Seenaa Atileetiksii Maaraatoonii

Waldorgommiin fiigicha Maaraatoonii k.m.42.195 ykn Maayilii 26.218 kan fagaatudha. Yaadannoon isaas a.l.A dhaloota kiristoos dura (B.C) bara 490 biyyi Giriikii biyya dur Impaayera Pershiyaa jedhamuu (Iiraan ammaa) wajjin dirree waraanaa iddoo Maaraatoon jedhamu irratti yeroo dheeraaf wal waraanaa erga turan booda Giriikiin hinjifannaan loltuun gooti lammii Girikii Fiidipiidis(Phiedppides) jedhamu oduu gammachiisaa kana himuuf boqonnaa tokko malee fiigichaan magaalaa guddaa Giriikii Ateens ga’ee uummata oduu kana dhaga’uuf walitti qabameef “Mooneerraa!” jedhee erga dubbate booda onneensaa dadhabee lubbuunsaa dabarte.Waan kana ta’eef waldorgommiin fiigicha Maaraatoonii kan adeemsifamu loltuu Girikii Fidipiidis jedhamu kana yaadachuuf kan jalqabamedha.

Magaalaa Maaraatoon irraa gara magaalaa Ateens karaan geessan lamadha.Karaan tokko gaarrii kan itti baayi’etu fageenya k.m 35.4 dheerata.Karaan gara biraan immoo gaara kan hin qabne k.m.40.8 dheerata.Egaa Fiidiippiidiis, karaa isa dirree dhiisee, karaa gaarri itti baayi’etu irra fiiguudhaan oduu gammachiisaa kana hime.

Egaa yaadannoo kanaaf a.l.A.bara 1896 waldorgommiin fiigicha Maaraatoonii jalqabamuu danda’e.Waan kana ta’eef yeroo sana dirree waraana Maaraatoonii irraa hamma magaalaa Ateensitti fageenyi jiru k.m.40.8 ture.Waldorgommiin fiigichi Maaraatoonii kun akka godhamu jalqaba yaada kan dhiyeesse lammii Girikii, Miisheel Biriil (Michel Breal) jedhama.

Waldorgommiin fiigicha ammayyaa Maaraatoonii kan godhame a.l.A.bara 1896 ji’a bitootessa keesa ture.Waldorgommii kana irratti kan mo’ate lammii Girikii Chariloos Vasilikoos jedhama.Fiigicha kana fixuuf yeroon itti fudhate sa’atii 3fi daqiiqaa 18 ture.

Keessumaa a.l.A.bara 2004 seenaa sana yaadachuuf waldorgommiin olompikii addaa rmagaalaa Maraatoonii irraa kaasee hamma Istaadiyoomii magaalaa Ateensii, Paanaatiinayiikoo jedhamu irratti adeemsifame.Haalli waldorgomichaas akkuma Fiidipiidis bara sana miill qullaa karaa gaarri itti baayi’etu irra fiige sanatti fiiguu ture.Akkuma kanaan waldorgomtooti miilla qullaa karaa gaara Fiidipiidis irra fiige irratti fiiguudhaan Waldorgomani.Waldorgommii addaa kana irrattis kan mo’ate lammii Xaaliyaanii Istiifaanoo Baaldiinii jedhamu si’a ta’u,fageenya sana fixuuf sa’atii 2fi daqiiqaa 10fi sekondii 55 itti fudhate.

Waldorgommiin Maaraatoonii dubartootaa kan jalqabame immoo,a.l.A.bara 1984 ji’a gannaa keessa ture.Iddoon itti waldorgommiin kun adeemsifames,biyyaa U.S.Ameerikaa magaalaa Losaanjeles keessatti ture. Waldorgommii kana irratti sa’atii 2:24:52 galuudhaan kan mo’atte,Joo aan Benooyiit kan jedhamtu lammii U.S. Ameerikaadha.

Waldorgommii Maraatooii Olompikii adduunyaa a.l.A.bara 2008 biyya Chaayinaa magaalaa Beejiing irratti adeemsifame irratti sa’atii 2:06:32n xummuuruudhaan kan rekordii fooffessee mo’ate, lammii Keeniyaa Saamu’eel Kaamaa’uu Waanjaaroo jedhamudha.Qixuma kanaan a.l.A.bara 2012 waldorgommii Olompikii Maaraatoonii dubartootaa ganna godhame irratti sa’atii 2:23:07 mo’achuudhaan rekordii dubartootaa kan cabsite immoo intala Oromiyaa Tikii Galaanaadha.

Suuraa Atileet Tikii Galaanaa

Dheerinni fageenya waldorgommii Olompikii Maaraatoonii baroota dheeraadhaaf tokko hin turre.Sababiin kanaas tibba garaa garaa walii galteerra waan hin ga’ameneefidha.Tibba garaa garaa fageenya garaa garaa qaba ture.Dhumarratti garuu k.m 42.195 ta’ee akka itti fufu murtaa’e.Kanaa gaditti kan jiru yoo ilaalle;

A.L.A.bara Fageenya

1896 ____________k.m 40

1900______________k.m40.26

1904______________k.m.40

1906______________k.m41.86

1912______________k.m.40.2

1920______________k.m.42.75

1924 hamma hardhaatti k.m.42.195

Akka kanaa olitti tartiibaan muldhisuu yaaletti, fageenyi fiigichi waldorgommii Maaraatoonii,a.l.A.bara 1924 irraa jalqabee hamma hardhaatti dhaabbataa ta’ee akka itti fufu murtaa’e.

Waldorgommiin fiigicha Olompikii adduunyaa, ganna ganna keessa waggaa afur afuritti kan adeemsifamu si’a ta’u, waldorgommiiwwan fiigicha Maaraatoonii 500 ta’antu, biyyoota garaa garaa keessatti waggaa waggaadhaan adeemsifama. Biyyoota kunniin keessaa waldorgommiin fiigicha maaraatoonii Barliin,Room,Booston,Chikkaagoo,London Niwu yorkiifi Tookiyoo beekamtii olaanaa qabu.Biyyoowwan kunniin keessatti atileetota dhiirootaafi dubartoota rekordii cabsaniif badhaasi doolaarii Ameerikaanii 500,000 ta’utu kennama.

Waldorgommii fiigicha Maaraatoonii waggaa waggaan godhamu keessaa,waldorgommiin Maaraatoonii Boston umrii dheeraa qaba.Waldorgommiin Maaraatoonii Boston kun kan jalqabame,a.l.A. bara 1897dha.Yaadannoon guddaa waldorgommii Maaraatoonii Boston sun qabsaa’ota gootota bilisummaa U.S.Ameerikaafi qabsoo diimokiraasii Ameerikaanotaafi Girikotaa yaadachuufidha.

Waldorgommiiwwan Maaraatoonii,bifa adda ta’een iddoofi haala garaa garaan geggeeffamaniiru.Fakkeenyaaf biyya cabbaa’aa Anetartikaa,Noorwee,Gimbii guddicha Chaayinaarra,tulluu Himaaliyaa meetirii 3,500 guddatuufi tulluu Tiibeet irratti, akkasumas tulluu cabbii Giriin laand irratti adeemsifamaniiru.

Gara biraa kan ibsamuun irra jiru a.l.A.bara 1974 kan jalqabame waldorgommii Maaraatoonii Wiilcheeriidha.Waldorgommiin kun kan jalqabe biyya U.S.Ameerikaa Ohaayoo magaalaa Kolombos keessatti si’a ta’u, kan mo’ate lammii Ameerikaanii Boob Hool jedhamudha.Sa’atiin inni itti mo’ates sa’atii 2fi daqiiqaa 54.

Namtichumti kun a.l.A. bara 1975 US.Ameerikaa magaalaa Boston keessatti waldorgomii Maaraatoonii godhame irratti mo’ateera.A.l.A.bara 2004 magaalaa Boston keessatti waldorgommii Maaraatoonii wiilcheriidhaan godhame irratti Sa’atii 1:18:27n rekordii cabsee kan mo’ate, lammii Aeerikaanii Ernest vaan Daayik kan jedhamudha.

Waldorgommii Maaraatonii Wiilcherii dubartoota gidduutti adeemsifame irratti immoo kan mo’atte,lammii US.Ameerikaa Jii’aan Diris Koyil jedhamti.Dubartiin kun al saddeet kan mo’atte yoo taatu kunniin keessaa al torba kan mo’atti walitti aansuudhaanidha.

Waldorgommii Maaraatoonii waggaa waggaadhaan biyyoota garaa garaa keessatti adeemsifamu irratti rekordiin galmaa’e sa’atii 2:02:57 yoo ta’u,abbaan rekordii kanaa atileetii lammii Keeniyaa Deeniis Kiimeetoo jedhamudha.Kan adeemsifames a.l.A.ji’a Fulbaana bara 2014 waldorommii Maaraatoonii magaalaa Barliin irratti ture.

Dubartootaan immoo waldorgommii Maaraatoonii magaalaa Barliin keessatti a.l.A.ji’a Ebila 13,bara 2003 adeemsifame irratti, sa’atii 2:15:02 galmeessuun kan mo’atte, lammii Ingilizii Paawulaa Raadiikiliifidha.Rekordiin kun hamma hardhaatti hin cabne.

Federeeshiniin waldorgommii Atiletiksii adduunyaa (I.A.AF) a.l.A. hamma bara 2015tti biyyoota garaa garaa keessatti waggaa waggaadhaan adeemsifame irraatti, atileetota dhiiraafi dubartoota mo’atan, maqaa,sa’atii galmeessaniifi biyya isaanii akka kanaa gadiitti galmeessee qabateera.

Dhiira

L.K Maqaa Sa’atii galmaa’e lammii

1 Deeniis Kiimaatoo 2:02:57 Keeniyaa

2 Emmanuel Mutai 2:03:13 Keeniyaa

3 Wilson kipsang 2:03:23 Keeniyaa

4 Patrik Makau 2:o3:38 Keeniyaa

5 Hayile G.Sillaasee 2:03:59 Itoophiyaa

6 Eluid kipchoge 2:04:00 Keeniyaa

7 Geouery Muta 2:04:15 Keeniyaa

8 Ayele Abshiru 2:04:23 Itoophiyaa

9 Duwean Kibet 2:04:27 Keeniyaa

10 Jons Kuwambi 2:04:27 Keeniyaa

Dubartoota

1 Paula Radicliff 2:15:o2 Ingilizii

2 Mary Kitany 2:18:37 Keeniyaa

3 Caterina Ndereba 2:18:47 Keeniyaa

4 Tikii Galaanaa 2:18:56 Itoophiyaa

5 Mizuki Noguchi 2:19:12 Jaappaanii

6 Irina Miki Tenko 2:19:19 Jarmanii

7 Gladys Cherno 2:19:25 Keeniyaa

8 Aselefechi Margiyaa 2:19:31 Itoophiyaa

9 Lucy Kabuu 2:19:34 Keeniyaa

10 Deena Kastor 2:19:30 Ameerikaa

Dinqisiisaa !

Waldorgommii Maaraatoonii biyyaa Kaanaadaa magaalaa Torontoo irratti a.l.A ji’a Onkoloolessa bara 2011 adeemsifamee irratti, dorgomaan umrii guddaa lammii Ingilizii Faawu Jaasiin jedhamu.Umriin isaaniis waggaa 100dha. K.m.42.195 fiiganii fixuuf sa’atii 8:11:05 itti fudhate.Jaarsi kun umrii kanaan waldorgommii kana fiiganii xummuuruu isaaniitti galmee dinqisiisaa adduunyaarratti galmaa’aniiru.

Kana malees a.l.A bara 2010 Maaraatoonii dubartootaa biyya Ameerikaa Hawaayi magaalaa Honoluuluu keessatti adeemsifame irratti kan qooda fudhatan keessaa umrii guddaan, jaartii waggaa 92 lammii Ingiliizii Gilaadiis Barniil jedhamanidha. Fageenya k.m.42.195 fiiganii xumuuruuf sa’atii 9 fi daqiiqaa 53 itti fudhate.Jaartiin kunis umrii kanaan fiiganii xummuuruu isaanitti galmee dinqisiisaa adduunyaa irratti galmaa’aniiru.

Akkasumas a.l.A bara 2006 waldorgommii Maaratoonii biyyaa Hindii magaalaa Ooriisaa keessatti adeemsifame irratti kan qooda fudhatan keessaa uumrii xinnoon daa’ima umrii waggaa 3 lammii biyya Hindii, Budehaa Siin jedhamudha.Daa’imni kun fageenya k.m.42.195 fiigee xummuuruuf sa’atii 7 fi sekondii 02 itti fudhate. Egaa daa’imni kun kanumaan adduunyaa irratti umrii kanaan waldorgommii Maaraatoonii kan fiige nama jalqabaa ta’uu danda’e.Utuu waldorgommichi hin jalqabamni lubbuu isaa irratti balaa fida sababii jedhuun akka dorgommii kana keessatti hin hirmaanne dhorkanii turan.Inni garuu, didee waldorgommii keessa seenee fiigee xumuureera.Kanumaan galmee dinqisiisaa adduunyaa irratti galmaa’e.

Adduunyaa irratti waldorgommii Maaraatoonii dorgomtooti baayi’ee irratti hirmaatan waldorgommii biyya US Ameerikaa a.l.A. bara 2011tti adeemsifame irrattidha.Waldorgommii kana irratti dorgomtoota 518,000 irratti hirmaatan.

Adduunyaa irratti waldorgommii Maaraatoonii yeroo baayi’ee qooda kan fudhate,Atileetii lammii Ingiliizii Roojer Bigis jedhamudha.Roojer Bigis waldorgommii Maaraatoonii 700 biyyoota garaa garaa adduunyaa irratti hirmaateera.

Adduunyaa irratti biyyi walitti aansuudhaan al sadii waldorgommii fiigicha Maaraatoonii mo’atte, Itoophiyaa qofaadha.Abbabaa Biqilaa a.l.A.bara 1960 magaalaa Room irratti, A.l.A.bara 19664 immoo magaalaa Tookiyoo irratti,kan mo’ate si’a ta’u Maammoo Waldeen immoo a.l.A. bara 1968 Meeksiikoo irratti mo’ate.Dubartootaan immoo atileetoti Ispeeniifi Keeniyaa walitti aansuudhaan mo’ataniiru.

Kabajamoota dubbistootaa ! damma utuu mi’aawuu maragu jedhama mitii? Anis waa’ee seenaa ka’umsa waldorgommii fiigicha Maaraatoonii isiniif jedhee gudunfadhee fide, kanumaanin xumuura. Waan dubbistaniif galatooma.

Ababaa Ijjiguu irraa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s