Adduunyaa irratti Biyyooti bahaa giddu galeessa jedhaman yeroo baayi’ee Gibtsii(Misira) irraa kaasee hamma Armeeniyaa gidduutti uummattooti argaman; Arabooti, Pershiyaa,Turkiifi Kuurdoti lakkoofsa baayi’ee kan qaban si’a ta’an, faallaa kanaan lakkoofsa xinnaa kan qaban immoo Armanoota,Asoorota,Serkaasiyaanota,deruzoota,Ayihudotaafi k.k.f keessatti argamu.

Naannoo biyyoota bahaa giggu galeessa kunniin adduunyaa kaan irraa adda kan isaan godhu,1ffaa, iddoo ka’umsa amantiiwwan adduunyaa guguddaa sadan; jechuunis Kiristinnaa,Musileemaafi Ayihudii waan ta’aniifidha.

2ffaa immoo, naannoon kun ka’umsa qaroomini adduunyaa itti jalqabe lageewwan guguddaa Efraaxesiifi Taayigires jedhaman naannoo itti argaman waan ta’aniifidha.

3ffaammoo qabeenya boba’aa adduunyaa dhibbeentaan torbaatamni (70%) iddoo itti argamudha.

Egaa sababiiwwan siyaasaa,diinagdeefi amantii kanaa olitti kaasne irraa kan ka’een naannoon kun baroota baayi’eef, naannoo walitti bu’iinsaafi jeequmsaa ta’ee yoona ga’eera.

Biyyooti bahaa giddu galeessa kan jedhaman isaan kamii ?

Baahireen,Qophiroos,(Cyprus),Misira,Iraan,Iraaq,Israa’eel,Yoordaanoos,Kuweet,Liibaanoos,Oomaan, Filisxi’eem, Kuwaataar,Saa’udii Arabiyaa, Sooriyaa,Tuurkii,Imreetota Arabaa gamtoomanii (United Arab emirets) Yemen.

Ka’umsi waldiddaa biyyoota bahaa giddu galeessa kunniinii maalii?

Sababii walitti bu’iinsa isaanii iddoo sadiitti hirree ilaalla.Isaaniis;

1/ A.l.A bara 1800_hamma lola waraanaa adduunyaa lammaffaa

2 / Lola waraana adduunyaa lammafaarraa hamma a.l.A bara 2000tti

3/ A.l.A.bara 2000 irraa kaasee hamma ammaatti baroota jiranidha.

Mee isaan kunniin tokko tokkoon haa ilaallu

1.A.l.A.bara 1800__hamma lola waraana adduunyaa lammaffaa

Naannoo dhuma jaarraa 18ffaa, Ayihudooti biyyoota Awurooppaa keessa kooluu galanii jiran cunquursaa jalaa akkamitti ba’uu akka danda’an sochii tokko tokko gochuu jalqaban.Biyya abdiidhaan hawwan Iyyeruusaalemitti deebi’uuf sochii siyaasaa “Tsiyoonummaa” jedhu jalqaban.Tibba lola waraana adduunyaa 1ffaa a.l.A.bara 1916 biyyoota bahaa giddu galeessa bitaa kan ture mootummaa Otumaan Turkii waan turteef Ingiliiziin hoggantoota biyyoota Arabaa dadammaqsuudhaan akka irratti fincilan goote.

Haata’ullee malee kaayyoon guddaa Ingiliiziin deggeers Ayihudootaa argachuuf a.l.A.bara 1917 mootummaa Ayihudotaa Paalastaayinii irratti hundeessuuf karoorfachuu ishee karaa ministera dhimma alaa ishee, Lord Arter Baalfor jedhamuun ifatti beeksifte.Murtiin Baalfoor kun “Balfor declaration” jedhamuun beekama.

2. Lola waraana adduunyaa lammaffaa a.l.A.bara 1939 irraa hamma a.l..A.bara 2000

Lola waraana adduunyaa lammaffaa booda haaraa kan hundeeffame dhaabbati mootummoota gamtoomanii (U.N) a,l,A. bara 1947 biyyi Filisxi’eem (Paalestaayin) jedhamu bakka lamatti qoodamee akka hundeeffamuufi magaalaan Iyyeruusaalem garuu mootummoota gamtoomanii jalatti haa bultu jechuudhaan murteesse.

Egaa tibba kana baayi’ina uummataatiin xinnoo kan ta’an Israa’el lafa Paalestaayin irraa 57% yeroo argatu, Palestaayinooti immoo lafa 43% qofa argatan.

Ingilizii malee pirezidaantiin U.S.Ameerikaa Harii Turumaan kan jedhaman mootummaan cimaa Ayihudi biyya Paalestaayin jedhamu kana keessatti akka hundeeffamu, dhuunfaadhaan shoora olaana raawwataniiru (yaallii guddaa godhaniiru.)

Keessumattuu Harii Turumaan, ministira biyya alaa isaanii wajjinillee utuu hin mariyatin, tarkaanfiin isaan fudhatan,qondaaltota mootummaa Ameerikaanii biratti mormii guddaa isaan irratti kasee ture.Sababii kanarraa kan ka’e tarkaanfiin isaanii kun Mihcuu Ameerikaanii kan turan biyyoota Arabaa baayi’ee dheekkamsiise.

Dhumarrattis a.l.A.ji’a caamsaa bara 1948 mootummaan Israa’eel ifatti hundeeffamuusaa labsame. Tibba sana waa’elummaan biyya Paalestaayiniin bulchaa kan turte Ingiliziin,alaabaa ishee buustee,alaabaa Israa’eel fannisuudhaan mootummaa Israa’eeliif beekamtii kennite.

Haata’ullee malee biyyooti Arabaa,murtii mootummoota gamtoomanii kana hin fudhanne.Ni morman.Kana qofaan hin dhaabbanne.Mootummaa Israa’eeliif beekumtii dhowwachuudhaan Iraaq, Sooriyaa, Liibaanoos, Yoordaanoos,Saa’udii Arabiyaafi Gibtsiin humnoota waraanaa isaanii tokko godhatanii,Israa’eel irratti lola waraanaa banan.Haata’ullee malee humnooti waraanaa Arabootaa sirriitti gurmaa’ee kan jabaate waan hin turreef salphaadhaan mo’aman.

Injifannoo kana booda Israa’eel biyya Paalestaayinii keessa kan jiraataa turan Paalestaayinota 750,000 ta’an ariitee baaste.Lammiileen Palastaayinii kunniin gara biyya Gibtsii,Yoordaanoosifi Libaanoos keessatti kooluu galtuu ta’an.Karaa gara biraatiin ammoo biyyoota Awurooppaafi biyyoota adduunyaa garaa garaa keessa kooluu galanii jiraataa kan turan lammiin Israa’eel gara Paalestaayiniitti yaa’an.

A.l.A.bara 1956 Gibtsiin Siwiiz kaanaalii to’annaa ishee jala galshite.Tarkaanfii ishee kunimmoo mootummoota Israa’eel, Ingiliziifi Faransaayii, waan yaaddesseef, gammoojjii Siinaa (Sinai penisula) Gibtsii irraa fudhatanii, to’annaa isaanii jala galshatan.

Arabootis harka isaanii maratanii hin teenye.A.l.A.bara 1967 Israa’eel irratti yeroo lammaffaaf waranaa banan.Haata’ullee malee utuu isaan hin ka’in Israa’eel dursitee humnoota waraanaa Gibtsii,Sooriyaa,fi Yoordaanoosiin rukututtee, iddoowwan tersimoo ta’an kan akka tullubbee Goolaanii Sooriyaarraa,West baank kan jedhamu immoo Yoordaanoos irraa, Gaazaammoo Gibtsii irraa lola guyyoota ja’af godhameen fudhatte qabatte.Lolli waraanaa Israa’eeliifi biyyoota Arabootaa kun seenaa irratti “lola waraanaa guyyaa ja’aa” jedhamee beekama.

A.l.A. bara 1973 immoo humnooti waraanaa Soriyaafi Gibtsii guyyaa gaafa uummati Israa’eel ayyaana waggaa isaanii kan “Yoom Kiporii” jedhamu ayyaaneffatan riphatanii lola waraanaadhaan rukutuuf yaalanii turan.Garuu deebisanii rukutamuudhaan mo’aman.Kana booda garuu Gibtsiifi Israa’eel jaarsummaa mootummaa Ameerikaaniitiin a.l.A.bara 1978 waliigaltee “Kamp Deeviid” jedhamee beekamu walii mallatteessan.

Waliigaltee kana boodas Israa’eel Gibtsii irraa kan fudhatte Siinaa,deebisteef.Haata’ullee malee waliigalteen isaanii kun biyyooti Arabaa biratti dheekkamsa guddaa kaase.Gocha Gibtsii kanas jabeessanii balaaleffatan.Sababii kanaan waajjiri liigii Arabootaa Gibtsii keessa ture cufamuu danda’e.

Kana booda ture egaa addi bilisa baastoti Paalastaayin kan hundeeffaman.Isaan kunniin keessaa Dhaabbata bilisa baasaa Paalestaayin,P.L.O. Yaasiir Araafaatiin hogganamuu, a.l.A bara 1987 Kaaliid Maashaadiin hundeeffamee kan hogganamu dhaabbati Haamaas,Ahimad Nasirallaadhaan kan hogganamu dhaabbati Hizboollaahfi gara biraanis Al Faatah kan jedhamu akka fakkeenyaaf kaasuun ni danda’ama

Waldorgommii Olompikii Atiletiksii adduunyaa a.l.A bara 1970 biyya Jarmanii magaalaa Miyuuniik irratti godhame ture irratti, Saalaa Kaliifaa jedhamuun kan hogganamu dhaabbati bilisummaa Paalestayin kan Bilaaki September (Black September) jedhamu atiletota Israa’eel 11 irratti gocha ajjeechaa raawwateera.

Keessumaa a.l.A. bara 1980moota baroota Paalastaayinoti bilisummaaf qabsoo guddaa itti godhan ture.Sochiin kun “Intifada”jedhamee beekama.Sochii kana keessatti dargaggooti Paalastaayin keessatti kan qooda fudhatan yoo ta’ellee rasaasa Israa’eeliin dhumaniiru.

A.l.A. bara 1993 magaalaa guddaa Noorwee Osloo keessatti Isiraa’eeliifi Paalastaayin waliigaltee nagaa “Oslo peace acord” jedhamu walii mallatteessan.Walii galtee kanaan Israa’eel Paalastaayinotaaf beekamtii ofiin bulcha murtaa’aa akka kennitu( Limited autonomy) murteeffame.

A.l.A. bara 1994ttis Israa’eel naannoo Gaazaafi Iyyaarikoo gadhiistee waan baateef waggoota 27f jeequmsa Israa’eeliifi Arabootaa gidduu ture xinnoo laaffisuu dandeesseetti.

Gara biraan immoo Ayihudoti, a.l.A bara 1999 ejjennoo siyaasaa muummicha ministira isaanii Yisihaaqi Raabiin, mormuudhaan ajjeesani.Tarkaanfiin lammiilee Israa’eel kun jeequmsa guddaa kaasa jedhamee sodaatamee ture.

A.l.A. bara 1996 jettoti waraanaa mootummaan Israa’eel dhaabbata bilisa baasaa Paalastaayin Hiziboolaa biyya Libaanos keessa jiru dhabamsiisuuf guyyoota 17 tuman.Garuu milkaa’ina hin arganne.

3. A.l.A.bara 2000 irraa kaasee hamma hardhaatti haala irra jiran

A.l.A.ji’a fulbaana bara 2000 dhumarratti jeneraalli humna waraana Israa’eel duraanii kan booda muummicha ministira Israa’eel ta’an, Eriyaal Shaaroon, loltoota isaanii kuma tokkoon waa’elamanii magaalaa Iyeruusaaleem keessatti kan argaman iddoowwa amantii,erga daawwatan booda iddoowwan dawwatan sun hundi kan Israa’elotaa akka ta’an murteessan.Murtiin isaanii kun Paalastaayinota baayi’ee dheekkamsee, fincilaaf isaan kakkaase. Loltooti Israa’elis uummata Paalestaayin hiriira ba’an irratti tarkaanfii gara jabummaa fudhatan.

Sababii kanaan walitti bu’iinsi isaan gidduu jiru itti caalaa deeme.Biyyooti Arabaa baayi’een Paalastaayinota deggeeruudhaan tarkaanfii garaa garaa fudhachuudhaan, naannoo bahaa giddu galeessa kana, naannoo jeequmsaa, tasgabbii hin qabne godhan.

Karaa gara biraatiin immoo Ameerikaaniifi biyyooti Awurooppaa saahibawwan (michoowwan) Israa’eel waan ta’aniif rakkoon uumame akka itti caalu godhan.Sababiin kanaa inni guddaan immoo,lammiileen Paalastaayin biyyoota Arabaa baayi’ee keessa kooluu galtoota ta’uu isaaniifi Israa’eelis lafa humnaan qabatte, West bank jedhamu irratti manneetii jireenyaa lammiiwwan isheef ijaaraa waan jirtuuf walitti bu’insa isaanii itti caalchisaa deeme.

Waan kana ta’eef tibbaa ammaa adduunyaa kana irratti kan hundeeffaman jaarmaaleen shororkeessitootaa akka ka’aniif sababii kan ta’an keessaa tokko dhimma Arabaa,/Paalastaayinootaa/fi Israa’eel wajjin kallattiifi al kallatiidhaan walitti hidhatanidha.

Kana malees Ameerikaafi biyyooti Awurooppaa, biyyoota bahaa giddu galeessa too’achuudhaan bu’aa diinagdee,hawaasummaafi siyaasaa isaanii karaa Israa’eeliin eegsifachuuf fedhii qabanirraa kan ka’e, Israa’eeliin deggeeru.Egaa kabajamoota dubbistootaa, hardhaaf hamma kana yoon isin dubbisiise yaalliikoo naharkatti hin tuffattani jedheen abdadha.Yeroo gara biraa immoo dhimma gara biraa qabadheen dhiyaadha. Galatooma !

Saamu’eel Hordofaa Miijanaa irraa

(M.A.in PSIR)

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s