Koo garaan bosona miti jamaa
Keessa koon gubadhee maafan aadaa deema.
Hin dubbadhu hin jedhu anoo nan dubbadha
Quuqqaa garaa kootiin baaseen obbaafadha.
Callisees argeeraam baayi’eeyyuun callise
Innis ittuu homaa gowwaa nafakkeesse.
Utuman beekuu akka namaa hin beeknee
Arrabsamee dheekkamamee kankoo kennee
Natti fe’an baadhee
kan naaf kennan nyaadhee
Nafakkeessuu hin oolle cirumayyuu harree
Yoos dubbachuu wayya callisuunkoo maarree.
Hin dubbadhu hin jedhu nan dubbadha jamaa
Abjuunuu himatan hiikisaa argama.
Ximqataa Kumarraa Tumsaa irraa