’u,ulfinni qaama isaanii dheerina hojjaa isaanii wajjin kan wal hin ginnes dhukkuba kanaaf saaxilamuu danda’u.Hammumma umriin dabalaa deemu balaan dhibee sukkaaraa kun dabalaa deema. Kana malees dhukkuba kanaaf kan saaxilaman namoota sochii qaamaa hin goone nyaata isaanii irratti cooma baayi’ee nyaatanidha.

Mallattoon gosa dhukkuba kanaa namaarraa gara namaatti garaa garadha.Haalli dadhabbii irratti muldhata.(Humna dhabu.),ni huuqqatu,bishaan dafanii dafanii dheebotu,beela’u, dafanii dafanii fincaa’u. Dhukkubi sukkaaraa gosa kanaa dhukkuba dhiibbaa dhiigaa(blood pressure) wajjiinis haalli itti muldhatus jira.Waan kana ta’eef namni gosa dhukkuba sukkaaraa kana qabu,ijisaa arguu irratti rakkoo qaba.Miilli isaas ni dhidhiita’a, ni hadoodas.

Dhibee sukkaaraa gosa 3ffaa yeroo ulfaa

Gosti dhukkuba sukkaaraa kun yeroo ulfaa, dubartoota tokko tokko irratti muldhata.Yeroo baayi’ee erga dahan booda ykn ulfi yeroo irraa ba’u,dhukkubichi irraa bada.

Dhukkubi sukkaaraa yeroo ulfaa yoo muldhate haadharrattis ta’e mucaa garra jiru irratti rakkoon fidu maali?

Dubartooti gosa dhukkuba 1ffaafi 2ffaa qaban akkuma nama kamillee bultii dhaabbatanii (heerumanii) dahuu danda’u. Garuu ulfaa’uuf karoora baafachuutu irra jira.Yeroon barbaadetti yoon ulfaa’e rakkoon hin jiru jedhamuu hin qabu.Abbaan manaafi haati manaa jireenya isaanii mijeeffatanii karoora baafachuu qabu.Karoorfachuu jechuun ulfaa’uu ishee dura hamma sukkaaraa sirreessuu qabu.Erga ulfoofterraa kaasees hamma deessutti hakiimota waliin hordoffii barbaachisaa gochuu ishee barbaachisa.Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa kan qabdu yoo tate,yeroo baayi’ee qoricha isaanii gara insuuliiniitti jijjiirrachuutu irra jira.Tarii utuu ulfi hin jalqabin insuliiniitiin fayyadamti yoo taate hamma barbaadamu sirreessuudhaaf hordoffii cimaa barbaachisa.Haala kanaan ulfi yoo jalqabe nagaan ofkaluu (dahuu) dandeessi.Ulfi gadameessi keessaa baayi’ee guddaa yoo ta’e mucaan gadameessa keessatti du’uu danda’a.

Sukkaarri haadhaas akkasuma to’annaa ala ta’uu danda’a.Sababii sukkaaraan dhukkubi dhufuu danda’an dhukkuba kalee,ijaafi dhiibbaa dhiigaadha.Kun akka hin taaneef furmaati guddaa sukkaaricha sirriitti to’achuudha. Yeroo da’umsi ishee ga’u ykn yeroo ciniinsuun ishee jalqabu, gargaarsa ogeessota fayyaan akka deessu gochuudha.

Dhukkuba sukkaaraa utuu hin qabaatin, ulfaa’uu ishee wajjin walqabatee dhukkubi sukkaaraa dhufus jira.To’annaan isaa kanaa olitti kan ibsine irraa adda kan ta’e osoo hin taane, nyaata qofaan dhukkuba kana ofirraa ittisuun ni danda’ama.Wanti guddaan sukkaaricha sirreessuuf kan godhamuun irra jiru gochuudha.

Sababiiwwan Balaa Dhibbee Sukkaaraa [Risk Factors]

  • Xin lubbuu[ Genetics] – Sanyii keenya keessaa namni dhibee kana qabu yoo jiraate carraan dhibbee kanaaf saxilamuunsaa ol ka’aa

  • Haala naannoo- fakkeenyaaf dhibee vaayirasiif saaxilamuu

  • Qaamni keenyaa dhukkuba ofirraa ittisuuf yeroo humna dhabu.(Immunity)

  • Haala nyaataa- qabiyyee vaayitaminii D gadi aanaa, anaan loonii ykn kan waarshaatti qopha’u daa’imman umurii ji’a sadii gadiif kennuu

  • Ulfina qaamaa- Coomaa qaama keessatti baayi’inaan yoo jiraate mormii seelliin keenyaa insuuliiniif qabu dabalaa.

  • Sochii qaamaa gochuu dhiisuu

Sababiiwwan balaa dhibeee sukkaaraaf nama saaxilan

  • Xin lubbuu[ Genetics] – Fira keenya keessaa namni dhibee kana qabu yoo jiraate carraan dhibbee kanaaf saxilamuunsaa ol ka’aa

  • Saanyii- fakkeenyaaf saanyii uummata gurrachotaa

  • Dhibee sukkaraa ulfa waliin dhufuu- fakkeenyaaf daa’ima ulfinnii qaamaa kiiloo 4 ol (paawundii 9 ol) ta’ee da’uu.(dahuu)

  • Dhibee mallattoo dhukkuba hedduu qaama gadameessaa( Poly cystic Ovary Syndrome)

  • Dhibbaa dhiigaa ol ka’aa- > 140/90mmhg yoo ta’e.

  • Cooma dhiigaa kan hin baramiin[ Abnormal blood lipids)

  • Furdina (gabbina) qaamaa– ulfinni qaamaa yoo baayi’ee guddate 120% caalaa yoota’e (dhukkubsattooti 90% akkasi) dhukkuba kanaaf saaxilamu.

Mallattowwan gurguddoo

  • Daddafanni fincca’uu, hedduu beela’uu, hedduu bishaan dheebochuu, baay’ee huuqachuu/ hirrina qaamaa, baay’ee dadhaabuu, kkf…

Haala dhibee kana ittiin beekaan

  • Seenaa dhukkubsataa gaafachuu

  • Qorannoo qaamaa goochuu

  • Qorannoo laaboratoorii dhibee shukkaraa

  • Qorannoo biroo gochuu

Dkkubi kun rokkoolee fidurraa furmaata waldhaansa guguddaa sadii hordofuu barbaachisa.

1.Guluukoozii dhiiga keessa jiru to’annoo jala oolchudha.Kanaafis tooftaan gargaaran.

A.Akkaataa nyaata sirreessu(walqixeessuu)

B.Sochii qaama jabeesu gochuu (Ispoortii)

C.Qorichaan fayyadamuu (Insuliiniifi kiniina liqimfaman )

2.Dhukkubichaa wajjin rakkoolee wal hidhata qaban sirreessuu

A.Ol ka’iinsa cooma dhiiga keessa jiru akka ol hin kaane sirreessuu

B. Dhiibbaa dhiigaa sirriitti too’achuu

C.Ulfina qaamaa (Obesity) sirressuu (to’achuu)

3.Ka’umasa dhibee sukkaaraa tibba isaatti qorannoo gochuu.Yoo muldhates waldhaansa fayyaa barbaachisaa ta’e gochuu.

A.Rakkoo arguu (Iji sirriitti arguu yeroo dadhabu)

B.Balaa dhukkuba onnee

C.Ulfina qaamaa fayyaalessa hin taane.

D.Rakkoo kalee

E.Rakkoo nerviifi kan biroo

Iccitii kurnan Rakkoolee dhukkubi sukkaaraa fidan

Dhukkubsattooti sukkaaraa kan ittiin miidhaman, achirra dabrees du’aaf kan saaxilan karaa guguddaa lamaani.Sababiiwwan rakkoo fidan kunniin lamaan, rakkoo battala muldhataniifi adeemsa yeroo keessatti kan muldhatanidha.Rakkoolee kanarraa of baraaruuf waldhaansa fayyaaf kan gargaaran waan sadii hojiirra oolchuu barbaachisa.Isaanis haala nyaataa,ga’umsa qaamaa (sochii qaamaa,ispoortii)fi qoricha (Insuliiniifi kan liqimfaman)dha.

Egaa kunniin qajeelfamoota guguddoo irraanfatamuu hin qabnedha.Qajeelfamni lammaffaa immoo rakkoolee muldhatan yerootti addaan baasuudhaan miidhaa irratti utuu hinkufin dura waan barbaachisaa hunda akka godhan kan nama gargaaru tooftaa bu’a qabeessa raawwachuu barbaachisa.

Waggaa waggaadhaan qorannoo fayyaa waliigalaa,fayyummaa ijaa,kan ilkaanii gochuu, miillaaf eeggannoo gochuu,talaallii tibbasaatti fudhachuu,guyyaa guyyaadhaan Aspiriinii fudhachuu, dhiibbaa dhiigaafi Sukkaara dhiiga keessaa to’achuu, yaadaan dhiphachuu hirdhisuu dha.

Dhumarrattis dhimma nyaata ilaaluun barumsa kennamu waggaa waggaan hordofuun bu’aa guddaa qaba.Hayyooti akka gorsanitti dhukkubsattooti guyyaa guyyaadhaan nyaata nyaatan irratti dabalataan Vaayitaamiinii fudhachuu qabu.Akka qorannoon muldhisutti vaayitaaminootaafi albuudaawwan kunniin keessaa albuudaan Kirominiyemii bifa kiniinaan yoo fudhatame ni gargaara.

Akkasumas nyaata Maagniziyemiifi Vaayitaaminii C qaban nyaachuun baayi’ee gargaara.Keessumaa dhukkubsattooti sukkaara isaanii sirriitti hin to’anneefi balaa dhukkuba onneef saaxilamuuf carraa qaban,Magniziyemiin sadarkaa giddu gala waldhaansa fayyaatti kennamuufii danda’a.(ajejamuuf danda’a).Ta’us walumaa galatti dhukkubsattooti nyaata Maagniziyemii baayi’inaan qaban yoo nyaatan gaariidha.Nyaati maagniziyemii guddaa qaban Chokkolaataa,fi boloqqee yoo ta’an akkasumas midhaan callaadha.Vaayitaamin C dhiigi qaama keenya keessa saffisaan akka nanaanna’ufi hiddi dhiigaa akka hin dhiphinne gargaara.Kunis sababii kanaan rakkoo kaleefi ijaaf furmaata kenna.

Rakkoo walxaxiinsa dhibee sukkaraa

Baayi’inni sukkaaraa yeroo gadi bu’u sirreessuuf

Dhukkubsataan sun baayi’inni sukkaaraa gara 70 gadi bu’aa yeroo dhufu nyaata kaarboo haayidireetii guddaa qaban fudhachuu barbaachisa.

Aannan ykn Cuunfaa kudraa burcuqqoo tokko

Dhugaatii lallaafaa sukkaaran bulbulame

Damma ykn Sukkaara faldhaana guddaa tokko ykn karameellaa sadii fudhachuu barbaachisa

Waan kana ta’eef dhukkubsattooti sukkaaraa boorsaa isaanii keessatti waan mi’aawaa qabachuu isaan barbaachisa.

Walxaxiinsa battalaa

Balaa battala muldhatu (Keeto asidoliis) __Baayi ‘inni Giluukoozii dhiiga keessa jiru yeroo baayi’isee ol ka’u dhukkubsataan sun of wallaalee kufa.Jecha waldhaansa fayyaatiin koomaa keessa gala.Kunis kan muldhatu namoota dhibeen sukkaaraa akka isaan keessa jiru hin beekne irratti muldhata.

Diiyabeetiik keeto-asiidosiis : Meedikaala battalaa haala balaahamaa olaanaa ta’e. Ka’umsisaas gad-bu’iinsa insuulinii fi ol ka’iinsa keettonii dhiigaati.

  • Haala Naan-keetonik hiypeer osoomolaar – hamii olkaa’iinsa gluukosii dhiigaa (300 mg/dl ol) wayitti ta’u. kunis ka’umsisaas iddoo buusuu dhooqaa bishaanii seellii qaamaa ala ta’uu, gara gogina hamaatti kan fuudhatu.

  • Dhukkuba shukkaraa gadi aanaa: haala baayyeen gadi buu’insa shukkara dhiigaa.

  • Of wallaaluu: bu’aa walxaxiinsa dhibbee shukkaaraa kaminyyun dhufuu kan danda’uudha.

Walxaxiinsa hidda godhataa/amaleeffataa

  • miidhaa hidda dhiigaa xixxiqqoon kan dhufuu:

fakeenyaaf;

  • Diiyaabeetikii kaardiyoo maayopaatiy ( qaama onnee irratti midhaa kan geessisuu)

  • Diiyaabeetikii neefropazii ( kaallee irratti midhaa kan fidu)

  • Diiyaabeetikii nuuropazzii ( naarvii irratti miidhaa kan fidu)

  • Diiyaabeetikii reetiinopazzii ( Ijaa iratti midhaa kan fidu)

waldhaansa dhibee sukkaaraa

Ijoon kaayyoo wal’aansa sukkaaraa : dhangala’aa dhiigaa [glucose] dhaqina keessa jiru too’achuu, dhiibbaa dhiigaa( Blood pressure), fi cooma sadarkaa barametti too’achuudha.

Ittisa dhibbee Sukkaaraa

Dhibee ittisuun dhibee faayisuu irra fooyya’aadha. Dhukkubsatanii rakkachurra, dursanii of-eeguun filannoo hinqabu.

Nyaata qaaccaa heddu qabu argaachuu[ Fiber diets or roughages] fak. Raafuu, baaqilaa, burtuukaana, midhaan{ booqqoloo] , gosa goraa, waakkoo [ mushroom), ajjaa, magariisa baalli itti baay’atuu, Kuduraafi muduraa, ija midhaanii, kkf…kana malees nyaata haala mi’aawwaa qaban kan akka sukkaaraa,karameellaa,keekki,dhugaatiiwwan lallaafaa,damma,shonkoraa agadaa kkf…

Ulfina dabalataa baleessuuu

Gosa nyaataa fayyya kennaan nyaachuu; kunniinis

  • Kan xiyyeefatu kuduraafi muduraa, midhaan hundumaa,cooma irraa bilisa ykn cooma gad-aanaa bu’aalee horsiisa loonii

  • foon akaakuu hindaaqqoo/lukkuu,Soololiyaa,daakiyyee,googgorrii,qurxxumii, baaqilaa,ochooloonii,

  • Cooma, soodiyyamiifi dabalata sukkaraa xiqqeessuu

Vaayitaamiin ‘C’n deddeebi’a dhiigaa saffisiisuudhaan dhiphina dhiigaa hirdhisuudhaan rakkoo dhibee kaleefi dadhabuu ijaa baraaruu dan da’a.Nyaati vaayitaamin C Loomii,Burtukaanaafi kudraalee kaanisa ni dabalata

Gara biraa eeggannoo gochuun kan barbaachisu;

Dhukkubsataan sukkaaraa tamboo aarsuu hin qabu.

Bunnis keemikaalii nama dadammaqsu kaaffeen jedhamu qaba.Guyyaatti buna shiinii 5-10 dhuguun guluukoozii dhiiga keessa jiru dabala.Kanaaf buna baayi’ee dhuguun miidhaa fida.

Dhugaatii alkoolii kan akka Biraabdi,Jiinii,Wiskii yoo baayi’ete malakkaa (Siinii) lama dabarsuu hin qaban.Wayiniifi biiraa tasa dhuguu hin qaban.

Dhibee sukkaaraa irraa of eeguuf nyaata nyaannu haa filannu (Discover Your Best Diet. ‘” There is no diet that will do what healthy eating does”)

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s